Somaalilaand lammii Itoophiyaa hidhaa waggaa 28 booda akkamiin gadhiiste?

Madda suuraa, Getty Images
Bulchiinsi beekamtii idil-addunyaa hin qabne garuu akka biyyaatti of waamtu Somaalilaand lammii Itoophiyaa waggoota 28'f hidhaa ture gadhiiste.
Bulchiinsi Somaaliyaan qaama kiyya jettuu kana keessatti lammiileen Itoophiyaa baay'inaan ni jiraatu.
Lammiin Itoophiyaa amma hidhaa waggaa dheeraa booda gadhiifame kuni Daahir Qaasim Abdallee jedhama. Dhaloonni isaa Naannoo Oromiyaadha.
Daahir mana hidhaa giddugalaa Hargeessaa keessa ture. Ministirri Haqaa Somaalilaand Yoonis Ahimad Yoonis nama kana mana hidhaa keessa isaaniis yeroo hidhaa turan isa beeku.
''Maatiin lamaan beenyaan akka waliigalan amansiisne. Kanatu akka inni hiikamu sababa ta'e,'' jechuun BBC'tti himan.
Akka qondaala kanaatti akka inni hiikamuuf Ministeerri Haqaa Itoophiyaa, waajjirri Somaalilaand Itoophiyaa keessa jiruufi qonsilaan Itoophiyaa Somaalilaand jiru akka inni hiikamu waliin hojjetaniiru.
Maatiin nama duraa du'e argachuun rakkisaa waan tureef isa hiiksisuun yeroo dheeraa fudhachuu dubbatan.
Kanaan ala namni dhimma isaa itti dhiheeyaan ilaale illee hin turre jedhan.
Daahir bara 2000 keessa naannoo Sanaag, magaalaa Erigaavotti lammii Itoophiyaa biraa ajjeesuun himatame.
Maatiin nama du'e Naannoo Oromiyaa keessa jiraatu jechuun aangawaan kuni himaniiru. Haa ta'u malee, beenyaaf hammam akka kaffalame aangawaan kuni hin dubbanne.
Ministirri Haqaa Somaalilaand barreeffama Facebook irratti barreessaniin yeroo jalqabaaf Daahirin kan wal baran bara 2017 mana hidhaa Giddugalaa Hargeessaatti akka ta'e ibsan.
Yeroos isaanillee achitti hidhaa turan.
''Daahiriin irra deebiin mana amala sirreessaa Giddugaleessaa Hargeessaatti yeroo daawwiif dhaqe arge.
''Gaafas, akka inni hiikamu akkan hojjedhuufi bilisummaa isaa akka gonfatu akka dalagu waadaa seeneef,'' jechuun barreessan.
''Har'a akka inni hiikamee bilisummaa isaa gonfatu gumaachuu kootti gammadeera,'' jechuun ibsan.
BBC'n Daahir quunnamuuf yaalee ture. Haa ta'u malee, erga hiikame booda Itoophiyaatti imalaa waan jiruuf dubbisuu hin dandeenye.
Somaaliilaand maal fakkaatti?
Waa'ee dachee Somaailaand har'aa hubachuuf taatee jaarraa 7ffaa yaadachuun barbaachisaadha. Yeroo Islaamummaan seene ture.
Haata'u malee, jaarraa 14ffaa keessa naannoon Sulxaaneetonni Islaamaa qabatanii turan Impaayera Kiristaanaa Itoophiyaa jala gale.
Bara 1527 mootiin Adaal bulchiinsa Itoophiyaatiin loluu eegale. Yeroo booda kutaalee Itoophiyaa hedduu qabate, ta'us garuu boodarra tumsa warri Poorchugaal Itoophiyaaf taasisaniin bara 1543 injifatame.
Yeroo dheeraa booda ammoo warri Biriiteen koloniif dhufan. Bara 1988 Biriiteen aanga'oota naannoo (local sultanates) waliin waliigaluun Somaalilaand of jala galchite.
Biriiteen jalatti dacheen kun Biriitish Somaalilaand jedhamaa turte.

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Waggaa 10 booda bara 1899 dureen amantii Islaamaa Mohammad Abdullaahii bulchiinsa Biriiteen irratti ka'an.
Sochiisaanii itti fufuun hanga bulchiinsa Deervish (Dervish Sate) gadi dhaabuutti ga'an.
Waggaa 20tti siquuf haala kanaan turanis, garuu bara 1920 humnoonni Biriiteen bulchiinsa warri amantii gadi dhaabbatan kana barbadeessan.
Biriitish Somaalilaand fi Itaaliyaan Somaalilaand walabummaasaanii gonfachuun tokko ta'anii biyya Rippaabilika Somaaliyaa jedhamu uuman.
Garuu waggaa 30 caalaa waliin hin turre, bara 1991 Biriitish Somaalilaand walabummaashee labsattee of dandeessee akka biyyaatti of bulchuu eegalte.
Bara 2001 uummanni dhibbeentaa 97 ta'u heerri bara 1997 ba'e, kan walabummaa Somaalilaand raggaasisu, akka hojiitti hiikamu filatan.
Booda kana Israa'el biyya jalqabaa bulchiinsa Somaalilaandiif beekamtii kennite taateetti.
Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf, faallaan immoo beekamtii biyyummaa Somaalilaandiif kennuuf inni jedhame Somaaliyaa waliin dhibdee jabaa uumee turuun isaa ni yaadatama.

























