Waa’ee sa’aatii barri dhumaa dhiyaachuu lakkaa’u kanaa beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Waa’ee sa’aatii barri dhumaa dhiyaachuu lakkaa’u jiraachuu dhaggeessanii beektuu? Dhugaatti kan waa’ee bara dhuma agarsiisuudhaa?
Barreeffamni kunis Sijee Beerd, Yunivarsitii Kaambiriijiitti, qorataa Wiirtuu Qorannoo Balaa jiraachuu (Existential Risk)n kan dhiyaateedha, dhiyaadhaa.
Waa’ee bara dhumaa yeroo jalqabaatiif kanan dhagahe walakkeessa bara 1990tti ture. Barsiiftuu tiyya turte kan waa’ee sa’aatii bara dhumaa natti himte.
Barsiiftuun teenya barataa daree guututti wayita waa’ee dhimma bara dhumaa kana himtu fuulasheerraa yaadaan qabamutu dubbifama ture.
Wantoonni kanaan dura ta’an hundi waggaa tokko keessatti ni dhiphisu jette. Fuula keenyarratti bitaa nutti galuu mul’ata ture.
Jireenyi kan eegale gara baatii Bitooteessaati. Daayinoosaroonni ammoo dhuma Muddeetti itti makaman. Dhumarrattis ilmi namaa jala bultii bara haaraa sa’aatii 11:30tti dhufe.
Barsiiftuun teenyas itti fufuudhaan, seenaa ilaamaan namaa kaasuudhaan yeroon dachii tanarra turru baayyee xiqqaa ta’u nu hubachiisuuf yaalte.
Itti aansunis qorattoonni Ameerikaa muraasni yeroon hanga halkan wallakkaatti qabnu baayyee gabaabaa ta’u akka amanan dubbatte.
Anis dhimma kana akka hojiittiin qabadhee ittiin hojjadhe jedhee yaadee hin beeku ture.
Har’a garuu Yunivarsitii Kaambiriijiitti qorataa ta’een hojjataa jira.
Guuyyaan dhumaa barootaaf, lakkoofsa yeroo hanga dachii kanarraa deemnuutti ittiin lakkaa’amu akka ta’ettiin yaadee ture. Garuu dhugaansaa waan biraati.

Madda suuraa, Almay
Halkan wallakkaadhaaf yoo sakandoonni 90 qofti hafan
Saayintistoonni sa’aatii bara dhumaa lakkaa’anis fakkii wagga waggaan hangam gara dhumaatti akka dhiyaachaa jirru akka ta’e agrasiisu baasu.
Baranas kunoo yeroo 76ffaaf baasan. Fakkii kanarratti sababiiwwan gara bara dhumaatti nu dhiyeessan itti dabalu.
Meeshaalee ajjeechaa jumlaa raawwatan, miidhaa naannoo umamaa keessa irra qaqabu, teknolojiiwwan haaraa dabalatee sababiiwwan garaa garaa tarreessu.
Pirezidantiin Barruu saayintistoota Atomikii kan turan, Riichaard Biroonsan halkan wallakkaa qaqabuudhaaf sakandoota 100tu nu hafe jechuun labsanii ture.
Yeroonsaas bara 2021 fi 2022 yoo irra kan ture ta’e ammoo 2023 booda sakandii 10niin hir’ateera. Bara 2024 eegalame kanas achummarra jira.
Kana jechuun maal jechuudha? Kan hubachuudhaaf jalqaba sa’aatiin eessaa akka dhufe, seenaansaa maala akka ta’e, attamiin akka hojjatu hubachutu ni barbaachisa.

Madda suuraa, Getty Images
Boombii nikulaaraa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Saffisni meeshaan waraanaa nikulaaraa ittiin hojjatamee xumurame namoota ilaalaniif qofaa osoo hin taanee kanuma oomishaniifu ajaa’ibsiisaadha.
Bara 1939tti Albarti Anistaayiin fi Liiyoo Siziilaand pirezidantii Ameerikaa yeroo sanaatiif xalayaa tokko barreessan.
Xalayaa isaanitinis waa’ee meeshaa waraanaa nikulaaraa cimaa ta’e ibsan.
Meeshaan kun baayyee cimaa ta’usaa ibsuun, ‘‘yoo qarqara galaanaa tokkorratti dhoofnee galoo galaanaa hunda barbadeessurraa hin deebi’u’’ jechuun pirezidaanticha kadhatan.
Egaan xalayaa kanatu pirojaktiin saayinsii, waraanaa fi indastiriin durfamu qindominaan akka dhalatuuf sababa kan ta’e.
Pirojaktiin kunis waggaa jahaffaa isaatti Ayinstayiiniifi Liiyoon kan tilmaaman caalaa bombii caalaa balaafamaa ta’e uume.
Boombiin kunis akka isaan jedhan, qarqara galaanaa kan barbadeessuu qofaa osoo hin taane, ummata magaala tokkoo kan dacheerraa balleessuu ta’ee argame.
Erga boombiin kun oomishameen wagga muraasaan booda ammoo, meeshaan waraana nikulaaraa addunyaa hammayyaa barbadeessuu danda’u omishamu eegalaman.
Meeshaaleen waraana nikulaaraa kunneenis jireenya ilmaan namaatiif balaadhaa yaaddoon jedhu kan dhagahame, saayintistootuma boombii nikulaara jalqabaa oomishan irraa ture.
Saayintistoonni kunneenis qilleensi naannoo dachii keenyaa dhohee akka bahu gochuudhaan lafarraa nu balleessa jechuun yaadda’u ture.
Yaaddoon isaanii kun kan dhagahuuf argachu hin dandeenye. Hayyoonni pirojaktii Maanhatan irratti hirmaatan ilaalchi boombii ofiisaaniin oomishaniif qaban jaqeelaa hin turre.
Bara 1942tti Yunvarsitiin Chigaagoo boombii kana hojjachuun akka danda’amu yaalii laaboraatorii gaggeessuun saayintisitiin mikaa’eef, Loos Almoos gara kaampii mootummaan isaaniif qopheesseetti akka qajeelan taasifaman.
Saayintistoonni muraasni ammo teknolojiin nikulaarii gara fuulduraatti dhumarra gahee ilmaan namaatiif balaa akka hin taane goochuuf sochii taasisaa turan.
Haata’u malee, mootummaan yeroo sana ture isaaniin gurra hin kennine ture.
Egaan saayintistoota kanneenitu Barruu Saayintistoota Chikaagoo jedhu kan eegalan.
Maxxansi isaanii jalqabaas, kan dubbistootaaf dhiyaate erga Hiiroshmaa fi Naagaasaakiin boombii atomikiitiin barbadaa’anii baatiiwwan afuriin booda ture.
Beektoonni seera idil-addunyaa, saayintistoonni siyaasaa, oggeessoonni gara biraas waliin ta’un sochii lammiileefi saayinsitootaa idil-addunyaa eegalan.
Ogummaan ‘Nuclear taboo’ ykn waraana nikulaaraa qaaneessaa gochuuf kallatti tokko yoo ta’u, yeroo tokko Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ‘‘balaan hamilee dhabdoota jedhamu’’ akka nikulaaratti hin fayyadamane nu taasiseera jechuun yoo balaaleeffatan dhagahaman.

Barruun kunis jalqaba wayita maxxansameetti boca labsii qaba ture. Waggaa afuriin booda garuu, gara boca barruutti geedaramuun hirmaattoota argachuuf yaalii eegale.
Kanatu artistiin Maatiil Laangisdoorf sa’aatiin lakkoofsa bara dhumaa jedhu haguuggii barruu akka ta’uf hojjattee kan kenniteef.
Abbaan warraashee miseensa pirojaktii Maanhatan turan. Dhimmi meeshaa waraanaa nikulaaraa kun akka irriiba isa dhorku beekti turte. Kanaaf akka xiyyeeffannoo namoota hawwatuuf yaaddee, kan sa’aatii guyyaa dhumaa kan hojjatte.
Ergaan sa’aatichaa ifa ture. Lakkooftuun sa’aatii gara fulduraattif gara booddeettis deemuu ni danda’a kan jedhudha ergaansaa.
Gamtaan Sooviyeetti bara 1949tti yaalii meeshaa nikulaaraa jalqabaa gaggeessite. Kana hordofunis barruun sun sa’aatii halkan wallakkaaf daqiiqaan torba hafe ture kan gara daqiiqaa sadiitti hir’se.
Bara 1953tti ammoo US fi Gamtaan Sooviyeeti meeshaalee termonikulaaraa ta’an yoo dhoosaniitti, sa’aatiichi halkan wallakaaf daqiiqaan lama qofti kan hafe ta’e.
Sa’aatiin jaarraa 20ffaa kunis kan waqtii halkan wallakkaatti baayyee dhiyaateedha.

Madda suuraa, Getty Images
Sa’aatii dubbisuu
Ofii hiikaan sochiileen sa’aatii maaliidha? Barsiiftuun teenya akka nutti himteetti, ilmaan namaa sa’aatii meeqatu hafe jedhee ittiin adda baasuuf fayyadama jechuun hubachiisuun salphaadha.
Haata’u malee, dubbisni sirrii ta’u sa’aatiichi ammaan tana ilmaan namaa yaaddoo hangamii keessa jira kan jedhuf agarsiiftuudha kan jedhuudha.
Bara 2003tti lammiin Ingliz Kosmoloojisttiifi qorataan hawwaa tokko, dhuma jaarraa amma keessatti argamnuutti dachiin keenya ni baddi ykn gaaffii ni turti jedhuuf deebiinsaa 50/50dha jedhee ture.
Tilmaama kana kan kaa’es saayintistii kana qofaa miti. Haa ta’u malee, saayintistiin mataansaanii akka amananiitti kun tilmaama malee kan mirkanaa’e miti.
Tokko tokkoos kallattiin isaan sa’aatiicha itti dubbiisan adda. Sa’aatichi yeroo meeqatu nu hafe kan jedhu osoo hin taane, agarsiifuu yaaddoo qabnuuf maal gochaa jirruuti kan jedhanis baayyeedha.
Bara 1961 keessa rakkoon misaa’elii Kuubaa fi yeroo addunyaan keessa itti waraana nikulaaraatti dhiyaattee turteedha.
Bara 1963 yaaliin meeshaa wraana nikulaataa waliigalteedhaan yoo dhorkamu, sa’aatiichi daqiiqaa shaniin booddeetti lakkaa’e.
Fakeenyaaf, bara 2017tti mudamni Ameerikaafi Kooriyaa Kaabaa ture, akkasumas Iraan waliigaltee nikulaaraa keessa bahushee hordofees hedduun fuula isaanii gara sa’aatichaatti naanneeffatanii ture.
Haata’u malee saayintistoonni yaaddoon kana miti jedhu. Sirummaayyuu mudamni kana fakkaattan biyyoota jidduutti mudachuun waanuma eegamudha jedhu.
Saayintistootaaf dhimmi yaaddoosaanii boombiiwwan nikulaaraa jiraachuu, ittaansee ammo fedhiin dureewwan biyyootaa tibba rakkootti meeshaalee kanneenniitti fayydamuuf qaban hangam kan jedhuufi kana gochurraas wanti isaan dhorku dhabamusaati.
Waggoota afur bara 1987 fi 1991 jidduu turan keessaa sa’aatiichi daqiiqaa 14n gara booddeetti lakkaa’ee ture.
Kun kan ta’es xumuramu waraana hololaa hordofuun biyyoonni haala itti fayydamama meeshaalee waraanaa nikulaaraa irratti waliigalteerra waan gahaniifidha.
Bara 2007tti barrichi jijjiramni haala qilleensaa yaaddoo meeshaa waraanaa nikulaaraatti dabalame, ilmaan namaatiif yaaddoo ta’u labseera.
Dhugaadha dhimmoonni lamaan kunneen baayyee gargari. Waraanni nikulaaraa daqiiqaa keessatti eegalu danda’a. Jijjiramni haala qilleensaa garuu waggoota kan fudhatuudha.

Darbee darbee dhimmi meeshaa waraana nikulaaraa kan harka namoota muraasaa qofaa jiru yoo ta’u, jijjiramni haala qilleensaa garuu itti gaafatamummaa hunda keenyaati.
Ta’us balaan lamaanuu qaqabsiisan kan akka salphaatti ilaalamu miti.
Meeshaa waraanaa nikulaaraa fi jijjirama qileensaatiin alattis, teknolojiin akka hubannoo namn-tolchee balaa jireenya ilmaan namaa akka ta’etti ilaalamaa jiru.
Yaaddoowwan asirratti eeraman dabaltee balaawwan ilmaan namaa mudataa jiran hundi sa’aatiicha gara halkan wallakkaatti akka dhiyaatu taasisaa jiru.
Amma sa’aatiin halkan wallakkaadhaaf sakandiiwwan 90 hir'uudha. Addunyaan keessa jirru hanga kan jeequmsi itti baayyate ta’u agarsiistuudha. Biyyoonni guddataniiru jedhamanis waliigaltee mallatteessan kabajaa hin jiran.
Guyyaan dhumaa sa’aatiichi osoo gara booddeetti lakkaa’elleen kan dagachu qabnu miti. Covid-19 rakkoo biyyoonni waliin ta’udhaan akkuma rakkoo misaa’ela Kuubaa sana kan furan osoo ta’e kan danda’amu ture. Garuu hin taane.
Sa’aatichis lakkaa’usaa itti fufeera. Akkuma ta’etti micciirree akka gara booddeetti lakkaa’u yoo taasifne malee, bilbiltuun halkan walakkaan qaqabuu dhageessisu osoo hin jiruu kan deebiisu kan jiru hin fakkaatu.












