'Haakaroonni' Kooriyaa Kaabaa karaa intarneetii dolaara biliyeena 6.3 saamuun shakkaman

Loogoo Baayinaansii
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhaabbileen dhimma maallaqa dijitaalaa ykn kiriptoo karaansii hordofan lama akka jedhanitti, gareen hattoota ykn 'haakarootaa' Kooriyaa Kaabaa iccitii dhaabbata maallaqa dijitaalaa guddaa addunyaa Baayinaansi jedhamu cabsuun doolara Ameerikaa biliyoona 6.3 hatuusaanii odeeffannoo akeeku qabna jedhan.

Dhaabbanni mootummaa Kooriyaa Kaabaan deeggaramuufi yakka saamicha maallaqaa dijitaalaa raawwachuun beekamu Lazarus Group, ykn ammoo maqaa 'TraderTraitor' jedhamuunis beekamu hanna maallaqa dijitaalaa dhaabbata Baayinaans irratti raawwatame duuba jiraachuusaa dhaabbileen qorattootaa dhimma saayibarii TRM Labs fi Chainalysis' jedhaman mirkanessaniiru.

Taatee kun tibbana kun biyyoota hiyyeeyyi addunyaa keessatti kan ramadamtuu fi interneetiin akka malee kan biyyattii daangeffame Kooriyaa Kaabaa waliin hidhata qabaachuu akeeka.

Ogeeyyiin dhimma haleellaa saayibarii akka jedhanitti, mootummaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un hogganamu haleellaa saayibarii akka madda galittii itti gargaaraman jechuun himatu, Piyoongiyaang garuu himannaa kana yeroo dheeraaf haaltee turte.

Haleellaa saayibarii maallaqaan walqabatu ta'uu baatus, hanna karaa intarneetii baay'ee dinqisiisaa ta'e raawwachuun Kooriyaan Kaabaa kan shakkamte bara 2014 ture.

Haleellaan saayibarii kun dhaabbata 'Sony Pictures' jedhamuu fi fiilmii Hooliwuud 'The Interview' jedhu hojjete ture.

Fiilmiin kun Kiim ajjeesuuf shira xaxame of keessaa qaba ture.

Haleellaan saayibarii sun dhaamsa imeelii qaanessaa ta'e, kan kumaatamaan lakkaa'aman hoggantoonni olaanoo istuudiyoo wal jijjiiran saaxilee ture.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Bara darbe Biiroon Qorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI) akka jedhetti Kooriyaan Kaabaa hanna doolaara biiliyoona 1.5 dhaabbata maallaqa sharafu Bybit jedhamurratti raawwatame duuba Kooriyaa Kaabaatu jira jedheera.

Taatee sana booda, ejensichi akka jedhetti 'TraderTraitor' qabeenya hatame saffisaan daddabarsaa akka ture ibsuun, gara Bitkoyin fi qabeenya dijitaalaa birootti jijjiiruun gara maallaqa callaatti jijjiruuf karoorfachuu ibsee ture.

Dhaabbanni Qorannoo Yakkaa Federaalaa Ameerikaa FBI'n Kooriyaa Kaabaa ''yakka saayibarii seeraan alaa fi hanna qabeenyaa karaa intarneetii raawwatu'' jechuun himate.

Kooriyaan Kaabaa sirna haleellaa saayibarii guddisteetti, kana kan raawwattu ammoo barattoota qaxalee yunivarsiitiiwwan irraa calaltee simachuun garee haakeroota dhaabbata basaasa Kooriyaa Kaabaatiin to'atanitti akka geesitu gabaasaaleen ni akeeku.

Haleellaan saayibarii kaan daangaa Chaayinaa bakka dhiyaaturraa akka raawwatamu xiinxalli gareewwan teeknooloojii irraa argame ni mul'isa.