Itoophiyaan ulaa galaanaa akka hin arganneef Masiriin marsitee qoccolaa jirti- Ministira Dhimma Alaa

Dubbii Himaa Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa, Ambaasadar Nabiyaat Geetachoo Masirii himatan

Madda suuraa, Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Dubbii Himaa Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa, Ambaasadar Nabiyaat Geetachoo
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dubbii Dhimaan Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Nabiyaat Geetaachoo, Masiriin fedhiin misooma biyyoota Qaxanaa Gaanfa Afrikaa akka hin milkoofne waggoota dheeraaf hojjechaa turte jedhan.

Ambaasadar Nabiyaat Ibsa miidiyaaleef kennan irratti Masriin ''qaxanaa kana keessa waan marsuu fakkaatuun sochiin taasisaa jirtu irra dedebiin mul'achaa jira'' jedhan.

''Qoccolloo, muddama kan fakkaatan irra deddebiin mul'ataa tureera. Kun waan haaraa mul'ate miti. Yeroo dheeraaf waan kana gochaa turte.''

Tooftaa waggoota dheeraaf yaalaa turtedha kan jedhan abdaasadarichi Itoophiyaaf Hulaa galaanaa argachuun hagam murteessaa akka tahe agarsiisa jedhan.

''Itoophiyaan fedhii misoomaaf qabdu yeroo kaastu hudhanii qabuuf sochiin taasisan dabaluun jira'' jedhan.

Kun garuu waggota dheeraaf waan turedha kan jedhan dubbii himaan Ministera dhimma Alaa Itoophiyaa kun ''Itoophiyaan gaaffii hulaa galaanaa argachuu jabeessitee itti fufti'' jedhan.

Gaaffiin Ulaa Galaanaa argachuu Itoophiyaa uummata ishee irraa dabalatee qaamolee adda addaa irraa deeggarsa kan argatedha jedhan.

Ulaa Galaanaa argachuuf sochii Itoophiyaan taasiftu karaa nagaa tahuu isaa irra deddeebiin ibsaa turreerra jedhan Ambaasadar Nabiyaat.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaan ijaarsa Hidha Haaromsaa erga jalqabdee hanga har'aatti walitti dhufeenya Itoophiyaa fi Masirii rakkoo keessa galeera.

Masiriin hammi bishaanii argadhu akka na jalaa xiqqatu taasisa jechuun misomaa fi guddina Itoophiyaaf murteessadha pirojektii jedhame kana mormaa turte.

Masiriin waggoota sadan darban kana keessa hariiroo Somaaliyaa fi Ertiraa waliin qabdu haalaan jabeesite. Itoophiyaatti marsuu karaa fakkaatuun Sudaan, Eertiraa fi Somaaliyaa waliin waliigaltee adda addaa mallatteessaa turte.

Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf gaaffii erga dhiyeessuu jalqabdee dura dhaabbachuuf Masiriin, Eertiraa fi Somaliyaa waliin michummaa akka jabeessite Itoophiyaan himaa turte.

Itoophiyaan Waliigaltee Wal Hubannoo Somaaliilaand waliin bara 2024 yeroo mallattessitu Masiriin Somaaliyaa cina dhaabbachuun walabummaa fi tokummaa daangaa Somaaliyaa deeggarra jechaa turte.

Sababni isaa ammoo Somaaliyaan waggoota 30 oliif ofiin of bulchaa kan jirtu Somaaliiland qaama bulchiinsakooti waan jettuufi.

Itoophiyaan hulaa galaanaa karaa nagaa argachuu fi waliin guddachuuf Eertiraafis gaaffii dhiyeessaa turte.

Garuu waraana Tigiraay booda hariiroon Eertiraa fi Itoophiyaas addaan cite.

Ertiraan gaaffii hulaa galaanaa Itoophiyaafis deebii gahaa hin kennine.

Itoophiyaanis deebii quubsaa waan dhabdeef gara Somaaliilaanditti fuula ishee deebistee ture.

Yeroo kana akkuma Masirii Eertiraanis Somaaliyaa cina akka dhaabbatu ibsite.

Biyyoonni sadeen waliigaltee waraanaa dabalatee waliigaltee adda addaa walii mallatteessaniiru. Masiriin Ergama Nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti waraana ishee Somaaliyaatti erguu akka barbaaddus ibsaa turte.

Waggoota dheeraaf michuu Somaaliya akan turtee fi humna waraanaa Somaaliyaa cina dhaabbachuun AL-Shabaab lolaa kan turte Itoophiyaanis dhimma kana mormaa turte.

Tibbana ammoo Ministirri Dhimma Alaa Masirii Badir Abdellaatii daawwannaa gara Asmaraatti taasisaniin, biyyoonni lameen waliigaltee geejibaa fi daldalaa walii mallatteessaniiru.

Akkaataa waliigaltichaatti biyyoonni lameen geejiba galaanarraa wal quunnamu.

Kaayyoon sarara doonii kana walitti hidhuu ammoo carraa hulaa galaanaa qabaachuu isaanii kanatti fayyadamuun daldalaafi tajaajila loojistikii biyyoota lameenii fooyyessuu akka tahe ibsan.

Biyyoonni lameen buufata doonii galaana Diimaa irraa qaban walitti hidhuu qofa oso hin taane nageenya isaa irrattis mari'ataniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Masirii Abdellaatiin biyyi kamiyyuu Galaana Diimaatti bahu nageenya qarqara isaa kabachiisuuf itti gaafatamummaa qaba jedhan.

Nageenya qarqara Galaana Diimaa kabachiisuuf biyyi alaa biraan keessatti hirmaachuu hin qabu jedhan.

Abdellaatiin biyya kam jechuu akka barbaadan maqaa hin dhahiin malee hulaa galaanaa argachuuf biyyi irra deddeebiin gaaffii dhiyeessaa turte Itoophiyaadha.

Biyyoonni lameenuu gaaffii Itoophiyaa kanaaf deebii gahaa kennaa hin turre.

Inumaayyuu Itoophiyaa fi Eertiraa gara walitti bu'insaatti geessuu danda'ama jedhamee soodatameera.

Masiriin Ertiraa waliin hariiroo cimaa uummachuu kan jalqbde yeroo Eertiraan Itoophiyaa irra foxxoquuf qabsoo hidhannoo gaggeessaa turte irraa jalqabuuni.

Hariiroon Masirii fi Eertiraa dhiyeenya ammoo akka malee dabaleera.

Bulchiinsa qarqara galaanaa ilaalchisees biyyoota hulaa galaanaa qaban qofa ilaallachuu qaba jechaa turan.

Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa km 60 hin caalle irratti kan argamtu yoo tahu rakkoon nageenyaa Galaana Diimaa irratti mudachuu malu kamuu nageenya biyyaalessaa isheef yaaddoo tahuu himti.

Dhimma daldalaafis tahe nageenya biyyaalessaa isheef Itoophiyaa, biyyi uummata miliyoona 120 ol qabdu hulaa galaanaa argachuu akka qabdu gaaffii dhiyeessaa turte.

Itoophiyaan meeshaalee alaa galchuufis tahe biyya alaatti erguuf buufata doonii Jibuutii irratti hirkatti.

MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed hulaa galaanaa argachuun ''dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti'' jedhan.