Moriinihoon leenjisaa haaraa Riyaal Maadriid ta'uuf jiraa?

Joozee Moriinihoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Joozee Moriinihoo
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Leenjisaan lammii Poorchugaal Joozee Moriinihoon erga Santiyaagoo Bernaaboo gadhiisee waggaa 13 booda Riyaal Maadriid leenjisuutti deebi'uuf marii marsaa xumuraa irra jira.

Ga'eessi ganna 63 Moriinihoon leenjisaa Riyaal Maadriid ta'uuf fiixerra kan ga'e yoo ta'u yeroo amma leenjisaa kilabichaa ta'uuf kan mari taasisisaa jiru isa qofaadha.

Yoo waliigalteerra ga'ame ammoo Alvaro Arbeloyaa kan baatii Amajjii keessa Zhaabii Aloonsoo deemuu hordofee kilabicha leenjisaa ture bakka bu'a jedhamee eegama.

Pirezidaantiin Riyaal Maadriid Filooreentiinoo Peereez Zhaabii Aloonsoo Kilabicha gadidhiisee guyyaa lama booda, bakka bu'oota leenjisaa Poorchugaal waliin qunnamtii jalqabaan.

Amma Mooriinihoo deebi'uufis fedhii guddaan akka jiru ibsame.

Mooriinihoo yeroo ammaa kana Benfika leenjisaa jira . Baatii Fulbaanaa darbe waliigaltee waggaa lamaa mallatteesse ture.

Walitti dhufeenyi cimaan Riyaal Maadriid waliin qabaatus, dhiheenya kana waa'ee egeree isaa dubbachuu akka hin barbaanne miidiyaaletti himee ture.

Morinihoon dhimma kana irratti dubbachuu irraa of qusachuun, tapha xumuraa bara kanaa Sambta Benfikaan Estoril waliin taasisu irratti xiyyeeffachuu akka barbaadu dubbate.

''Tapha Estoril waliin qabnu booda, Wixata irraa eegalee waa'ee egeree leenjisummaa koo fi egeree Benfika ilaalchisee gaaffii ka'aniif deebii kennuu nan danda'a,'' jedhe.

Taphi Sambata Estoril Pirahiyaan Benfika waliin taphatu tapha bara kana isa dhumaa ta'a.

Riyaal Maadriid waliigaltee kana dafee xumuruu danda'a. Wiixata irraa eegalee Riyaal Maadriid waliigaltee Mooriinihoon tapha xumuraa bara kanaa booda guyyoota 10 keessatti gatii xiqqaa gara Yuuroo miiliyoona sadiin Benfika gadhiisuu isa dandeessisa.

Moriinihoon kanaan dura bara 2010 fi 2013 gidduutti yeroo Riyaal Maadriid leenjisaa ture waancaa Laaligaa, Kooppaa Deelareey fi waancaa Suuper Ispeen injifateera.

Erga Maadriid gadhiisee booda gara Cheelsiitti deebi'ee bara dorgommii 2014-15tti waancaa Piriimiyerliigii Ingiliiz yeroo sadaffaa akkasumas waancaa EFL injifate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2015 waliigaltee waliiniitiin Cheelsii erga gadi dhiisee booda, Mooriinihoo bara 2016tti waliigaltee waggaa sadiitiin Maanchistar Yunaayitid seene.

Bara dorgommii jalqabaa Ooldiraafoordinis waancaa Awurooppaa Liigii, waancaa EFL fi Komuniitii Shiildi injifatera. Haa ta'uu malee Muddee 2018 sababa bu'aa gaarii hin galmeessifneef hojiirraa ari'ame.

Moriinihoo bara darbe gara Beenfikaatti osoo hin deemin dura Tootinaam Hootspar, AS Roomaa leenjisuun bara 2022 konfiraansii Liigii Awurooppaa injifate, akkasumas Fenerbahce leenjisee ture.

Gama biraatiin Riyaal Maadriid bara dorgommii 2025-2026 waancaa malee kan xumure yoo ta'u, morkattoonni isaanii Baarseloonaan ammoo El Kilaasikoo irratti 2-0 n injifachuun qabxii 14 dursanii xumuruun Laaligaa injifate.

Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaatiin Riyaal Maadriid walumaa galatti shaampiyoonaa Jarman Baayermuunik waliin 6 fi 4n mo'amuun xumurame.

Qabxii gaarii hin taane galmeessuun kilabichaa ammoo hoggansi kilabichaa jijjiirama guddaa akka fiduuf dhiibbaa guddaa taasiseera.

Riyaal Maadriid taphattootni isaa Awureliyen Techowuameni fi Federiko Valverde waliin waldhabuun Yuuroo miiliyoona tokko adabame.

Kanaaf Kilabichi hogganaa cimaa dirree qofa keessatti utuu hin taane bakka kaanittis naamus taphattootaa deebisuu danda'u barbaada.

Pirezidaantiin kilabichaa Firaansinoo Perez Mooriinihoo nama gaarii ta'uu danda'a jedhanii amanu.

Mooriinihoo namummaa cimaa fi dandeettii taphattoota gurguddoo fi dhiibbaa olaanaa qaban hogganuuf cimaa ta'uu himan.

Mooriinihoo leenjisaa Riyaal Maadriid yoo ta'e wanti eegamu baay'ee ol'aanaa ta'a. Kilabichi bara dorgommii lama walitti aansuun waancaa malee xumure kana fooyyeessutu irraa eegama.

Ammaaf mariin itti fufee jira. Riyaal Maadriid tapha xumuraa Benfikaan booda waliigaltee kana xumuruuf yeroo gabaabaa qaba.

Yoo waliigaltee kanarra ga'ame Mooriinihoon yeroo dhiyootti gara Bernaabootti deebi'ee cimina isaa irra deebiin mul'isuu danda'a