Phaapaasiin Kaatolikii hubannoon namtolchee 'AI' addunyaa waraana dhuma hin qabnetti oofaa jira jedhan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Phaapaasiin bataskaana Kaatolikii Roomaa, Pooppi Liyoo 14ffaa xalayaa jalqabaa Wiixata har'aa amantootaaf gadhiisaniin mootummootni babal'achuu sirna hubannoo nam-tolchee (AI )akka to'atan gaafachuu Rooyitarsi gabaaseera.

Teeknolojiin kuni oduu sobaa akka tamsaasu, lolaaf dursa akka kennuufi ''waraana dhuma hin qabnetti addunyaa oofaa jira,'' jechuun akeekkachiisan.

Sagantaa Vaatikaanitti qophaa'e irratti phaaphaasiin lammii Ameerikaa jalqabaa Pooppi Liyoo xalayaa amantootaaf ifa godhaniin sirni waraanaa gariin akka malee tahuun ''qabatamaan to'annoo dhala namaan ol tahaa jira,'' jedhan.

Sagantaa bataskaana kanaarratti hundeessaan dhaabbata AI Antirooppiik Kiriis Olaah argameera.

Phaaphaasichi yeroo dhihootii as haasawa akeekkachiisa qabu dubbataa jiru, waraana Iraan irrattis Tiraampiin qeeqaniiru, sanada batasakaanittii (encyclical)har'a gadhiisaniinis hogganoota addunyaaf waamicha dhiyeessaniiru.

Hubannoon nam-tolchee harka dhuunfaattii akka hin hafneefi warri imaammata baasan mirga hojjettootaafi daa'immanii teeknolojii akkasiirraa akka tiksan akkasumas dorgommiin dhaabota AI akka qabbanaa'u gaafachuun phaaphaasii Ameerikaa jalqabati.

''Waan nuti barbaannu sochii siyaasaa dammaqaa yeroo waan hundi muddamu kan qabbaneesu dha,'' jedhan Liyoon barreefama ''Maagnifikaa Hiyuumaanitas''(Namummaa Ajaa'ibaa) jedhama kana keessatti.

Liyoon ''qajeelfamni seeraa, to'annoo walabaa, fayyadamtoota waan fayyadaman beekaniifi sirna siyaasaa ittigaafatamummaa gad hin dhiisne,'' akka jiraatu fa'a waamicha dhiyeessaniiru

Xalayaan phaapaasichaa Encyclicals jedhamu kuni barsiisa bataskaanatti isa guddaa yoo tahu qajeelafama hordoftoonni amantichaa biiliyoona 1.4 ittiin bitamanidha.

Barreefamni Wiixata hara'aa akka bahu eegamaa ture kuni jechoota 43,000 kan qabu yoo tahu erga Pooppi Liyoon filamanii kaasee kan qophaa'aa ture dha.

Sanadni gumeensaa dhimma AI tahe kuni dhimmoota addunyaa dhipisan jedhe keessaa, dhaabooti idil-addunyaa dadhabuu akkasumas jaarmiyaaleen meeshaa waraanaa oomishan lola addunyaa irratti tahaa jiru keessaa warra buufatan tahuu eeree jira.

''Waggootiin 60 darban lola suukaneessaa lammiilee nagaa bal'inaan miidhee ture,'' jedhan Poopi Liyoon.

''Hubannoo nam-tolchee wraana keessatti fayyadamuun dhimma dhorkaa naamuusaa jabaa keessa darbuu qabu dha,'' sirna AI dhimma murtoo du'aa iirratti fayyadamuun ''eeyyamamaa miti,'' jedhan.

Phaaphaasiin kuni barsiisa haqa hawaasaa kan yeroo ibsan bara 1891tti Phaaphaasiin Liyoo 13ffaa yeroo warraaqsa Induustirii kaffaltiin fooyya'aa akka jiraatuufi haalli hojjettootaa akka fooyya'uu gaafatee ture jedhe.

Gama biraan galteewwan teeknolojii AI fayyadan kanneen akka bibilaafi kompiitaraa warri oomishan ''garbummaa haaraa'' keessa jiru jedhan.

''Iddoowwan addunyaa gariitti ijoolleen haala balaa qabu keessatti hojjetu...'' jedhan.

''Qaamni namoota kanaa miidhamee, madaa'eefi dadhabeeti sirni kuni akka hojjetiu gochaa jira,'' ''kuni qalbii keenya dhimma qoraa jiru dha,'' jedhan.

Kana malees bataskaanni Kaatolikii hamma jaarraa 19ffatti daldala garbaa jabinaan hin balaaleffanne jechuun akka dhuunfaattii dhiifama gaafataniiru.

''Kuni seenaa Kiristaanummaa keessatti madaa dha,'' jechuun ''kanaaf maqaa bataskaana kanaan dhiifaman gaafadha,'' jedhan.