Waa'ee dhukkuba Itoophiyaatti namootni qoricha aadaan of miidhaa jiran kana quba qabduu?

Madda suuraa, Dr. Sinboonaa
Yeroo dheeraaf dhukkubootni akka kanaa biyyoota guddatanii ykn kan namoota dullomaniitii jedhamee ilaalamaa ture.
Amma sun jijjiirameera. Dargaggoota waggaa 20 irraa kaasee haanga namoota umuriin raaganii jiran kamuu irratti mul'achuu danda'a.
Yeroo amma Itoophiyaa keessatti dhukkuboota baay'inaan nama qabaa jiru keessaa isa tokko. Inni dhibee Kaansarii mar'immaan guddaa (Colorectal Cancer) jedhama.
Itoophiyaa keessatti dargaaggoota dabalatee namoota heddu irratti dabalaa kan jiruuf sababni tokko foon baay'isaanii nyaachudha jedhu Dr. Sinboonaa Araarsaa.
Dr. Sinboonaa Araarsaa waggootaf wal'aansaa baqaqsanii wal'aanuu waliigalaa irratti hojjataa jiru. Akkasumas Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa jiru.
Sababa dhukkubni kun Itoophiyaa keessatti dabalaa jiruuf akkasumas kaansarii mar'immaaniin furdaan qabamu keenya akkamiin adda baasuu dandeenya? jennee Dr. Sinboonaa gaafanneef akkas jechuun BBC'tti himan.
Sababni dhukkubni kun Itoophiyaattii heddummataa dhufeef kana jedhanii sababa muraasa qofa eeruun rakkisaa ta'a jedhan.
Ta'us garuu ''haalli jireenyaa fi soorataa sababoota carraa kaansarii mar'immaan guddaan qabamuu dabalan''akka ta'an kan himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Foon diimaa yeroo dheeraaf nyaachuun carraa dhukkuba kanaaf saaxilamu akka dabalu kan Dr. Sinboonan dubbatan.
Itoophiyaa keessatti ammoo sooratni foonii baratamaa waan ta'eef carraa dhukkuba kanaan qabamuu dabalaa jiraachuu eeran.
Akka ogeessi fayyaa kun jedhanitti foon diimaa dheedhii nyaatamu caalaa kan waaddamee fi yeroo dheeraaf tursiifamuuf adeemsa addaa keessa darbee qophaa'e (processed meat) fayyadamuun dhukkuba kanaaf sababa ta'uu akka danda'u himan ogeessi fayyaa kun.
Kana malees gosoota soorataa biroo saamsaman fayyadamuun, nyaata coomni fi zayiitni itti baay'ate nyaachuu fi akkasumallee kuduraa fi fuduraa fayyadamuu dhiisuun kannneen akka dhukkubichi nama qabuuf sababa ta'aniidha.
Dabalataanis sochii qaamaa gahaa gochuu dhabuu fi yeroo dheeraa taa'anii dabarsuun, Alkoolii dhuguu fi tamboo aarsuu baay'isuun sababoota dhukkuba kaansarii mar'immaan furdaa kanaaf nama saaxilaan keessaa muraasadha.
Furdinni qaamaa garmaleen, dhukkubi sukkaaraa fi al tokko tokko ammo namoota muraasa keessatti dhukkubni kun sanyiidhaan darbu danda'a. Kanaaf namni maatii isaa keessaa nama kaansarii mar'imaa guddaan qabame qabu carraan isaa namoota biroo caalaa qabamuuf qaban ol'aanaadha," jechuun Dr. Sinboonaan kan ibsan

Madda suuraa, SM
Akkamiin beekuu dandeenya?
Akka ogeessa kanaatti, rakkoon guddaan kaansarii mardhumaa guddaa gara jalqabaatti mallattoo ifaa ta'e agarsiisuu dhabuu isaati.
Keessumaa kaansariin kutaa mirgaa mari'amaanii keessatti yoo argame, namni tokko mallattoo ifaa tokko malee yeroo dheeraa turuu danda'a jedhu.
Haa ta'uu malee mallattooleen akka bobbaa irratti dhiigni diimaan ykn kan akka gurraachaa yoo argame, mana fincaanii irra deddeebiin fayyadamuu, garaa kaasuu fi gogsuun yeroo dheeraaf yoo mul'ate dhukkuba kaansarii mar'imaanii ta'uu akka danda'u ibsan.
Wayita dhukkubni kun ammoo cimaa deemetti mallattoolee akka, nyaataan booda garaan kan guute fakkaachuu fi kutaa garaa gara gadiirra dhukkubbiin namatti dhagahamuu, Dadhabbii fi humna dhabuu akkasumas fedhiin nyaataa hir'achaa deemuu danda'a.
Ulfaatinni qaamaa sababa hin beekamneen hir'achuu,d hukkubbii garaa fi miirri gaarii hin taane irra deeddeebiin namatti dhaga'amuu danda'a.
Yoo dhukkubichi sadarkaa cimaa irra gahe ammoo mardhumaan cufamuu, madaa'uu ykn urachuu fi balaa cimaa hanga lubbutti geessisuu danda'a.
haa ta'uu malee, mallattoowwan kunneen mul'atan jechuun garuu kaansariin mar'imaanii nu qabeera jechuu miti.
Mallattoowwan kunneen torbee sadii oliif yoo itti fufan haakiima mariisisuutu nurra jiraata.
Kanaanis qorannoon ogeessaan taasifamee kaansarii yoo taheefi sadarkaa inni irra jiru irraa ka'uun wal'aanuuf akka gargaaru Dr. Sinboonan kan ibsan.

Madda suuraa, Getty Images
Maaltu balaafamaa taasisa?
Dr. Sinboonaan akka jedhanitti, rakkoon guddaan yeroo ammaa mul'achaa jiru keessaa tokko namoonni dhiigni bobbaa waliin yoo ba'u hundi "kintaarotii" jedhanii yaaduudha.
Namoonni hedduun mana yaalaa deemuu caalaa qoricha aadaa fayyadamu. Kunis yeroo hedduu kaansarichi sadarkaa yaaddessaa irra akka gahu taasisaa jedhan.
Kaansarichi utuu qaama keessa hin faca'in wal'aansa yoo hin argatin, gara sadarkaa 4tti jijjiiramuun, lubbuu namoota hedduu gaga'aa jiraachuu ogeessi fayyaa kun kan akeekkachiisan
Mallattoowwan kaansarii wayita mul'atan gara mana yaalaa deemanii qoratamuun dhukkubicha to'achuuf murteessaa dha.
Qorannoon mana yaalaa kunis kutaa mar'immaanii hunda kaameeraa fayyadamuun meeshaa agarsiisu(kolonoskooppii) dhaan taasifama.
Yookiin kutaa murtaa'ee ilaaluuf immoo (sigmoodooskooppii) meeshaa jedhamuun qorannoon kuni adeemsifamuu mala.
Dhukkubichi sadarkaa duraa irra otoo jiruu wal'aansa argannaan miidhaa guddaa otoo hin dhaqqabsiisiin wal'anamanii fayyuun akka danda'amu Dr. Sinboonaan kan eeran.
Fakkeenyaf Kaansarii mar'imaan furdaa Sadarkaa 1ffaa irratti argamu carraanwal'aanamanii fayyuu dhibbeentaa 90 ol ta'a.
Kan sadarkaa 2ffaa irra gahe ammoo wal'aansaan carraan fayyuuuu dhibbeentaa 70 hanga 90 gidduutti argama.
Kan sadarkaa 3ffaa dhibbeentaa 50 yoo ta'u sadarkaa 4ffaa fi kan dhumaa ammoo kaansarichi qaamota birootti waan faca'uuf carraan fayyinaa naannoo dhibbeentaa 20 qofa ta'uu akka danda'u ogeessi fayyaa kun kan hubachiisan.
Kanaaf namootni mallattoo dhukkubaa kana fakkaatu wayita ofirratti argan tilmaaman qoricha aadaa kintaarotii fudhachuu osoo hin taane, mana yaalaa deemanii qorannoo sirrii taasifachuu qabu," jedhan.
Maal gochuu qabna?

Madda suuraa, Getty Images
Gosa kaansarii maar'immaan furdaa kanaan akka hin qabamne haala jireenyaa fayyaalessa tahe hordofuun dursinee kan ittisuu dandeenyu dha.
Ogeessi kun akka jedhanitti, Ispoortii hojjechuu, nyaata akka kuduraa fi fuduraa baay'inaan soorachuu, foon diimaa fi waaddamee xiqqeessuu cooma hir'isuufi ulfaatina qaamaa to'achuun kaansarii mar'immaanii dursanii ittisuuf nu dandeessisa.
Namoonni maatii isaanii keessaa namni kaansarii mardhumaa guddaan qabame yoo jiraate, akkasumas namoonni furdina garmalee qaban, alkoolii baay'inaan dhugan ykn tamboo xuuxaan, yeroo yeroon sakkatta'iinsa fayyaa gochuun akka isaan barbaachisu Dr. Sinboonaan kan gorsan.
Sakkatta'iinsa taasisuun yoo akka carraa dhukkubichaan qabaman kan sadarkaa jalqabaa salphumatti baqaqsanii yaaluun qofa namoonni hedduun fayyuu akka danda'an Dr. Sinboonaa Araarsaa kan hubachiisan.



















