Shamarreen 'qaama saalaa lamaa fi kalee tokko' qabdu waan ishee mudate ifatti dubbatte

Abigeel Kendi, shamarree umrii waggaa 19
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Yeroo garii fayyaan dhala namaa kun doktarootattillee iccitii ta'a. Dhibeen ogeeyyiin fayyaa adda baasuuf rakkatantu darbee darbee mudata.

Shamarree Keeniyaa umriinshee waggaa 19 ta'e Abigeel Kendii rakkoo fayyaa akkasiitu mudate.

Kalee tokkittii jireenyasheef murteessaa taate qabdi. Gadameessa lama, ulaa gadameessaa lamaa fi buqushaa lama waliin dhalatte.

Gaazexeessituun BBC Ashaa Jumaa shamarree kanatti dubbachuun rakkoo gama kanaan jiru ibsuuf carraa argatteetti.

Abigeel rakkoo dhalootarraa qaamashee mudate kanaan qoramuu kan jalqabde bara 2020 irraa eegalteeti.

Dhalattee hamma guddattutti akkuma shamarran kaanii turte, garuu rakkoon kun jiraachuu kan barte wayita umrii dargaggummaa seentu.

''Wayitan yeroo jalqabaaf marsaa laguu argu dhukkubbiin natti dhagahame,'' jechuun yeroo dhukkubbiin ishee eegalee fi rakkoo fayyaa akkasii qabaachuu guyyaa barte yaadatti.

''Haadha koo gaafannaan haaluma shamarraniitu akkasi naan jette. Sanumaanin deeme. Sana booda mana fincaanii deemuullee nan dhaabe. Sirriitti fincaa'uun dadhabe. Ol na deebisuu eegale. Ammas haadha kootti yoon himu akka waanan qoosuutti fudhatte,'' jetti shamarreen kun.

Abigeel fi harmee ishee
Ibsa waa'ee suuraa, Abigeel fi harmee ishee (kan haala hunda keessatti waliin sochootu)

Rakkoo kana waliin jiraachuun kan itti ulfaate Abigeel, guyyaa itti aanu hospitaala geeffamte.

''Qorannoo ulfaa narratti gaggeessuu eegalan. Sababni isaa qaamni kiyya baayyee dhidhiita'ee ture. Gariin ni ulfoofte jedhanii na shakkuu eegalan,'' jette.

Garuu qorannoon gaggeeffame ulfa ta'uushee waan mul'isu hin turre. Kanaaf doktaroonni rakkoo kana adda baasuuf qorannoon dabalataa akka gaggeeffamu ajajan.

Qorannoo dabalataa gaggeeffame kanaan doktaroonni ''kalee tokko, gadameessa lama, ulaa gadameessaa lamaa fi buqushaa lama qabaachuu koo mirkaneeffatan,'' jette Abigeel.

''Kalee tokko qofa qabaachuun rakkoo hin qabu, namni biraa namaaf kennuu danda'a. Garuu kan koo waan bishaan fakkaatu. Cirracha kaleerraa of eeguuf jecha yeroo mara dawaa fudhachuun qaba. Jireenyi kiyya rakkoo keessa akka gale wayitan hubadhu harka kennuu bira ga'een ture,'' jetti.

''Marsaa laguu argee hin beeku''

Abigeel Kendi (mirgarraan) Gaazexeessituu BBC Ashaa Jumaatti wayita dubbattu
Ibsa waa'ee suuraa, Abigeel Kendi (mirgarraan) Gaazexeessituu BBC Ashaa Jumaatti wayita dubbattu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abigeel haalli ishee kun qormaata hedduuf akka ishee saaxile dubbatte.

''Dhukkubbii nan qaba, garuu akka dubartoota kaanii laguu kiyya hin argu. Yeroo tokkollee laguu kiyya argee hin beeku. Yeroon raajii ka'ee ba'u waan akka dhiigaa suuraa irratti argeera, Yeroo sanan akkan sadarkaa laguu arguurra ga'e hubadhe,'' jetti.

Rakkoon Abigeel keessa jirtu kun akkasheen jireenyashee jibbitullee taasiseera.

''Of qeequun jalqabe. Qaama koo komachuun jalqabe. Kitaaba qabiyyee kana qabullee barreesseera,'' jette.

Abigeel mana fincaanii deemuufillee akka rakkattu dubbatte.

''Yeroo garii qaamni kiyya foolii badaa an hubachuu hin dandeenye baasa.''

Abigeel dhukkubbiin akka waan laguurra jirtuutti wayita itti dhagahamuu fi daandiirra wayita deemtu namoonni akka waan isheen gar tokkotti jallattee (duuftee) deemtuutti yaada kennuufii dubbatte.

Kunis sababa dhiiga marsaa laguu qophaa'e gara alaatti ba'uu dhiisee keessoo qaamasheetti daran kuufamuufi.

Abigeel haala rakkisaa keessatti waan ishee fayyaduu danda'u qabaachuu akka qabdu hubatti, garuu hin dandeenye.

Fakkeenyaaf ''fincaa'uu hin danda'u. Yeroo baayyee dawaan fayyadama. Yeroo kaan ammoo ujummoo fincaan gara alaatti baasun fayyadama. Kunis dhibee natti fiduu wayita hubatan doktaroonni akkaataa itti fayyadamasaa na barsiisan. Wayita fincaanni na qabu ofitti kaa'een itti fincaa'a, isa booda nan gata,'' jette.

Dhibeen Abigeel kun akkasheen hin fincoofne qofa osoo hin taane bobbaallee akka hin baane ishee danqeera.

''Salphaa miti. Tarii meeshaan ittiin qaama kiyya keessaa bobbaa baasu (colon cleanse) waanan fayyadamuuf ta'uu danda'a. Kanas yoo ta'e akka ofiin bobbaa ba'an hin ta'u.''

Abigeel wayita dhiigni marsaa laguu baayyinaan kutaa qaama walhormaataa keessatti jigee hafu mar'imaan ishee akka qulqullaa'uuf mana yaalaa deemti.

Rakkoo hamtuu mana barumsaatti...

Abigeel mana barumsaattillee ujummoo ittiin fincooftu fayyadamti.

''Ammallee wayita mana fincaanii deemu nan fayyadama. Afuuffeen kiyya baayyee dhiita'aa jiraachuu waan baraniif,'' jette.

Rakkoon Abigeel kun erga hubatamee booda mana barumsaatti addatti mana fincaanii akka fayyadamtu eeyyamameeraaf.

Garuu barattoonni kaan maaliif akka addatti fayyadamtu baruu waan barbaadaniif kunis qormaata biraadha.

''Barattoonni hangam akkan nama addaa ta'e na gaafatu. Maaliif akka manni fincaanii addatti naaf kenname baruu barbaadu. Barsiisonni na hin hubannes ana waliin dabaree seenanii fayyadamuu kan barbaadan jiru,'' jette Abigeel.

Abigeel rakkoon fayyaa isheen itti qoramtu hedduudha.

''Yeroo hunda mataatu na dhukkuba. Maashinaan erga na ilaalanii booda sammuu koo keessa dhangala'aan jiraachuu argan. Ammoo afuuffeen kiyya dhiita'us meeshaa ittiin fincaa'u argachuu hin dandeenye. Kaleen kiyya tokkittiin yoo oppireeshiniin yaalame ammoo deebi'ee hojjechuun yaaddoodha,'' jechuun rakkoo keessa jirtu himte.

Yeroo torba wal'aansa baqaqsanii yaaluu...

Abigeel Kendi rakkoo fayyaa ishee mudate qofaan miti kan qoramte. Wal'aansi fayyaa taasifamuufis salphaa hin turre.

''Qaama walhormaataa kiyya wal'aansaan sirreessuuf yeroo torba baqaqsanii na yaalan. Kun akkan akkuma dubartoota kaanii marsaa laguu akkan arguuf ture. Garuu kunis hin milkoofne,'' jette.

Dubartiin kun akka dhala namaatti wal'aansi taasifamuuf akka ishee nuffisiisee fi abdii kutachiise dubbatti.

''Wal'aansa baqaqsanii yaaluu hedduutu naaf godhame. Yeroo tokko tokko waanan akkanumaan maatii kiyya kisaarsaa jiru ta'ee natti mul'ata. Na yaalsisuuf waan hedduu gurguran. Akkasis ta'ee hin milkoofne.''

''Amma abdii kutadheera,'' kan jettu shamarreen kun ''yeroon du'uu filadhefaa qaba,'' jette.

Garuu sababa jechoota ishee jajjabeessan fi abdii ta'aniif maatiisheerraa dhageessuuf hamilee horattee jireenya itti fufuu himte.

''Jechootaan na jajjabeessu. Na barbaadu, na kunuunsu jedheen yaada. Yeroo kana abdiin horadha, bor waan gaariin dhufuu akka danda'un abdadha.''

Rakkoo hubatamuu dhabuu...

Abigeel Kendi rakkoon ishee hubatamuu dhabuun akka ishee miidhe dubbatte
Ibsa waa'ee suuraa, Abigeel Kendi rakkoon ishee hubatamuu dhabuun akka ishee miidhe dubbatte

Wayita qormaata jireenyaa keessummeessitu hawaasa keessatti hubatamuu dhabuun waan jiruudha.

Garuu rakkoo akka Abigeel kana qabaatanii hubatamuu dhabuun dhibee biraa dabala.

Abigeel namuu haala ati keessa dabartu irratti ilaalacha adda addaa qaba, akka adda addaatti hubata jetti.

''Qaama saalaa lama qabaachuu kee namatti ibsuun ni ulfaata. Kan sirriitti si hubatus hin jiru. Tarii rakkoo fayyaa ta'uu ni hubatu ta'a. Garuu rakkoo an keessa jiru naaf hin hubatan.''

''Kaan falfala jechuu malu. Waan akkoo fi akaakileen keenya kaa'anii darban se'u. Mana amantii deemnee akka fayyuu qabnufaa yaadu. Kaan ammoo akka waanan dhiibamee akkas gochaa jiruutti hubatu,'' jetti Abigeel.

Shamarreen kun maatiinshee ishee yaalsisuuf qabeenyasaanii fixachuu dubbatte. Garuu ammallee rakkoonshee fala hin arganne.

''Kanan onnee kiyya banee waan na mudate hunda ibsaa jiruuf tarii nama garaa naaf laafee na gargaaru yoon argadheefani. Kanneen rakkoo akka kiyyaa kana osoo qabanii dhoksanii waliin rakkatanis akka himatanii fala argataniif jedheen dubbadha,'' jette.

Abigeel namoonni osoo rakkoo fayyaa qabanii iciitiidhaan qabanii waliin dhiphatan as baasanii dubbachuun akka fala argachuu qaban gorsiti.

Abigeel Keeniyaatti hospitaala Keeniyaataa jedhamutti yaalamteetti. Guyyaa tokko fayyitee hawwiishee ganamaa kan ta'e doktara akka taatu abdatti.