Namoonni beekamoon addunyaa waa'ee shaampiyoonummaa Arsenaal maal jedhan?

Madda suuraa, Getty Images
Finfinnee hanga Landanitti, gaggeessitoota Afrikaa adda addaa dabalatee namoonni beekamoon deegartoota Arsenaal tahan gammachuu isanii ibsataa turan.
Hogganaa IGAD Dr Warqinee Gabayyoo fuula Feesbuukii isaanii irratti deeggartoota Arsenaaliin baga gammaddan jedhan.
Nama siyaasaa Jawaar Mahaammad dabalatee kaansi baga gammaddan jechuun deeggartoota Arsenaaliif dhaamaniiru.
Artistoonnii fi ministiroonni Itoophiyaa keessaa Arsenaal deeggaran hedduudha.
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo barana waancaa Piriimer Liigii masaraatti simatanii ture. Arsenaal waancaa akka mo'atus dursanii hawwii isanaii ibsaa turan.
'Amma kunoo dhugoomeefi' jechuun Ruutoon imala dadhabsiisaa fi qormaataan guutame Arsenaal keessa darbehordofuun akkam gaarii akka tahe himan.
''Yeroo kufaatii fi qormaataa irraa gara waktii bayyaannachuutti, achiin ammoo gara ulfina isaaf maluu shaampiyoonumaatti darbuu Arsenaal yeroo dheerafan hordofe'' jedhan.
''Yeroo kana humna guddaa abdiin qabu, cichoomina, xiyyeeffannoo fi dhamaatii guddaan maal akka fidu irraa argine'' jedhe Ruutoon.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garee jabaan ijaarame kun torbeedhaa torbeeti qormaata guddaa isaan mudatu akkamiin akka darban ilaalaa! jechuun Ruutoon dinqisiifannaa Arsenaaliif qaban himan.
''Badhaasni kanaa har'a injifannoo argamedha. Gareen keenya mo'ateera. Amantii fi kutannoon isaa ifatti mul'ateera. Jabaatanii hojjechuu, naamusaa fi hojii gareetiin milkaa'uun akka danda'amu mirkaneessaniiru'' jechuun jireenyuma dhala namaa kamiifuu akka tahutti dhaaman.
Ministirri muummee UK, Kiir istaarmer, fuula X isaa irratti, ''waggoota dheeraa 22 Arsenaal injifannoo kanaaf eege! Dhumarratti bakka nuuf malutti deebine, Shaampiyoonaa!'' jechuun maxxanse.
Gaazexessaa beekamaa Piirsi Morgaan waggoota dheeraaf Arsenaal akka deeggaru hime. ''Miidhamaa fi kulkulfannaa waggoota 22 guutuu. Yeroo shan miinzee taanee dhumarratti, har'a mushurraa taane'' jedhee X irratti barreesse.
Yeroo afur Olompikii irratti meedaaliyaa warqee kan argate atileetiin UK fi dhalataan Somaaliyaa Mo Faaraan ''waggoota 22 eegnee......amma milkoofne'' jedhee Inistaagiraamii isaa irratti barreesse.
Taatota ciccimoo addunyaa hedduunis Arsenaaliif akka gammadan ibsaniiru.
Deevid Beekam kan tibbana taphataa kubba miilaa UK duraanii yeroo jalqabaaf biliyenera tahe jedhamuun faarfame taphataa Maanchister Yuunaayitid ture.
Ilmi isaa Roomiyoon ammoo deeggaraa Arsenaalidha. Yeroo Arsenaal shaampiyoonaa tahu Beekam suuraa ilma isaaf viidiyoo bilbile irraa suuraa kaasee [screenshot] qooduun baga gammadde jedheeraanii.
Roomiyoo Beekam amma ganna 23 yoo tahu Arsenaal waancaa injifachuuf umurii isaa ammaa kana eege jechuudha.
Eberechii Ezzee carraa guddaa fi gahumsa guddaa gara Arsenaalitti deebise. Yeroo deeggartoonni Maanchister Siitii Arsenaalitti qoosaa turan suuraa qoodee ''Waaqa qofatu waan tahu murteessa'' jedhe.
Bukaayoo Saakaa muka qoosaa taanee ture. Arrabsoo fi miidhama sana hunda booda shaampiyoonaa taaane. Kana booda ifaa deemne jedhe.
Leenjisaan duraanii Arsenaal Arseen Weenger ammoo ''Baga gammaddan. Kana booda fuulduratti imaluudha'' jedhe.
Teerii Heenerii Arsenaaliif galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii qaba. Heeneriin dhaloonni haaraan injifannoo amma nuuf kennitan kanaaf galatoomaa jedhe.
Morkataa jabaa Arteettaa kan ture Gaardiyoolaan Arsenaaliif ergaa baga gammaddanii dabarseera.
Arteettaan gargaarsaa Gaardiyoolaa tahuun hojjeteera. ''Baay'ee itti dhiyaannee ture. Maanchister Siitii bakka bu'uun Mikeel Arteettaa fi hojjettoota kilebichaa, taphattootaa fi deeggartoota isaanii baga gammaddan jechuun barbaada'' jedhe.
''Dadhabanii waan hojjecha aturaniif isaaniif mala'' jedhe Peep.
Arsenaal seenaa isaa keessatti waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'atee hin beeku.
Bara waliin yeroo lama qofa xumura waancaaf gahe. Caamsaa 30 bara 2026 Buudaapestitti PSG waliin waancaaf morkatu.
Lameen isaanii waancaa liigii isaanii mo'ataniiru. PSG bara darbe waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'ateera.
Baranas irra deebiin injifachuuf xumurarra gahaniiru. Garuu barri kan Arsenaal fakkaata.
Seenaa haaraa galmeessuu barbaadu. Tapha waliigalaa Shaampiyoonsi Liigii irratti goolii jaha qofatu irratti gale.
Kanaaf Arsenaal dandeettii waancaa kanas mo'achuun seenaa isaa haareffachuu qaba.
Sagantaan injifannoo waancaa Piriimer Liigii itti kabajan Caamsa 31 qabame. Shaampiyoonsi Liigii yoo mo'atan ammoo gammachuu dachaa tahaafii jechuudha.















