Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaarsummaan cidha caalee? Abaaboo birrii 500,000 jaarsummaaf ergaman
Itoophiyaatti jaarsummaan jijjiiramaa jira. Keessattuu Finfinnee dabalatee magaalota gurguddoo biyyattiitti maallaqa guddaa baasuun sagantaawwan jaarsummaa cidhaa ol ta'an adeemsifamaa jiru.
Addattimmoo bishii (bisii) ykn nadoon abaaboo birriin kuma dhibbaan lakka'amu itti bahee gara warra intalaatti ergamu ijoo dubbii ta'eera.
Abaaboowwan qaalii kun gareedhaan yoo ta'e malee namni tokko qofaasaatti baachuu hindanda'u. Gara warra intalaa yeroo geeffamanis konkolaataa fe'umsa meeshaa fayyadamuuni.
Jaarsummaa dabalatee sagantaalee tokko tokkoof nadoo abaaboo gurguddaa erguun kan eegalame waggoota sadii as ta'uu daldaltoonni abaaboo himu.
Waggoota 15 darbaniif hojii daldala abaaboorratti bobbaatee kan jirtu Hirut Annaagaaw, dhiyeenya kana nadoo abaaboo meetira lama dheeratu maamilasheetiif qopheessuu himti.
Akka isheen jettutti nadoon abaaboo kun "hamma kutaa ciisichaa tokko gaha".
Abaaboo kana kabaja guyyaa dhalootaaf akka qopheessite kan himtu Hirut, kana duras nadoo abaaboo dheerinnisaa hanga tokko gabaabbatu garuummoo bal'ina meetira lama qabu sagantaa jaarsummaa maamilasheef qopheessuushee himti.
Gama biraatiin qorataa aadaa kan ta'an Dr. Andu'aalam Abaata, jaarsummaan sirna gaa'elaaf heeyyamni maatii itti gaaftamu, gaafiiwwan ijoo deebii kan itti argatan, mala dhiironni kabaja warra intalaaf qaban itti agarsiisan akkasumas adeemsa warra intalaa waliin maatii ta'uuf karoorsuusaanii itti ibsan ta'uu himu.
Jaarsoliin sirna kanaaf ergamanis umriifi sammuun kan bilchaatan, dubbatanii kan amansiisan, gaafiwwan gaafataman bifa quubsaa ta'een kan deebisan, nama jaarsummaa isaan ergatefi maatiisaa sirriitti kan beekan akkasumas kan beekamanfi jaalataman ta'uu qabu.
Yeroo baay'ees lakkoofsi isaanii afur, shan yookiin torba yemmuu ta'u, abbootin amantaas itti dabalamuu danda'u.
Barmaatii kana dura tureenis jaarsoliin kun wuskii, buna, hoolaafi kennaawwan hagas mara qaalii hintaane qabatanii gara warra intalaa akka deeman kan himan Dr. Andu'aalam, sirnichi iddoodhaa iddootti garagarummaa akka qabus dubbatu.
Maatiin intalaas gaafii jaarsoliin dhiyeessan itti yaadanii deebisuuf jaarsolii guyyaa biraatti beellamuu akka danda'anis himu.
Waggoota muraasaa as garuu, keessattuu Finfinneefi magaalota biroo keessatti, jaarsummaan dhimma maatii ta'uurraa gara ummataatti akkasumas manaa gara addabaabayiitti bahu dubbatu.
Kana malees sagantaan jaarsummaaf qophaa'u akkuma cidhaa guddaa, abaaboofi faayawwaniin kan guutamefi jaarsoliin heddu kan irratti hirmaatan ta'eera.
Kanaafis jaarsummaan taatee yaadawwan lama gidduu falmii uumes ta'eera.
Gama tokkoon barmaatiin kun, "aadaa faalaa jira, walmorkii hinmalle uumuun gaaga'ama diinagdeefi hawaasummaa geesisaa jira' jedhamuun qeeqamaa jira.
Gama biraatiin immoo, "aadaan yeroofi haala bu'uura gochuun ni jijjiirama" jechuun yeroo walin jijjiiramuun akka barbaachisu kunneen himan jiru.
"Aadaan wanta jijjiiramudha" kan jedhan Dr. Andu'aalam, "Rakkoon nageenyaa biyyattii keessa jiru, walirraa fagaatanii jiraachuun kunneen wal fuudhanii, dhabamuun yeroofi haalonni diinagdee barmaatii jaarsummaa dur ture jijjiiraa jiru" jedhu.
Hojii daldala abaaboorratti kan bobbaate Hirut gama isheetiin, miidiyaan hawaasaa barmaatii haaraa kanaaf gumaacha taasisuu himti.
Dur jaarsummaaf hoolaafi wuskii qabatanii deemuun baramaa akka ture himuun, naannoo waggoota torbaammoo nadoo abaaboo xixxiqqoo qabatanii deemuun eegalame jetti.
"Amma immoo jaarsoliin nadoowwan abaaboo akkaan gurguddaa ta'anfi wantoota qaqqaalii akka diyaamandiifi konkolaataa dabalatee kennaawwan gurguddaa biroo qabatanii gara warra intalaa deemu" jetti.
Viidiyoowwanfi suuraawwan taatee kunneen agarsiisan miidiyaalee hawaasaarratti qoodamuunis, "hammi abaaboo ergamu, faayi waltajjiifi sagantaan qophaa'u akka guddatu" taasiseera jechuunis himti.
Gaazexeessituu, barreessituufi akkasumas sagantaa raadiyoo faashiniifi haala jireenyaarratti xiyyeeffatu kan dhiyeessitu Elsaa Asaffaas yaada Dr. Andu'aalam fi Hirut kaasan qooddatti.
"Aadaan yeroofi haalarratti hundaa'uun ni jijjiirama. Maalif jijjiirame hin jedhamu" kan jettu Elsaan, "Haalli diinagdee, tekinoloojiin, miidiyaan hawaasaa, haalli jireenyaa, iddoon wantootaaf laatamu, baasii hir'isuufi gilobaalaayizeeshiniin" jijjiiramichaaf sababa akka ta'anis himti.
Sababoota kunneenirraa kan ka'es qaama sirna gaa'elaa kan ture jaarsummaan bifa jijjiiratee, "sirnoota gaa'elaa jaarsummaan jalqabas xummuras itti ta'e ilaalaa jirra" jetti.
Haaluma kanaan barmaatiin jaarsoliin dur gara warra intalaatti itti deddeebi'an hafee misirroon gaafuma jaarsummaa misirrittii fudhatee galuun mul'achaa jira jechuun taatee yeroo dhiyoo taajjabde himti.
Gara fulduraattimmoo sirnichi guutummaatti hafuuyyuu danda'a jechuun tilmaamashees himti.
Ganama jaarsummaa, waaree boodammoo cidha?
Itoophiyaa keessatti gaa'elli adeemsa mataasaa akka qabu kan himan Dr. Andu'aalam, adeemsi kunis wal kaadhimmachuu, jaarsummaa, gabbara, cidha, walitti makamuu maatii lamaanii fi deebii ofkeessatti akka qabu himu.
"Amma garuu keessattuu naannoo magaalotaatti haalli wantoota kunneen hunda walitti makanii al tokkotti gaggeessuu mul'achaa jira" jedhu.
Jaarsummaawwan yeroo dhiyoo irratti hirmaatan lamas akka fakkeenyaatti kaasu.
Jaarsummaa isa duraarratti jaarsolii shan ta'anii warra intalaa erga deemanii booda guyyaa biraatti beellamamanii boodarra gaafiinsaanii fudhatama argachuu himu.
Haalli jaarsummaa isa lammataarratti isaan mudate garuu adeemsa isa duraan adda ta'edha.
"Guyyuma sana maatiin gama lamaanuu walitti dhufan" jedhu. Kunis sababa fageenyaafi mijaa'uu dhabuu haalotaan akka ta'es ibsu.
Dhiyeenya kana cidha tokkorratti kan afferamte Elsaanis haala walfakkaataa arguushee himti.
"Jaarsummaan ganama gaggeeffameeti cidha laaqanarratti kan affeeramne" jetteerti.
Abaaboowwan gurguddaa jaarsummaa bareechan
Abaaboo waliif kennuun kutaalee addunyaa birootti baratamaa ta'us taatee Itoophiyaatti baramaa dhufe adda kan godhu abaaboowwan bifa kennaan kennaman gurguddaa ta'uusaaniiti.
Jaarsummaaf nadoo abaaboo guddaa erguun agarsiistuu sadarkaa jireenyaa ta'aa akka jiru Hirut himti.
Namni daldala abaaboorratti bobba'ee jiru inni biraan Darajjee Dirribaan immoo, "abaaboon baay'ina yeroo qabaatu namatti tola. Abaaboon bareedina. Wayita mana keessa kaa'amus gammachuu namaaf laata" jedha.
Nadoon abaaboo inni guddaan sagantaa jaarsummaaf qopheessanis ogeeyyii afur ta'anii halkan tokko guutuu akka itti fudhate Darajjeen hima.
Nadoowwan abaaboo jaarsummaa isaan hojjetanis birrii kuma 200 hanga kuma 400 akka gurguramanis dubbata.
Daldaltoonni abaaboo BBC'n haasofsiise kunneen biroonis, nadoowwan abaaboo guddinasaaniirratti hundaa'uun hanga birrii kuma 500'tti (miliyoona walakkaatti) akka gurguraman himaniiru.
Biyyoota Afrikaa abaaboo alatti ergan keessaa Itoophiyaan sadarkaa lammaffaarrtti kan argamtu yemmuu ta'u, waggoota jahan darbanittis gabaan abaaboo biyya keessaa daddamaqiinsa agarsiisuu waldaan omishtootafi ergitoota abaaboo BBC'tti himeera. Gatiin abaaboos kan duraan turerraa dachaadhaan dabaluusaa himeera.
Itti gaafatamaan kutaa leenjii waldichaa Dr. Shimallis Xilaahun, "lakkoofsaan kaa'uun ulfaatus gabaa abaaboo biyya keessaarratti jijjiiramoonni akka jiran mul'ata" jedhaniiru.
"Guyyaa dhalootaaf, jaarsummaaf, cidhaaf, eebbaaf akkasumas gaddaafillee abaaboo qabatanii deemuun baramaa jira" kan jedhan Dr. Shimallis, abaaboon qeenxeen takka hanga birrii 40'tti akka gurguramtu himaniiru.
Fedhiin abaaboo dabaleera kan jettu Hirutis, nadoo abaaboo dheerinni fi dalgi isaa meetira lama lama ta'e hojjechuuf abaaboo qeenxee kumaan lakka'aman fayyadamuushee himti. Tarii abaaboo 5,000 ol ta'uu danda'a.
Nadoo abaaboo ogeeyyiin torba irratti hirmaatan kana qopheessuuf sa'aatiiwwan 15 akka itti fudhates himteerti.
Abaaboowwan jaarsummaaf ergaman miidiyaa hawaasaarratti qoodamuunsaanii fedhii biyya keessaa dabaleera kan jettu Hirut, barmaatiichi Finfinneen ala magaalota biroo keessattis babal'achaa akka jiru himteerti.
Walmorkii miidiyaa hawaasaarraafi 'kennaawwan kiraa'
Miidiyaan hawaasaa jaarsummaa qofa osoo hintaanee dhimmoota biroorrattis namoota gidduutti walmorkii uumuun gaaga'ama xinsammuu, diinagdeefi hawaasummaa qaqqabsiisaa jira jedhamuun komatama.
Jaarsummaa dabalatee sagantaawwan biroon miira walmorkii uumuusaanii Dr. Andu'aalam himu.
Yaada kana kan deeggartu Elsaan, "abaaboon jaarsummaaf ergamu agarsiistuu diinagdeefi dirree walmorkii ta'aa jira" jetti.
Hirut garuu sirnoota jaarsummaa miidiyaa hawaasaarratti qoodaman walmorkii osoo hintaanee muuxxannoo fudhachuufi wanta fooyyee uumuu walin walqabsiisti.
Dr. Andu'aalam garuu, "iddoon sagantichaaf filamu, abaaboon, uffanni, baandiin muuziqaa akkasumas sagantaan viidiyoofi suuraa dirree dandeettii diinagdeefi jireenyi fooyyee itti agarsiifamu ta'eera" jedhu.
Sirumayyuu yeroo tokko tokko kennaawwan kiraadhaan fuudhamanii akka kennamanis himu.
Yaada doktarichaa kan deeggartu Elsaan immoo miirri dorgommii kun damee bareedinaafi uffata aadaaf carraa gaarii kan fide ta'uu himti.
"Veelloon dhiibbaa keessa galeera. Namoota uffata aadaa hojjechuurratti bobba'aniif carraa hojii uumera. Meekaappiif, rifeensaaf, abaaboofi diikooriif carraa guddaa uumaa jira" jetteerti.
Ogeessi qorannoo aadaa Dr. Andu'aalam garuu, "biyya gaaga'ama diinagdee keessa jiru, ummanni baay'een rakkoo keessa itti jiraatu irratti wanta qaalii akkanaa baasanii 'naaf ilaalaa' jechuun sirrii akka hintaane" dubbatu.
"Rakkoo miira biyyaa, gosa, ummataa, aadaafi eenyummaa ofii hubachuu dhabuu keessa ta'uuti jedheen amana" jechuunis himu.
Dhumni abaaboowwan birriin kuma dhibba heddu itti bahes hubannoo dhabuu kana kan agarsiisu fakkaata. Sababnisaas abaaboowwan uumamaa torbee tokkoyyuu turuu hindandeenye kunneen dhumnisaanii kuusaa kosiiti.
Hirut akka jettutti namoonni tokko tokko abaaboo kana gogsuun muraasa isaa yaadannoof ni olkaawwatu.
Namoonni baay'een garuu yaadannoosaanii kan olkaa'an viidiyoowwan, suuraawwanfi miidiyaalee hawaasaarratti.