Oduun waa'ee du'uu bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un maaliif deddeebi'ee ka'a?

Madda suuraa, KCNA
Qondaalli Kooriyaa Kaabaa guyyoota muraasa dura dhibee dhiiguu sammuun du'uun isaa bal'inaan odeeffame yeroo xiqqoo booda ammoo bareedee miidiyaa biyyattiirratti mul'ate.
Gaazexaan biyyattii Rodong Sinmun jedhamu abbaa irree umrii waggaa 42 kana osoo inni agarsiisa uffataa fi kophee daawwatuu mul'ise.
Suuraaleen Kim Jong Un kunneen erga namni hidda Chaayinaa qabuu fi US keessa jiraatu du'uu isaa odeessee booda mul'ate.
Namni kun Kim akkaan dhibamee hospitaala Beejiing jiru seenuu fi boodarra du'uu odeesse, garuu ragaa qabatamaa hin dhiheessine.
Namni yeroo baayyee dhimma Kooriyaa Kaabaa hordofuuf oduu fi hamiin akkasii baratamaa ta'eera.
Biyyi akka Kooriyaa Kaabaa kun iccitiin kan guutamtee fi odeeffannoo mirkaneeffachuun ulfaataa ta'uunsaa hamiin akka heddummaatuuf haala mijeessa.
Hamiin dhiheenya kana Kim irratti odeeffame nama Wanjun Xie irraa eegale.
Namni kun dura taa'aa Paartii Dimkiraatawaa Chaayinaa ofiin jedha.
Paartiin kun aanga'oota mootummaa Chaayinaan dhorkameera.
Namni kun kanaan duras hamii walfakkaataa facaasee ture.
Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jinping du'eera jedhee odeesseera.
Wanjun Xie bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un dhibee dhiiguu samuu hamaa haemorrhage jedhamuuf biyyasaa keessatti wal'aansa argachuu waan hin dandeenyeef gara Beejiingitti dabarfamuu odeessee ture.
Boodarra ammoo Kim dhibee kanarraa bayyanachuu dadhabee du'uun reenfi isaa dhoksaan gara Kooriyaa Kaabaa deebi'eera jedhe.
Mootummaan biyyattii du'uu Kim dhoksaa jiraachuus dubbate.
Garuu suuraa miidiyaan biyyattii mul'isan irraa ammoo waan faallaa kanaa argina.
Kim suuraa isaarraa nama dhibameyyuu hin fakkaatu. Intalasaa waliin uffannaa duraan ittiin beekaman uffatanii bareedanii mul'atu.
Suuraaleen kunneen yoomuu akka kaafaman sirriitti beekamuu baatus, hamii du'a isaa kana wantoonni nama shakkisiisan biroonis jiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Osoo akkuma odeeffame Kim du'ee jiraatee mallattoonsaa daangaan Kooriyaa Kaabaan ala ba'ees mul'achuu danda'a.
Chaayinaan rakkoo tasgabbii ykn godaansa garmalee to'achuuf jecha daangaa ishee irratti haala duraan hin baratamneen eegumsa cimsuu dandeessi ture.
Ergama dippiloomaasii Kooriyaa Kaabaa keessattis sochiin kan kanaan duraa caalaa heddummaachuu danda'a ture.
Kanneen Kooriyaa Kaabaa irraa ba'anii kibba jiran odeeffannoo al-idilee karaa neetwoorkii daangaa Chaayinaarra jiraniin argatu.
Taateen kun hunduu hin mudanne.
Gama kaaniin aanga'oonni Kooriyaa Kibbaa oduun du'a Kim Jong Un ragaadhaan kan hin deggeramne ta'uu miidiyaa biyyattii Yonhap jedhamutti himaniiru.
Hamiin Kim irratti deemu kun taatee kanaan duraas nama yaadachiisa.
Bara 2020 qondaalli gameessi Kooriyaa Kaabaa biyyattii ganee ba'e jedhame tokko Kim wal'aansa baqaqsanii yaaluu dhibee Onnee booda du'uusaa dhibbeentaa 99 mirkaneeffachuu odeessee ture.
Garuu hamiin sun dhagahamee yeroo muraasa booda Kim hawaasatti mul'ate, hamiin sunis dhugaa akka hin taane barame.
Oduun waa'ee du'a Kim Jong Un kun garuu maaliif deddeebi'ee dhufaa? Sababi jalqabaa dhimma dhaala aangooti.
Maatiin Kim dhaloota sadiif Kooriyaa Kaabaa bulchaa jira. Garuu Kim Jong Un booda wanti mudatu shakkiidhaan kan guutamedha.
Wayita Kim Jong Un aangoo qabatu haalli dhaala aangoo isa dura ture hanga kana shakkii hin qabu ture.
Maatiin Kim jalqabaa Kim Il Sung ilmasaa Kim Jong Il waggoota kurnaaf qopheessaa ture.
Kanaafuu wayita bara 1994 du'u aangoon salphumatti gara Kim Jong Il darbe.
Akkaataan Kim Jong Un itti aangootti dhufe ammoo akkaan saffisaa ture.
Bara 2008 wayita Kim Jong Il dhibee dhiigi sammuutti dhangala'uun qabamu, ilmisaa, Kim Jong Un, saffisaan gara gulantaa aangootti muudame.
Abbaansaa dhibee kanaan bara 2011 wayita du'u bulchaa egeree biyyattii ta'uun hawaasatti beekame.
Achirraa ka'uun Kim Jong Un aangoosaa cimsataa ture. Mormitoota dhidhimsuu fi waan yaaddoo fi sodaa aangoosaa ta'e hunda dhabamsiisuu irratti xiyyeeffate.
Har'a ammoo intala isaa aangoof qopheessaa jiraachuu jaarmiyaan tikaa Kooriyaa Kibbaa amana.
Intalli Kim Jong Un sagantaawwan gurguddoo fi agarsiisa humna waraanaa biyyattiirratti bal'inaan mul'atti.
Garuu umriin ishee waggaa 13 ta'uutu himama.
Kooriyaan Kaabaa hooggantuu dubartiin bultee hin beektu. Intalli Kim Jong Un kunis aangoo akka dhaaltu ifatti hin beekamne.
Umriin ishees qormaata aangoof kan ishee saaxiluudha.
Dhaala aangoo Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee haalonni mirkana hin taanee fi shakkisiisoon kunneen hundi waa'een oduu du'a Kim Jong Un akka xiyyeeffannaa argatu taasisa.

Madda suuraa, KCNA
Sababi lammataa oduu fi hamiin kunneen guutummaatti gatii kan hin qabne ykn dhugaarraa kan fagaatan miti.
Kim Jong Un rakkoo furdina garmalee qaba, baayyee tamboo aarsa.
Tajaajilli Tika Biyyaalessaa Kooriyaa Kibbaa haalli qaama isaa dhibee onnee akkaan hamaa lubbuusaa galaafachuu danda'a yaaddoo jedhu ibsaa ture.
Rakkoon fayyaa onnee fi sammuutti dhiigi dhangala'uu maatii Kim keessatti deddeebi'ee mudata.
Taateen kamuu Kim mudannaan daafoon isaa biyyoota ollaa fi hawaasa idiladdunyaa bira ga'uun hin hafu.
Rakkoon bulchiinsaa kamuu qabiinsa meeshaalee waraanaa nukilaraa fi daddaaqama siyaasaa Kooriyaa Kaabaa irratti gaaffii kaasisa.
Goolamni aangoo biyyoota bulchiinsa Kooriyaa Kaabaa adda durummaan jibban tarkaanfiitti galchaa? Hookkarri sababa kanatti dhalatu daangaa Chaayinaa irratti yaaddoo godaansaa hammeessaa? Kun hunduu yaaddoo sababa fayyaa Kim Jong Un dhufu.
Kooriyaa Kibbaa ykn Chaayinaa qofa osoo hin taane biyya Kooriyaa Kibbaa keessaa loltoota kuma 28 qabdu Ameerikaallee ni ilaallata.
Jaarmiyaaleen tikaa yoo waa ta'e gabaasa kennuuf oduu du'a Kim Jong Un itti dhiheenyaan hordofu.
Sababni isaa Kooriyaa Kaabaa irraa odeeffannoo argachuun ni ulfaata waan ta'eef.
Kanarraa ka'uun biyyattiin odeeffannoo sobaaf saaxilamtuudha.
Garee muraasa qofatu bulchaa waliin quba wal qaba.
Qaamoleen tikaa illee waa'ee bulchaa odeeffannoo dhugaa fi qulqulluu argachuuf baayyee qoramu.
Kanaaf carraan odeeffannoon hin mirkanoofnee fi tilmaamaan ba'uu olaanaadha.





























