Abbaan ijoollee jaha haati warraa qaama saalaa irraa muran maal jedhu?

Madda suuraa, Getty Images
Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeessa kanaa miira keessan jeequu mala.
Maanguddoon ganna 43 kuni abbaa ijoollee jahaati. Osoo galgala ciisanii qaama saalaa isaanii haati warraa isaanii muruu BBC'tti himan.
Dhimmichi mana murtii gaheera. Badii kanaan kan himataman haati warraa isaanii buufata poolisii to'atamanii akka jiran dubbatu.
Isaanimmoo guyya guyyaan mana yaalaatti deddeebi'aa yaala barbaachisu hordofaa jiru.
Taatee suukaneessaafi hammana hin dhagahamne, darbees namoonni dubbatuu sodaatan, miidhamaan miidiyaaf qooduu akka fedhan sababa himaniif dhiheessine.
Namni qaamni saalaa irraa murame kun abbaa ijoollee jahaa yoo ta'an, Obbo Aabbee Miidhagsoo jedhamu.
Godina Arsii jiraatu, qondaala mootummaatis. Maaltu akka isaan mudate? Haala akkamiirra jira?
Hariiroo haadha warraa waliin qabaniifi waa'ee egeree isaanii addatti BBC waliin turtii taasisaniiru.
Maaltu mudate?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana dura ogeessa fayyaa isaan wal'aanan yeroo BBC'n dubbise miidhaa haati warraa irratti raawwatteen qaamni saalaa isaa guutumatti irraa kutamee lafa bu'uu dubbatan.
Yaada gama himatamtuu, haadha warraa, jiru BBC'n ammatti hin odeeffanne. Miidhamaan kuni waan halkan sana mudate akkanaan himu.
''Eddoo hojii ooleen iddoo hojiitii gale. Galgala irbaata nyaanneetuma erga irbaata nyaannee booda inuma rafne. Lolas hin qabnu, walitti buutiis hinqabnu.
''Homaa wanti baay'ee walitti qaaqnes hin jiru. Halkan sa'aatii jaha yoo ta'u ka'ee ala bahe. Alaa yoon ol deebi'e jedhu isiinis hin dhageetti.
''Booda walumaan haasofnee walumaan rafne. Erga rafnee booda naannoo sa'aatii jaha walakkaa hanga torba tahutti ishiin maaltu akka itti ajajeefi maal akka yaadde hin beekne albeedhaan qaama saalaakoo muruu dandeessee jirti.
''Erga murtee boodammoo ka'eetuma ari'ee qabe,'' jechuun BBC'tti himan.
Halkan sanas ollaan birmatuufi haadha warraa isaanii ''hawaasa naannottin kenne'' jedhan.
''Hawaasichatti albuma waliin kenne. Yeroo sanatti miidhaa irraan gahuu danda'a, miidhaa irraan gahuu hin barbaanne.
''Erga albee waliin itti kennee booda [yeroon dallaatti deebi'u] albicha fuutee [haati warraa] gara mana biraatti darbite.
''Boodarra gaafa qaamni seeraa dhufu iddoo itti darbite fuutee akkasumatti qabamtee gara waajjira poolisii waliin kan deemte,'' ta'uu dubbatan.
Isaan immoo halkanuma sana imala sa'aatii lamaafi sadii booda gara hospitaala rifaraalaa atattamaan geeffamuu dubbatu.
''Hin jiraatas jedhee namni yaade baay'ee hin jiru gara lubbuus deemuu danda'a waan ta'ef dhiigni baay'ees waan dhangala'ee jiruufi.''
Wal'aansi baqaqsanii yaaluu ''sa'aatii sadii fudhate. Sa'aatii sagalii hanga ganama sa'aatii 12 jechuudha.
''Torbee lamaaf yaalamaa ture. Torbee lamaaf yeroo yaalamutti qaamichi baay'ee iddootti waan deebi'e hin fakkaatu miidhameera waan ta'eef.
''Bakka murame sana ni kaasna jennee turre, erga kaasne jenneen booda aartee (nam-tolchee) hojjechuuf kallattii sanatti waliigallee ture,'' jechuun BBC'tti himan.
''Guutummaan guututti walqabatee foonichi bakkatti deebi'ee jira jechuudha. Qaamni saalaa deebi'ee amma gara duraatitti deebi'ee dhaabachuun jira.
''Kan jiru garuu fooni harkaan qabuudhaaf rakkoodha. Dhaqqabdeetis fincaa'un rakkoodha. Gogaa hin uwwifamne. Ammatti fayyaan koo gaariidha.''
Maaltu kanatti geesse?
Dhimmi kuni seeraan qabameera. Isaan torbee jahaaf hospitaala ciisaa akka turan dubbatu. Yeroos isheen buufata poolisii aanaa akka jirtu akka beekan himu.
Yeroo ammaa himannaa mana murtii jala bu'anii akka hin hordofne dubbatu.
BBC'n hariiroo isaan haadha ijoollee isaanii jaha waliin qaban gaafateera.
''Waldhabbii hin qabnu jechuu dandeenya guutummaan guututti. Haadha warraakoo wajjiin waggaa 20 jiraanneerra. Daa'imman jaha qabna.
''Homaa waldhabbii guddaa hin qabnu. Yeroo muraasa keessa shakkiifi inaaffaan tokko tokko waan jiruf,'' jechuun waan jira jedhan himan.
''Ishiillee waan xiqqaadha, waan keessa kiyya hin jirre waan ta'ef idduma hojii kootii xiyyeeffadhee,'' kan hojjedhudha jedhu.
Sababa kanaaf, yeroo ammaa miira ''tasgabbii'' malee miira ''gaabbii'' akka hin qabne himan.
Akka BBC'tti himanitti, isaan hojii raawwachiisaa mana qopheessaa magaalaa Godina Arsiitti argamu tokkooti.
''Baay'ee lola akkasiis hin qabnu, galgala walumaan irbaata nyaannee walumaan buna dhugnee tirii tokkorraa nyaannee walumaan qaaqnee walumaan kaanee rafne.
''Afaanuma nagaya baay'ees [dhibdee] hin qabnu. Waldhabbii hagas mara waan kanatti nama geessu waan hin qabne ta'u isaati.''
Haa ta'u malee, karaa bilbila isaanii waan ergamu irraa shakkii mul'isuu dubbatu.
''Ergaawwan tokko tokko bilbilakoorratti kan ergaman ilaaltee, tarii atis akka nama waliin hojjetetti akka nama waliin taphatutti namaan waan tokko tokko jechuu dandeessa.
''Isaan sanniin halkan osoo ani hin beekne kaatee kan ilaalte jira kan jedhu odeeffannoon ani argachaatii ture.
''Achii booda bilbila kan koo paaswordii jijjiire. Paaswordii jijjiirun sunimmooyyuu shakkiin kiyya dhugaadha kan jedhu sammuu ishee garasitti akka oofedha kan agarsiisu,'' jedhanii amanu.

Madda suuraa, Seifu on EBS
Dhimmoota shakkii uuman akkanaarratti ''guyyaa takka lama dubbanne. Kaanimmooyyuu baay'ee anisi hangas mara as gaha jedheetini iddoo hin kennineefi.
''Ani akkamitti jireenya keenya fooyyeessina kan jedhu yaadaa jira malee kanarratti baay'ee yaadaa hin turre,'' jechuun dubartii biraa waliin hariiroo akka hin qabne himu.
''Kana amantaan koos hin eeyyamu yoo fuudhus barbaade nan fuudha.''
'Takkaa hin dhageenye'
Badii haati warraa abbaa warraa irratti raawwattu hammana hin dhagahamu.
Tarii, bakka isaan jiraatan waan akkanaa baratamaadhaa?
''Takka hin dhageenye. Anaa miti jaarsonni, akaakayyoonni, abaabayyoonni namoonni amma jaarsummaaf bahan hundi isaanii gosa takka waan akkanaa dhageenyee hin beeknu,'' jedhan jedhu.
Miidhamaan kuni fuula duratti ijoollee godhatanii jiraachuu barbaadu.
''Ani fayyummaakoo guutummaan guututti deebi'e argadhe taanaani wanti horachuudhaaf na daangessu hin jiru.''
Haadha ijoollee isaaniif dhiifama godhanii yoo waliin jiraatu ta'e BBC'n gaafateera.
''Isa amma murteessuudhaaf rakkisaadha. Seera qaba. Abbootiin Gadaa jiru gara maatii isiitis Abbootiin Gadaa jiru.
''Waan isaan murteessan isaanumatu beeka. Garuu, murteen isaanii akka aadaa Oromootti murtii Abbaa Gadaa murteesse fudhachuun dirqama.
''Abbootiin Gadaa immoo deebi'anii jaarsummaadhaan dubbii taa'aniitini baay'ee deddeebi'anii ilaalaa jiru.
''Kana hundaayyuu wanti dursu yaala waan ta'ef yaala akka guutummaan guututti argatu waan jedhu kanaaf kallattii yaalaatitti deemani.''
Abbaan ijoollee jaha kuni maatii, ogeeyyii fayyaa, jiraattotaafi qondaalota aanaafi Godina Arsii ''tumsa naaf taasisan'' jedhaniif galateeffataniiru.
'Ala bahee yaalamuun barbaada'
Yeroo ammaa guyya guyyaan hospitaala deddeebi'aa yaalamaa akka jiran dubbatu.
Sadarkaa aanaatti gargaarsi walitti qabamaafi akka jiruufi bulchiinsi aanaafi godinaa isaan bira akka dhaabatan himu.
Garuu, caalaatti gara Ameerikaatti imalanii yaalamuu akka barbaadan dubbatu.
''Ispoonsara gara biyya alaatti keessumaayyoommu gara Ameerikaatti duras babarbaadaatin jira. Hanga ammaatti wanti irra gahe hin jiru.''
Hospitaala Rifaraalaa Asallaatti ispeeshaalistiin yaala dhibee kalee fi Ujummoo Fincaanii Dr. Fiqaaduu Habtaamuu miidhamaan kuni ofii ambulaansiidhaan gara isaanii dhufuu himu.
Qaamni saalaa isaanii murame ammoo festaaalan maramee hospitaala dhaqqabuu BBC'tti dubbatan.
Qaamni deebifamee hodhameef kuni fooyya'iinsa gaariirra akka jiruu fi miidhamaan kuni qaama saalaa deebi'ee hodhameef kanaan fincaa'uu akka jalqabes dubbatan.
Ta'us, sadarkaa dura tureen qunnamtii saalaa raawwachuuf dandeessisuu dhiisuu mala jedhu.
Balaa adda addaatiin qaamni saalaa dhiiraa yoo murame yookan cite carraan deebi'ee hodhamee fayyuu waan jiruuf hawaasni hubannoo qabaachuu qabas jedhan.
Sa'aatiin erga muramee fi mana yaalaa gahuu gidduu jiru garuu haalan murteessaadha.
"Yoo xiqqaate sa'aatii ja'aa hanga saddeetii hin caalle keessatti mana yaalaa gahuu qaba. Hamma dafee dhufe carraan milkaa'inaan fayyuusaa gaarii ta'a.
''Qaama murame kanas wanti adda addaa akka hin tutuqne qulqullinaan qabuun festaalan maranii qabuu barbaachisa" jedhan.
Ji'oota afuriin duras Magaala Finfinneetti dargaggeessi qaama saalaasaa ofirraa muree lafa buuse Hospitaala Alartitti deebifamee hodhamuufiin ni yaadatama.














