Mooyyaleetti walitti bu'iinsi itti fufe, kumaatamni Keeniyaatti buqqa'an

Lammiilee walitti bu'iinsa Mooyyale keessaatiin gara Keeniyaa godaanan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Walitti bu'iinsi magaalaa Itoophiyaa daangaa Keeniyaarratti argamtu Mooyyalee keessatti guyyaa lama dura eegale ammallee hin dhaabbanne.

Jiraattonni BBC'n dubbise ammallee halkanii guyyaa dhukaasi hin dhaabbanne jedhu. Guyyaa har'aa Mooyyale keessaa sagaleen dhukaasaa akka dhagahamu BBC'n viidiyoofi sagaleen odeeffateera.

Kuma kurnaniin immoo namni buqqa'aa jira.

Waa'ee walitti bu'iinsa jiraattota guddoo yaaddesseerratti ammallee gama mootummaa wanti ifatti jedhame hin jiru.

Dhaabbanni Fannoo Diimaa Keeniyaa ammoo namoota sababa rakkoo nageenyaa Mooyyale kanaan buqqa'anii godaanuun daangaa Keeniyaa seenaniif mootummaa fi dhaabbilee gargaarsaa kaan waliin gargaaruuf carraaqqiitti jiraachuu hime.

Dhabbata Fannoo Diimaa Keeniyaatti dura bu'aa naannawa Baha Keeniyaa kan ta'an Obbo Adam Waaqoo Galgaloo namoonni buqqa'anii gama Keeniyaa cehaa jiran kuma kurnaniin kan lakkaa'amani jedhan.

"Uummanni guddaatu dhufe. Kaampii kana fulaa jahatti ijaaran. Kaampii sadi kan walitti aantuyyuu nama 8750tu keessa qubatee jira.

''Fulaa sadi kan lakkoofsa isaa hin beekne osoo hin dabalatin jechuu dha. Kan san caalu immoo mana namaa keessaa kan bulaa jiru harka 95% kan ta'u dha."

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Kanneen buqqa'an keessa haawwan ulfaa, ijoollee, shamarran, manguddoonni akka jiran ibsanii jiru.

Jiraattootni hedduun gara daangaa keeniyaatti baqatan hedduun ammallee gargaarsa argataa akka hin jirreefi akkasumas namoota dhuunfaan gargaaramaa akka jiran dubbataniiru.

Kanneen BBC'n dubbise mana namoota dhuunfaattin dahatanii jiraachuu fi deeggarsi akka dhaabbilee gargaarsaarraa akka hin argatin himu.

Namni mana maatii dhuunfatti dahatee jiru tokko gargaarsi nama dhuunfaa guyyootaaf nama faana hin fulla'u jedhu.

"Kaampii Manyaataa Burjii keessa qubannee jirra. Mataa ofiitiin qarqaarsa nuu godhani. Qarqaarsa mootummaallee miti. Guyyaa lama varandaarra bulaa jira. Namni dhuunfaa itti fufee nu gargaaruu hin danda'u."

Namni biraas iddoo bultii kan rakkataa jiran baay'ee ta'uu eera.

"Warri gad dhufe kun warra gargaaru kan dhibii hin qabu. Warri kun bishaan, uuffata, iddoo bultii guddoo dhibii qaba."

Mootummaa walitti bu'iinsa akka dhaabsisu gaafatanii jiru namoonni kunneen.

Gama Keeniyaatti kan dahatee jiru uummanni kun manneen barnootaa, masjiidota fi waldaalee amantaa (church) keessa ta'uu himan.

Kanneen hafan uummata keessa jira jedhan qondaalli Dhaabbata Fannoo Diimaa Keeniyaa kun.

Dhaabbilee gargaarsaa fi mootummaan Keeniyaa walitti qindaa'uun (Multi agency coordination team) hundeessanii deeggarsa nyaataa fi dhugaatii, qubsumaa kennaa akka jiran dubbatu Obbo Aadam.

Mootummaa biyyaalessaa Keeniyaa, Mootummaan naannoo (county government), Dhaabbileen misoomaa, Waldaa Fannoo diimaa fi dhaabbilee nageenyaa tu tumsa gochaa jira.

Sababa walitti bu'iinsi kun itti fufeen jiruuf namni gara Keeniyaa yaa'ullee walirraa citee hin jiru jedhan.

Sababa baay'inni namaa gara xinniqaa (yaa'aa) jiru daran dabalaa waan jiruuf kana gargaaruun humna dhaabbatichaa ol akka ta'eefi deeggarsa hatattamaa akka barbaachisu eeranii jiran.

Keeniyaatti dhiyoo namoonni dhibee Iboolaan qabani jiraachuunis yaaddoo fayyaa biraa akka isaanitti ta'ulee himan.

Sababa deggarsi gama fayyaa hanga yoonaa hin eegalaminiif immoo namoonni buqqa'an haalli fayyaa isaaniillee osoo adda hin baane qubsiifamaa jiru jedhan.

Walitti bu'iinsa miilana Mooyyaletti dhalateef ka'umsi dhibdee daangaa yoo ta'u, Mooyyale keessatti shamarreen tokko ajjeefamuu fi hiriirri mormiin magaalattii keessatti gaggeeffamuu aanga'oonni magaalaatti BBCtti himaniiru.

Kantiibaan magaalaa Moyyaalee Obbo Galmaa Korophichaa, "walitti bu'insi uumame kun kan hin malledha" kan jedhan Obbo Galmaan, humnoota nageenyaa gama naannoo Somaalee himatan.

Himannaa kanaa ilaalchisee BBCn kantiibaa magaalaa Moyyaalee gama naannoo Somaalee dubbisuudhaaf yaalii godhus 'sababa walga'iirran jira' jedhuun hanga oduun kun qindaa'etti deebii argachuu hin dandeenye.

Kantiibaan magaalaa Moyyaalee gama Oromiyaa Obbo Galmaan, ummata Oromoo fi Somaalee waliin dhalatee, waliin guddatee fi maatii ta'e gidduutti kan uumame ta'uu dubbatan.

Guyyaa rakkoon kun uumametti nageenya boora'e hordofee mormiin erga dhalateen booda gara waaree booda haalli magaalaan itti jiru ilaaluuf wayita bahetti yaaliin ajjeechaa irratti raawwatamuu kan himu Obbo Galmaan waan isa mudateen booda gara manaatti galuu dubbatanii jiran.

Gabaasa har'a waaree booda arganneen immoo walitti bu'iinsi kun Mooyyale malees Guchii, Mataa Waayamaa, Waacillee, Areeroo, Gumii Eeldalloo lolaa babal'achaa jiraaachuu jiraattoonni himanii jiru.