Saalaan sababa amalaafi 'ofittummaa' isaaf tapha dhumaarraa hir'ifamuu qaba - Ruunii

Mohamed Salah

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad saalaan tapha dhumaa isaa Liiverpuuliif taphate
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Mohaammad Saalaan taphaa ''ofittoo'' tahe waan taheef garee Liiverpuul tapha dhumaaf Bireentford morkatu keessaa hir'ifamuu qaba jedhe Wayinii Ruunii.

Saalaan Liiverpul keessaa bahuuf tapha tokko irratti hirmaachuu qofatu isa hafe. Tapha Bireentfoord waliin qaban irratti gaggeessaan Saalaa ni taasifama jedhamee eegama.

Haa tahu malee, ammas Saalaan leenjisaan Liiverpuul Arnee Isloot akka kilebicha injifannootti hin deebisne erga akeekee Wayinii Ruuniin isa qeeqe.

Saalaan erga Astoon Viilaatiin 4-2'n mo'amanii Liiverpuul ''gara garee jifachuun beekamuu fi garee faallaan sodaatamuutti deebi'uu qaba,'' jedhe.

''Kubba miilaa ani beeku isa haala gaariin jifatanii mo'atanidha, kilebichi gara maalummaa isaa duraan beekamuutti deebifamuu qaba. Kun waan irra dibamee darbamu osoo hin taane eenyuyyuu taanaan taphataan hara kileba kanaa dhufu injifachuun aadaa kilebichaa tahuusaatti baruu qaba'' jechuun ibsa baase.

Saalaan bara kana yeroo lamaa fi isaa ol leenjisaa Liiverpuul Arnee Isloot waliin ifatti wlaitti bu'uu isaati.

Saalaan waggaa sagal Liiverpuul ture keessatti goolii 257 lakkoofsise. Waancaawan jahas mo'ataniiru.

Bara dorgommii kanaa akkuma xumureen Liiveruul gadhiisa. Tapha gaggeessaa saalaa jedhamee eegamu Dilbata dhufu gaggeeffamu irratti Saalaa hin taphachiisu jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wayinii Ruuniin ''Liiverpuul keessatti seenaa akkasii hojjetee, dhuma irratti haala akkanaan ammas Isloot irratti dubbatee xumuruun isaa nama gaddisiisa'' jedhe.

Kubba miilaa jifachuu irratti hundaa'e jabaa taphachuun barbaada'' jedhe Mohaammad saalaan. Ruuniin ammoo kana jechuun isaa kubba miilaa Kiloop taphachaa ture taphachuu fedha jechuudha jedhe.

Saalaan haala tapha Kiloop sanatti amma waan taphachuu danda'u natti hin fakkaatu. Saffisaa fi ciminan sanaan taphachuuf waan dadhabaa dhufeeru natti fakkaata. Kanaaf tapha akkasiif amma hin tahu'' jechuun Ruuniin qeeqe.

''Osoon Arnee Isloot tahe tapha dhumaa irratti taphachiisuu miti gara istaadiyeemittiyyuu isa hin butu'' jedhe.

Sir Aleeksi Fergusan walin wal dhabeen ture kan jedhe Ruuniin tapha dhumaa Fergusan taasise irratti garee keessaa na baasee akka hin taphanne na taasise jedhe.

Saalaan Isloot irra dubbii booombii tahe buuse kan jedhe Ruuniin, Islootiin hin amanu jechuu isaati jedhe.

Taphattoota Liiverpuul wlaiin bara dhufu itti fufan akka isaan ija shakkiin leenjisaa isaanii ilaalan taasise jedhe.

Saalaan qulqulluu of gochuuf yaala

Ji'a Bitootessaa keessa Liiverpuul akka gadhiisu kan ibse Saalaan ji'a Muddee darbe keessa ammoo hariiroon Arnee Isloot waliin qabu akka adda cite ibsee ture.

Saalaan waggoota afur galchii hedduu lakkoofsisuun badhaasa kophee warqii fudhateera. Bara 2024-25 galchii 29 lakkoofsisuun Arnee Isloot bara leenjisummaa Liiverpuul jalqabaan waancaa Piriimer Liigii mo'atan.

Bara kana garuu taphoota 40 irratti galchii 12 qofa lakkoofsise. Kilebni isaas shanaffaa irra jira.

Saalaan barana haala gaarii irra ofiisaa waan hin jirreef kufaatii Liiverpuul irraa bilisa of baasuuf yaalaa jira jedhe Ruuniin.

''Akkan yaadutti waan yeroo lama deebise godhe kanaan yoo ilaalle Saalaan baay'ee ofittoodha. Nama qaanessa. Deeggartoonni gara isaa akak tahan beeka. Osoo miira garee keessa jiru ilaalte ammoo waan gochaa jiru kana Saalaan sirreessee beeka'' jedhe Ruuniin.

''Leenjisaakeeti. Waan fedhe taheyyuu uummata fuulduratti haala kanaan si'a lama hin salphistu. Kanaafidha osoon Arnee Isloot athe waameen dhaggeeffadhu! Jaallattes jibbites gaafa Sanbtaa naannoo sitaadiyeemii akak hin geenye'' jedha.

Ruuniin Arnee Isloot akkas godha jedhee hin yaadu garuu osoon ani isa tahe akkasn godha jedhe.

Gaggeessaa gaariin isaaf mala. garuu taphataan maqaa guddaa qabu gaafa Liiverpuul keessaa bahu waan akkasii gochuu qaba jettuu jedhe.