Intalli Pirezidaantii Keeniyaa Chaarliin Ruutoo sooressa Tanzaaniyaatti heerumte

Madda suuraa, William Samoei Rutto
Intala Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo kan taate Chaarliin namalammii Tanzaaniyaa dureessa ta'e Isaayas Yuungee waliin mana dhaabbatte.
Sirni qubeellaa godhachuusaanii Sambata, Hagayya 8, Kaawuntii Naarokitti taasifame.
Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoofi Giiftii Duree Reecheel sirna qubeellaa godhachuu intalasaanirratti kan argaman yoo tau, isaan waliin qondaalonni olaanoofi namoonni namoonni bebbeekamoon heddu irratti argamaniiru.
Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo, intallisaanii jireenya haaraa jalqabuusheetti gammachuu akka qaban ibsuun "sa'aa nama walitti horaa" jedhaniin ergaa fuula miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin.
"Har'a aniifi Reecheel jaalalleeshee Isaayaas waliin jireenya haaraa tokko jettee jalqabuusheef garaa keenyarraa gammanneeraaf. Isin lammanuu bagga gammaddan isiniin jenna," jechuun gaa'illisaanii gammachuufi nagaan akka guutu hawwaniif.
"Waaqayyo tokkummaa keessan haa eebbisu, hiriiroo keessan haa jabeessu, gaa'ila haaraa waliin dhaabbattan kana jaalala, gammachuufi nagaadhaan haa guutu!" jedhan.
Akka maatitti intallisaanii jireenya gaa'elaa kanaaf gahuusheettis baay'ee gammachuu akka qaban ibsan Pirezidaant Ruutoon.
"Akka maatii keetti [abbaafi haadha si dhalaniitti] siin boonna, si wajjin gammanna; yeroo hundammoo si cinaa jirra," jedhan.
Namni Chaarliin wajjin mana dhabbatte lammiin Tanzaaniyaa Isaayaas Yuungee ogummaa kalaqaan beekamaa yoo ta'u, bara 2018 Mootittii Elizaabetiin badhaafamuusaa miidiyaan Keeniyaa Daily Nation gabaase.
Kalaqa teeknolojiin alattis miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa uumudhaanis ni beekama.
Keessumaa aappii mobaayilii dargaggoonni Afrikaa carraa barnoota biyya keessafi idiladdunyaa ittiin argatan SomaApp jedhamu kalaquusaatiin Mootittii Elizaabeet harkaa badhaasa fudhachuusaa ragaaleen ni agarsiisu.
"Waaqayyo gaa'ilaan akka na eebbisu naaf kadhu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waanti Chaarliin Ruutoo bara 2024 yeroo tajaajilaan warra Wangeelaa beekamaan Beenii Hiin Keeniyaa dhufee sagantaa hafuuraa gaggeesse goote deebii waan argate fakkaata.
Lammiileen Keeniyaas kadhannaanshee deebii argate jechuun miidiyaa hawaasaa irratti qoodaa jiru.
Dubbiin akkas ture; Guraandhala 2024 lallabaan wangeelaa beekamaan lammii Kanaadaafi US ta'e Beenii Hiin sagantaa hafuuraa guddaa magaalaa Naayiroobitti qopheesse irratti Chaarlii Ruutoo argamtee turte.
Osoo wal-tajjiirra jirtuu Beeni Hiinitti haasaastee "Waaqayyo gaa'elaan akka na eebbisu naaf kadhu!" jettiin.
Laallabaan wangeelaa Been Hiin hirmaattota sagantichaa ka'anii akka dhaabbatiif gaafata. Harkasaanii gara intala pirezindaatitti qabanii akka kadhataniif gaafachuun ofiif dura bu'ee kadhachuu eegale.
"Yaa Waaqayyo dargaggeessa ishee jabeessufi ishee gargaaru garasheetti ergi. Yaa Gooftaa gaa'ela barbaaddi; yeroo dhiyootti akka ta'u ammoo barbaaddi. Yeroo dhiyooti [dargaggeessa] isheef ta'u garasheetti ergi. Nama garaashee kan isheen feetu haa ta'uuf yaa Waaqayyo," jechuun kadhateefii ture Beeni Hiin.
Yeroo sana miidiyaaleen Keeniyaa wal-harkaa fuudhuun, Chaarlii Ruutoo gaa'elaaf kadhachiifatte jechuun gabaasaa turan.
Kadhannaanshee wagaa lama booda deebii argate jechuun miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa jira.
Akkuma Pirezidaant Ruutoon aangotti dhufaniin, intallisaanii kun maallaqa uummataan imala biyya garaa garaatti taasisti kan jedhus komiin irratti ka'aa ture.



















