Dirribee Gadaa: Diddaa barattoota Garba Gurraachaa, hidhaa Maa'ikalaawii hanga Ameerikaa

Art. Dirribee Gadaa uuffata aadaa Arsii uffattee qabee qabattee

Madda suuraa, Art. Dirribee Gadaa

Ibsa waa'ee suuraa, Art. Dirribeen uuffata aadaa Arsii uffattee qabee qabattee
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8

Geerarsishee kilaashii hidhattee, eeboo qabachuun, gaachana mirmirsaa takkatuu farda yaabbattee, takkatuu immoo daggala keessaa geerartuu fi boodarra maqaa ishee ol kaase sun, wayita gabaarra oolu isheen reefu barattuu barnoota sadarkaa 1ffaa xumurti ture.

Wallee geerarsa sanaan waltajjii uummataatti yoo baatu hedduun imimmaan xuruurfatanii boo'un, kuun geerarsaa fi sochii ishee waltajjii faana miiran hurgufamaa jaalala ishee fi hojiisheef qaban mul'isaniifii jiru.

Artiist Dirribee Gadaa, geerarsa yoo eegaltu hawusoon tokko keessallee hin turre, iddoon itti muuziqaa shaakaltes ta'ee, Gumiin Dagaagina Aadaa fi Afaan Oromoo yoos beekamullee sababa muuziqaatti ishee fide akka hin turre himti.

Garuu sun hojiisheetiin miliyoonota qalbii hawwachuu fi diddaaf dammaqsuurraa ishee hin hanqifne.

Walleewwan ishee, addatti immoo geerarsi, dhageettii fi jaalala uummataa itti argatte sababa beekkamtii qofa osoo hin taane, hidhaa fi godaansaafis ishee kaadhime.

Dhumarra biyyaa fi biyyoo abbaa ishee Oromiyaarraa ishee adda baase.

Art. Dirribee Gadaa seenaa ofii kan muuziqaa, qabsoo diddaa barattoota Oromoo walleetti ishee galche, bu'aa bayii jireenya ishee darbee fi boruu irratti BBC waliin gaaffii fi deebiin goote kunooti:

Art. Dirribee Gadaa waltajjiirraa uffata aadaatiin yoo welliftu, duuba ishee kanneen dhiironni lama meeshaa muuziqaa taphatanii fi meeshaan muuziqaa ni mu'ata.

Madda suuraa, Dirribee Gadaa

Ibsa waa'ee suuraa, Art. Dirribee Gadaa waltajjiirraa yoo sirbitu

Diddaa barattootaa mana barnootaa Garbagurraachaa, wellee fi Filannoo 1997

Dirribee Gadaa kan dhalattee guddatte Salaale aanaa Kuyyuutti. Bara 1997 ALI'tti

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mana Barnootaa Garba Gurraachaa Lakk.3 jedhamutti barattuu kutaa 7ffaa turte.

Albamii ishee geerarsa dabalatee walumatti sirboota 10 hammate kan baaftes ganna bara 1998 ture.

Wayita kanatti hawusoon isheen keessa turtes ta'ee, iddoon itti muuziqaa itti shaakalte hin turre.

"Akkuma beekamu kennaa sagalee waan ta'e ni qabna uummanni Salaalee, baadiyyaatti dhaladhee waan guddadheef akkuma warra kaanii waan naannoo itti guddannetti ni sirbina.

Gaafan istuudiyoo seenee sirba baasuu dura garuu shaakalliin ani godhe hin jiru, hawusoon itti makames hin jiru,"jetti.

Wanti ijoon fedhii wellee baasuu ishee keessatti uume immoo sochii siyaasaa filannoo Itoophiyaa 1997 jedhamuu hordofee finiine ta'uu dubbatti.

"Naannoo keenya keessumaa naannoo magaalaa garba gurraachaa sochii barattootaa cimaatu ture."

Haalli keessa jirru waan na dirqisiisee garasitti akkan deemu waan na godheef murannumaaf dhiibbaa jirutu garas na fide jetti.

Albamni jalqabaa sirboota aadaa, geerarsa, sirboota jaalalaa fi kaan qabu kan mata-dureen isaaa 'Ani ofii sin tuqu' jedhu bara 2000 keessa gabaarra oole. Mata dureen isaa geerarsa boodarra ittiin beekamteen mogga'e.

"(Ka'ee geeraruu laataa x2),(durbeen geerartuu laataa x2)

(Yoon geerare maal ta'a, geeraraan aadaa kootii x2)

(Aadaa koo qofaa moti, aadaa saba kooti aadaa saba kootii x2)...

...an nan nyaadha garuu (biddeena garbuu naan dachaasin malee x2)

an ofii sin tuquu (ati tuttuqxeetoo nan kaasin malee x2)..."

Ergaa geerarsaa kanaa yoo ibsitu Art. Dirribeen haala yeroo duraa duuba filannoo 1997tiin ibsiti : "Yeroo sanitti qe'uma keenyarratti mirga dubbachuu, mirga filachuu, mirga jiraachuu gaafanne. Kana gaafachuu keenyan maaliif gaaffii kana gaafattan jedhamuun ofii nu tuttuquu akka ta'etti waan natti dhagahameeni."

Oromoon abbaan fedhe, bakka fedhee akka fedheen dhufeellee yoo jiraate akkan amanutti namatti hin bu'u.

Maaf jiraatte, maal kana goote, maaf san goote hin jedhu.

Garuu bakka jirurratti yoo dhiibbaa nutti baay'isan guyyaa tokko ka'uun hin oolu ergaa jedhu qaba jetti.

Sochii barattoota manneen barnootaa Magaalaa Garba Gurraachaa

Taatee gubachuu bosona Baalee hordofee bara 1992 sochiin barataa bakki itti eegale keessaa takka magaalaa Garba Gurraachaa ta'uu namni sochii kanatti dhiyoo turee fi maqaan isaa akka hin eeramne nu gaafate BBC'tti himeera.

Sochiin sun itti fufee bara 1994 keessas ka'ee ture jedha.

Sababa magaalaan muummee Oromiyaa Finfinneerraa gara Adaamaatti geeddarameen immoo bara 1996 keessas manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti magaalattiitii fincilli barataa ammas deebi'ee finiine.

Fincilli barataa sun hiriirawwanii fi gaaffii ijoo dantaa Oromiyaa gaafachuun akka itti fufee fi boodarra hidhaa fi dararaan barataa hammaatee turuu yaadachiisa maddi kun.

Kuyyuu fi Garbagurraachaa keessaa barattoonni yeroosii sababa kanaan hidhaa fi dararaaf saaxilaman, kan biyyarraa baqatan,kan sochii hidhannootti makaman, kanneen barnoota addaan kutan hedduu turan jedha.

Bara 2008 Maastarplaaniin Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa irratti fincilli Oromiyaa maratti dhooyef barattoonni manneen barnootaa Garba gurraachaa wiirtuu sochii turte.

Artiist Dirribee Gadaa egaa warra xombora diddaa barattootaa kana welleen masakuun Oromiyaa guutuuf ifa ta'an keessayi.

'Waltajjiirra yoo bahee geeraru hedduun ni boo'a, kuun dhaabbiitti miiraan hurgufama'

Artiist Dirribeen geerarsi ishee sirboota kaan wajjin gabaarra oole dhaggeeffatamuufis hanga kiliippiidhaan bahutti garuu dhageettiin isheef fide murtaawaa ture. Bara 2000 ALI'tti sirboota artiistota kaanii waliin kolleekshiniin isaa baanan garuu dinqisiifannaa fi jaalalli isheen uummatarraa argatte daangaa hin qabu ture.

Welleen geerarsaa kun taphachuun dura beeksisaafii kan kiliippicharraa dhaadatu kan dhiyoo addunyaa kanarraa boqote artist Sorsaa Lammii: ''Ihiihii!..Ishoo!... (Geerari Dirribee! x2) yoo roorroon sii gamee" jechuun eegalchiisa. Geerarsi ishee itti fufa.

Asumarraa ka'uun magaalaa baadiyyaa deemtu maratti uummanni fuulleetti na arge marti "Geerari Dirribee!" jedhee akka dinqisiifannaa qabu ibsuuf dubbatti.

Baandii Saglan Booranaa wajjin yeroo heddu hojii waltajjii akka hojjette kan dubbattu isheen.

Konsartii Irreessaa dabalatee qophii adda addaa yoon Baandii saglan Booranaa hojjedhu "ani geeraruuf waltajjiitti bahee jennaan uummanni imimmaan dhugaa buusee boo'a, hedduu ni hurgufaman," jetti.

Ofii baadiyyaa ijoollee baadiyyaatti dhalatee guddatte bahe ta'uu kiyyaan, hagas dandeettii waltajjiitti sirbuu muuxannoo gahaa dhabullee akka gaariitti na jaalata uummanni. Waan ani jedhus hubatu jetti.

Qormaata biyyaalessaa guyyaa 2ffaa irraa qabamtee Maa'ikalaawiitti hidhamuu

Dhageettiin weellee isheetiin horatte mootummaa yeroo sanii hirriba dhorkeera. Addatti geerarsi ishee quuqqaaa uumataa waytii sanaa ibsuu fi dadammaqsu Artiist Dirribee ija humnoota tikaa buuse.

"Akkuma kaassettaan [kan sagalee] sun magaalaarraa ooleen hordoffiin xixiqqaan narratti godhamuu eegale. Garuu gaafa kilippiitti isaa hojjetamee viidiyoon isaa gabaarra oolu dhageettii cimaa waan argateef ka duraa caalaa hordoffiin jabaachaatti dhufe, " jetti.

Wayituma barattuu sadarkaa lammaffaa turte yeroo jalqabaatiif mana hidhaa bakka dararaa ture Maa'ikalawaatti hidhamuu himti.

"Maatirikii [qormaata biyyoolessaa] kutaa 10ffaa guyyaa duraa qorameetin guyyaa lammataa osoo hin qoramin adda kute. Yeroo san ture yeroo jalqabaaf Finfinnee Maa'ikalaawiitti kanan hidhame.

Achi keessatti torchariin(dararaa)jiru, rukuttaa fi haala isaan nama godhan caalaa umrii guutuu kan sammuu namaa keessaa hin badne arraba isaan nama arrabsani."

Ji'ootaaf Maa'ikalaawiitti erga hidhamtee booda bahuun bara barnootaa itti aanu qormaata biyyoolessaa fudhachuu himti.

Hordoffii itti jabaate ishee yaaddesse Art Dirribeen, Harar dabalatee godinaalee Oromiyaa birootti sosso'aa turuu yaadatti. Albama ishee lammataa kan welleewwan 12 qabus godaansa kana keessa teessee xumuruu dubbatti.

Kaassettii lammataa san xumurtee gabaarra oolchuf yoon beeksisuu jalqabdu garuu ammas hordoffiin itti jabaate.

"Kanumti karaatti natti dhufe hundi qaama seerati ofiin jedhee- kunis asii na qabee, sunis achii na qabee bakkuma fedhanitti na hidhu, na gadhiisu, akkuma barbaadanitti na ari'aa oolu. Jalaa fiiguun ni cime. Kaassetta sanis gurgurachuuf hiree hin arganne,"jette. Hojiin ishee lammataa kun sababa kanaan hanga ammaa gabaarra osoo hin oolin jalaa akka hafe gaddaatii himti.

Isheedhaa hordoffii qaamolee tikaa baqachuuf Harar jirtuu, Oduun ministirri muummeen duraanii Mallas ni boqotan.

"Inni boqonnaan sirumaa shakkiin ni jabaate. Sochiin uummataas sochiin isaaniis ni jabaate. Anis gara Finfinneetti deebi'e."

Mallasaan du'ee birraa san Irreessarratti konsartii Irreessaa lama Bishooftuu fi Buraayyuu [Irreecha Malkaa Ateetee] irratti sirbitee turte.

Konsartii Irreecha Malkaa Ateeteerra kan turan gareen Artiistotaa hordoffiin jabaan irratti godhamus isheen malaan namoonni dhoksanii gara Shawaa Lixaatti miliqxee bahuu fi boodarras dhiibbaan siyaasaa daran hammaate kana hifattee biyyaa baate.

Maa'ikalaawii, Kaasanchisitti kan argamu, komishinii poolisii Oromiyaa, naannoo Siddist Kiiloo fi Kolfeetti walumatti Finfinnee keessatti iddoo afuritti hidhamuu yaadatti.

Artist Dirribee Gadaa Naayiroobii - Ameerikaa

Dhiibbaan siyaasaa, hordoffiin, rakkoon fayyaa dhumarra Dirribee biyya abbaa ishee, maatii fi hojii aartii jaalattu irraa adda ishee baase. Keeniyaatti godaante.

"Hordoffii fi rakkoo fayyaa natti hammaateen tumsa sabboontotni Oromoo biyyoota alaa garaagaraarra turan naa godhaniin bara 2013 gara Keeniyaa deeme."

Akka Keeniyaa seentenis ji'oota muraasa keessatti carraa barnootaa iskoolaarshiippii argattee barnoota kutaa 11 fi 12 barattee xumurte.

Kutaa 12 akka xumurteen kolleejjii barnoota aartii barsiisu tokkotti osoo barachaa jirtuu karaa UN ispoonsara argachuun gara Ameerikaa ceete. Akkuma baqataa kaanii jireenyi baqaa bu'aa bayii qabaachuu amma ni yaadatti. Yeroo ammaa Ameerikaa kutaa Siyaatil Waashintan jiraatti.

Artiist Dirribeen yeroo Naayiroobiitti barachaa turte. Suurri tokko kan kophaa yunifoormii mana barnootaan jirtu yoo ta'u, cinatti immoo ishee fi barattoota shan kan biroo mana barnootaa tokko waliin turantu yunifoormiidhaan ishee faana suura ka'antu mul'ata

Madda suuraa, Art. Dirribee Gadaa

Ibsa waa'ee suuraa, Artiist Dirribeen yeroo Naayiroobiitti barachaa turte.

Bara 2022 Itoophiyaatti deebitee daa'ima waggaa tokkoo waliin hidhamuu

Biyyaa baatee waggoota 13 booda waggaa lamaan har'aa [2024] obboleessi ishee boqochuun Dirribeen tasa akka gara biyyaa imaltuuf sababa ta'e. Taateen sun garuu hiree hamtuu kan dur baqattee biyyaa baaterra ishee buuse.

"Biyya gaafan deeme osoo itti hin yaadin tasa deeme. Booyicha obboleessa kiyyaa qaqqabuufani ture. Akkuma gaafa wayyaanee ari'amu sanitti na ari'uuf qophaa'anii taa'anii na eegan. Nan dhaqe. Nan hidhame. Daa'imni kiyya kan amata tokkoollee anuma wajjin hidhaa seene.

Taatee kana kan dararaa dur biyyarraa ishee baasee ol hadheeffatti.

"Kan durii caalaa kan hin daganne: gaafa wayyaanee afaan amaariffaatiinin arrabsame, jechoota isaan ittiin na arrabsan san ani hunda hin dhagahu, miilana garuu ilma abaluu jedheen naman beekun, naman gosa beekuun, nama afaan walii beeknuun, nama ganda walii beeknuun, namoota saniiniin arrabsamee daddarbame."

Guyyaa tokko daa'ima kichuu waggaa tokkoo waliin hidhaa bultee baate. Yoo ishee gadhiisan "akka Garba gurraacha keessa hin bulle!" jechuun akeekkachiisanii ta'uu dubbatti.

"Boo'a obboleessa kiyyaa guyyaa takka dabarsee [sagalee boo'ichaa] guyyaa itti aanu maatii kiyyahuu osoo fuula hin argine gara Finfinnee ofirra deebi'e.

Hidhaan kun 'akkuma duraanii uummata kakaafta, qaama bosona jiru hidhannoon gargaarta' jechuun akka isheerratti raawwate himte.

"Waan nama ajaa'ibu immoo inni na qoratu na fuuldura taa'ee geerarsa koo waggaa kudha meeqa duraa dhaggeeffataa na qorata ture.

Kan gaaf mootummaan kun aangoorra hin turree, kan akka mootummaan kun aangotti dhufuuf lola turreeti gaaffiin ani gaafatamu" jetti.

Yaada aartii muuziqaa Oromoo fi hojiiwwan isheerratti qabdu

Art. Dirribee uffata aadaa Shawaa fi qabee aadaa waliin

Madda suuraa, Art. Dirribee Gadaa

Ibsa waa'ee suuraa, Art. Dirribee uffata aadaa Shawaa fi qabee aadaa waliin

Aartist Dirribeen hojiiwwan muuziqaa ishee kan dhiibbaan siyaasaa irraa ishee kuterratti yaada BBC'f yaada kenniteerti. Welleewwan ishee 12 sababa dhiibbaa tureen erguma dhumaniif gabaarra ooluf jedhan doorsisaan gabaarraa ugguramanii jiru. Hojiiwwan ishee kunneen waggoota 14 dura kan hojjetaman ta'uu isaaniin ammatti akkuma jiranitti gabaarra ooluu hin danda'an.

Haalli yeroo san turee fi ammaa garaagarummaa hedduu qaba. Haalli siyaasaa, meeshaan muuziqaa, gabaan muuziqaa yeroosii fi har'aa wal adda.

Irra deebitee hojjechuuf yeroo lamaa sadi yaaltus hin milkoofne jetti. Hojiin muuziqaa biyyarraa hojjetamuu waan dirqisiisuf fageenyi ishee daangesseera.

Jiruu biyya alaa waldhaansoo wal qabdeen immoo horii caalaa yeroo gahaa kan itti hin arganne. Aartiin immoo horii fi yeroo gaafata jetti.

"Yeroo hedduu yaale. Fuulduraafis deebi'ee gabaarra nan baasa fi kaan gaaffii dha. Yoon biyyatti galees dalaguuf anaaf haalli kaleessaa fi har'aa tokkuma rakkisaa dha."

Gulantaa aartiin muuziqaa Oromoo amma irra gaherratti yaada kenniteen bakka aartiin muuziqaa Oromoo amma gahe akka lamatti akka hubattu dubbatte.

"Akka tokko, bakka turerraa aartiin Oromoo baay'ee gara fuulduraatti deeme-meeshaa muuziqaa, sagaleedhaan, walaloodhaan, baay'ina artiistotaan baay'uma gara fuulduraatti deeme.

Gara biraatiin immoo yoon ilaalu- artiistiin kan durii caalaa dadhabbii, baasii giddaadhaan muuziqaa hojjeta.

Baasii san itti baasee waan itti baase argachuu hin danda'u. Aartiistonni keenya waan dadhabbii isaanii yoo hin arganne, ofitti amanamummaa fi bilisummaa dhaba.

Kun immoo artiistonni fedhii fi dandeettii ofii irraa maqanii gara hin malletti akka harkifamanii fi dhiibbaaf akka saaxilaman godha. Kun aartii keenay miidhuu danda'a jetti.