'Reeffi shaanxaa keessatti' argame ashaangulliitii nama-fakkaatu ta'ee argame

Madda suuraa, ABC News
Awustiraaliyaatti 'reeffi shaanxaa keessatti' argame qorannoon booda ashaangulliitii nama-fakkaatu ta'ee argame.
Poolisiin Awustiraaliyaa reeffa shaanxaa keessatti argee erga qorannoo irratti gaggeesseen booda 'miidhamtuun' nama osoo hin taane ashaangulliitii nama-fakkaattu ta'uu ibseera.
Shaanxaan kun mandara xiqqoo O'aaleen jedhamtu kan kibba-lixa Sidiniirraa kiiloomeetira 230 fagaattee argtamtutti daandii qarqaratti namoota lamaan argame.
Poolisiin wixata har'aa nama ajjeefamerratti qorannoo gaggeessuu akka jalqabe erga ibsee dubbichi qalbii ummataa hawwatee kan ture yoo ta'u, boodarra garuu qorannoo foorensikii gaggeeffaeen reeffi shaanxaa kessatti argame sun kan namaa osoo hin ta'iin hafeera.
Poolisiin akka jedhetti, wanti shaanxaa keessatti argame "jalqabarratti nama waan fakkaatuuf dogoggora uumeera. [Ashaangulittiin kun] dhugumatti reeffa nama fakkaatti ture," jedhan Poolisiin Onaa Humee Lindaa Biraandbalii.
"Haata'u malee, mala biraatiin reeffa namaa akka hin taane mirkaneeffanneerra."
Ashaanguliitiin kun uffate uffattee jirti, faayaa dabbasaafi uraa funyaaniillee ni qabdi," jedhe poolisiin.
Kana malees, "wanti shaanxaa keessatti argame kun miidhaa, godaannisa waan fakkaatu fuularraa qabdi," jedhe poolisiin.



