Taphataan Arsenaal umrii xiqqaa Maaks Dowmaan qormaata biyyaalessaa qaba

Madda suuraa, Getty Images
Waggoota 22 booda waancaa Pirimiyerliigii Inglaand nyaatee guyyoota lama booda har'a [Kamisa] shaakalatti deebi'eera.
Taphataan Arsenaal ganna 16 Maaks Doowmaan, qormaata biyyaalessaa (GCSE) qabaatus, qormaatarra taa'uu isaa waan mul'isu hin jiru.
Doowmaan seenaa keessatti taphataa umrii xiqqaa jalqabaatii Waancaa Piriimerliigii kaase ta'eera.
The Gunners (Arsenaal) Kibxata darbe ture kilabni sadarkaa lammaffaarra jiru, Manchistar Siitiin, Boornmaz waliin qixa bahuu hordofeeti kan Waancaa Piriimerliigii mo'achuu mirkaneeffate.
Arsenaal tapha xumuraa Piriimerliigii Inglaand Dilbata Kiristaal Paalaas waliin qabuuf shaakalarra jira.
Arsenaal ammas Caamsaa 30 tapha xumuraa Waancaa Chaampiyoonsliigii kilaba Faransaay PSG waliin taphata.
Taphataan ganna xiqqaa Doowmaan qormaata biyyaalessaa qabu gosoota barnootaa maal maal akka qoramu hin beekamu. Garuu qormaanni biyyaalessaa tibbana kennamu gosoota barnootaa Afaan Ingiliizii, Bizinasii, Ikonomiksii fi barnoota Jabeenya Qaamaa of keessaa qaba.
Gurbaan xiqqaan kun Shaampiyoonsliigiis kilaba kanaa wajjin waancaa kan kaasu taanan ayyaantudha jechuu dha.









