Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Chaayinaatti roobi hamaan namoota miiliyoona tokko qe'eerraa kaase

Aanga'oonni Chaayinaa sababa rooba hamaa bubbee fi kakawwee (bakakkaa) makateen namoota miiliyoona tokko bakkaa kaasuu beeksisan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Reeffi shaanxaa keessatti' argame ashaangulliitii nama-fakkaatu ta'ee argame

    Awustiraaliyaatti 'reeffi shaanxaa keessatti' argame qorannoon booda ashaangulliitii nama-fakkaatu ta'ee argame.

    Poolisiin Awustiraaliyaa reeffa shaanxaa keessatti argee erga qorannoo irratti gaggeesseen booda 'miidhamtuun' nama osoo hin taane ashaangulliitii nama-fakkaattu ta'uu ibseera.

    Shaanxaan kun mandara xiqqoo O'aaleen jedhamtu kan kibba-lixa Sidiniirraa kiiloomeetira 230 fagaattee argtamtutti daandii qarqaratti namoota lamaan argame.

    Poolisiin wixata har'aa nama ajjeefamerratti qorannoo gaggeessuu akka jalqabe erga ibsee dubbichi qalbii ummataa hawwatee kan ture yoo ta'u, boodarra garuu qorannoo foorensikii gaggeeffaeen reeffi shaanxaa kessatti argame sun kan namaa osoo hin ta'iin hafeera.

    Poolisiin akka jedhetti, wanti shaanxaa keessatti argame "jalqabarratti nama waan fakkaatuuf dogoggora uumeera. [Ashaangulittiin kun] dhugumatti reeffa nama fakkaatti ture," jedhan Poolisiin Onaa Humee Lindaa Biraandbalii.

    "Haata'u malee, mala biraatiin reeffa namaa akka hin taane mirkaneeffanneerra."

    Ashaanguliitiin kun uffate uffattee jirti, faayaa dabbasaafi uraa funyaaniillee ni qabdi," jedhe poolisiin.

    Kana malees, "wanti shaanxaa keessatti argame kun miidhaa, godaannisa waan fakkaatu fuularraa qabdi," jedhe poolisiin.

  2. Waraanni Naayijeeriyaa namoota hidhattootaan butaman 33 baraaruu ibse

    Waraanni Naayijeeriyaa namoota kaaba lixa biyyattii, bulchiinsa Zamfara jedhamutti hidhattootaan butamuun bakka dhoksaa geeffaman 33 baraaruu ibse.

    Waraanni kun haleellaa baneen hidhattoonni dheessanii bosona keessa wayita dhokatan namoota kunneen baraaruu ibse.

    Naayijeeriyaatti namoota ugguruun maallaqa gaafachuun baratamaadha, keessattuu kutaa kaaba-lixaa kanatti.

    Dubbi himaan waraana Naayijeeriyaa Lt-Kol Aliyu Danja hidhattoonni kunneen maaliif akka namoota kunneen ugguranii fi eessatti akka geessuu barbaadan beekamuu baatus, ammallee garuu ugguramtoota baraaraman kunneen hordofaa jiraachuu himan.

    Jiraattonni naannawa kanaa of eeggannoo fi qophiin akka turan akkasumas odeeffannoo argatan hunda akkka qaama nageenyaaf eeran waamicha dhiheessan.

    Humna nageenyaa Naayijeeriyaa Kamisa darbes namoota ugguraman 300 ta'an baraaruu ibsee ture.

  3. Israa'el karoora nagaa Gaazaa abbaa qabxii 15 Tiraamp baase kuffiste

    Israa'el erga jalqaba Onkoloolessa keessa dhukaasa dhaabuurratti waliigaltee Gaazaa keessatti haleellaa dhaabdee hin beektu.

    Ammas karoora Tiraamp kana akka hin fudhanne ibsiteetti.

    Neetaaniyaahuun walga'ii kaabinee Dilbataa irratti ''Israa'el karoora nagaa qabxii 15 qabate kuffisteetti,'' jedhe.

    Israa'el karoora nagaa Tiraamp kana hin fudhanneef sababa hin fudhanneef ibsiteetti.

    Gama Hamaasiin ammoo maaltu jedhame?

  4. Chaayinaatti roobi bubbee fi bakakkaa makate hammaannaan namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman kaafaman

    Aangawoonni Chaayinaa akka himanitti, sababa rooba hamaa bubbee fi bakakkaa makatee roobuu eegaleen namoonni miiliyoona tokko ta'an magaalaa daldalaa biyyattii Shangaayidabalatee kutaalee baha biyyattii keessaa kaafamaniiru.

    Bubbee hamaan rooba balaafamaaf sababa ta'e Typhoon Dolphin jedhamu kun balaa sigiga lafaa uumeera.

    Sababa balaa kanaan geejjibi gufateera. Shagaayi qofatti Wiixata har'aa balaliin 1,000 caalu haqameera.

    Aangawoonni biyyattii roobi balaafamaan itti fufee akka roobuu fi balaa lolaa hamaa akka uumu, kun ammoo sigiga lafaa uumuu akka danda'u akeekkachiisaniiru.

    Bubbee hamaan kun jalqaba wayita Yuhuwaan keessatti mul'atu sa'atiitti kiilomeetira 150 akka imalu kan barame yoo ta'u, yeroo muraasa booda magaalaa Wenzhou keessatti balaa sigiga lafaa uumuun dhagahame.

    Wiixata har'aas kutaalee biyyattii hedduu keessatti roobi hamaan bubbee fi bakakkaan wal make akka itti fufee roobu raagi haala qilleensaa ni mul'isa.

  5. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Chaayinaatti roobi bubbee fi bakakkaa makate hammaannaan namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa kaafamaniiru.

    Israa'el karoora nagaa Tiraamp fudhachuu didde. Waraanni Iraanis xiyyeeffannaa keenya.

    Nu hordofaa!

    Odeessaalee keenya karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp argachuu dandeessu.