Madda suuraa, Phil Walter/Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Gareen kubbaa miillaa dubartootaa Afgaanistaan erga FIFAn biyyasaanii bakka bu'uun dorgomuu akka danda'an murteessaa yeroo jalqabaaf walga'an Gareen kubbaa miillaa dubartootaa biyyaalessaa Afgaanistaan bara 2007 kan hundaa'e ta'us, garuu ergasii qindaa'ee taphachuu hin dandeenye.
Miseensonni garee kanaa Awustiraaliyaa, UK fi Poorchugaal dabalatee biyyoota addunyaa garagaraa keessa faca'anii jiru.
Gareen kun erga hundaa'ee qindoomina uumee jabaatee hin beeku. Ergasii garuu duula waggootaaf gaggeeffameen baqattoonni biyyoota alaa jiran garee Tokkummaa Dubartoota Afgaanistaan jedhamu uuman.
Gareen kun biyya bakka bu'ee dorgommiiwwan idiladdunyaarratti hirmaachuuf Federeeshinii Kubbaa Miillaa Afgaanistaan irraa beekamtii argachuu qaba ture.
Garuu mootummaan Taalibaan, kan bara 2021 Hagayya keessa aangoo qabate akka dubartoonni kubbaa taphatan waan hin eeyyamneef sochiinsaanii gufatee hafeera.
Haata'u malee jaarmiyaan kubbaa miillaa addunyaa bulchu FIFAn gareen kun biyyasaanii bakka bu'uun dorgommiiwwan addunyaarratti hirmaachuu akka danda'an murteesseera.
Erga FIFAn murtee kana dabarsee gareen dubartootaa Afgaanistaan bakka jiran hundaa walitti dhufuun waliin shakkala eegalaniiru.
Gareen kun dorgommiiwwan Olompikii fi Waancaa Addunyaaf of qopheessuu akka danda'an FIFAn eeyyameera.
Gareen taphattoota 23 of keessaa qabuu fi baqattoota Afgaanistaan biyyoota addunyaa garagaraa keessa jiraatanirraa ijaarame kun Niwu Ziilaanditti walga'eera.
Tapha Cook Islands waliin taphataniif wayita shaakala taasisan- kutaa uffata itti jijjiirratanirraa hanga dirree seenuutti miirri ture adda.
Wayita faaruun alaabaa biyyasaanii faarfatamu taphattoonni kunneen miira gammachuu fi imimmaan wal makeen mul'atan.
Gareen kun erga FIFA irraa eeyyama argatanii yeroo jalqabaaf bakka tokkotti walga'an.
Gareen dubartootaa Afgaanistaan Ooklaanditti taphoota lama kan taphate yoo ta'u, tapha jalqabaa 1 fi 0 dhaan, tapha lammataa ammoo 3 fi 0 dhaan injifatamus garuu akka garee reefuu walitti qindaa'aa jiruutti ga'umsa gaarii agarsiiseera.
Gareen kun tapha kanarraa injifannoo ykn goolii qofa miti kan hin eege, tapha akkasiirratti hirmaachuun mataansaa isaaniif seena qabeessa.
Amma tokkummaansaanii deebi'eera, garuu mootummaa biyyasaanii, bulchiinsa Taalibaan irraa ammallee eeyyama hin arganne.
FIFAn garuu dorgommii kamiifuu of qopheessuu akka qabanii fi biyyasaanii bakka bu'uu akka danda'an ibseera.
BBCn murtee FIFAn garee dubartootaa Afgaanistaan irratti dabarse irratti yaada Taalibaan gaafateera.
Daarektarri ispoortii bulchiinsa Taalibaan Ahmadullaah Waasiq gaaffii kana kuffiseera.
Garuu FIFAn dubartootaaf eeyyamuu qofa osoo hin taane Afgaanistaan keessas seenuu akka waliigalaatti damee ispoortii biyyattii deeggaruu akka qabu gaafate qondaalli Taalibaan kun.
FIFAn erga Taalibaan aangoo qabatee guutummaatti Afgaanistaan keessaa ba'e.
Duraan FIFAn deeggarsi ispoortii Afgaanistaaniif kan kennamu yoo gareen dubartootaa akka taphatan eeyyamameef qofa jedhee ture.
Madda suuraa, Afghan Women United
Ibsa waa'ee suuraa, Gareen kun gara fuulduraatti Waancaa Addunyaa dabalee dorgommiiwwan idiladdunyaa hedduurratti akka hirmaatu abdata