Ka'umsi rakkoo Mooyyaalee maali, mootummaan Itoophiyaa maaliif callise?

Magaalaa Moyyaalee
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Walitti bu'insa Magaalaa Mooyyalee keessatti uummata Somaalee fi Oromoo gidduutti mudateen lubbuu namaa darbuu fi qabeenyi manca'uu jiraattonni BBC dubbise himan.

Walitti bu'insa kana baqachuun namoonni 40,000 ol tahan gara Keeniyaatti baqachuu Waldaan Qaxxaamura Diimaa Keeniyaa himeera.

Walitti bu'insi kun erga jalqabee torban tokko guuteera. Garuu mootummaan naannoo Oromiyaas tahe mootummaan federaalaa humna nageenyaa tasgabbeessu akka hin bobbaasne jiraattonni magaalaa Mooyyalee BBCtti himaniiru.

Yeroo mootummaan Keeniyaa buqqaatotaaf deeggarsa dhiyeessaa jirutti mootummaan naannoo Oromiyaa fi federaalaa Itoophiyaa maaliif waa'ee uummata isaa callise?

Sababni wal dhabdee Mooyyalee keessaa maali?

Jiraataan magaala Mooyyalee Obbo Moluu jedhaman BBCtti akka himanitti walitti bu'insi kun torbaniif ittuma fufee jira.

Guyyaa jalqabaa ''Somaaleetu daangaa Oromiyaa keessa seenuun magaalaa Mooyyalee ganda 02 keessa alaabaa isaanii dhaabe. Mucayyoo Oromoo tokko [Jaatanii Aagaa] jedhan waan kana mormite jennaan ajjeesanii reeffa isheellee fudhatan'' jedhan.

Lafa isaanii keessa malee kan keenya keessa alaabaa dhaabbachuu hin danda'an.

Kanumaan qeerroo fi uummanni magaalichaa morminaan dhukaasa hamaatti ce'e jedhan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Taatee sana dura wal dhabdee homaatiyyuu hin turre kan jedhan Obbo Moluun ganamuma kaanee alaabaa dhaabbachuu isaanii dhageenye malee quba hin qabnu jedhan.

Jiraattonni biroo sadii BBC dubbise yaaduma Obbo Moluu kana kaasan.

Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan magaalaa Moyyaalee Obbo Galmaa Korophichaa, "walitti bu'insi uumame kun kan hin malledha" jedhan. Wal dhabdee kana hammeessuufis humnoota nageenyaa gama naannoo Somaalee himatan.

Kantiibichi walitti bu'insi kun ummata Oromoo fi Somaalee waliin dhalatee, waliin guddatee fi maatii ta'e gidduutti kan uumame ta'uu dubbatan.

Guyyaa rakkoon kun uumametti nageenya boora'e hordofee mormiin erga dhalateen booda gara waaree booda haalli magaalaan itti jiru ilaaluuf wayita bahanitti yaaliin ajjeechaa irratti raawwatamuu Obbo Galmaan BBCtti himaniiru.

Naannoo Somaaleetti kantiibaan magaalaa Mooyyalee Obbo Kulla Ali Abdirahman, ''rakkoon homaayyuu hin turre. Nagaa ture. Ganamuma kaanee waraana keessatti of argine'' jedhan.

''Walitti bu'insichi kan jalqabe dhimma waajjira bulchiinsaa haaraa hundeessine irrattidha'' jedhan Obbo Kullaa Alii.

Wal dhabdichi dhuguma dhimma alaabaa naannoo Somaalee fannisuu irraa ka'uu kan himan kantiibaan kun ''alaabaan keenya yeroo jalqabaaf achitti fannifama miti.

Waajjiraalee baay'eetu baname. Tokkoon tokkoo waajjiraa bira alaabaan ni fannifama. Kan isaan morman waajjira bulchiinsaa banamedha. Alaabaan Somaalee magaalicha keessatti fannifamuu hin qabu jedhu,'' jedhan.

Walitti bu'iinsa Moyyaalee hordofee suuqii gubachaa jiru

Jiraattonni naannoo Oromiyaa magaalaa Moyyalee keessaa BBC dubbise meeshaa warri Somaalee nutti dhukaasaa jiran kan horsiisee bulaan tokko dhukaasu miti.

Nama leenjii waraanaa guddaa qabutu dhukaasa. Meeshaa gurguddaadha jedhan.

Obbo Moluunis ''kan kan nu lolaa jiru horsiisee bulaa Somaalee qofa osoo hin taane qaamni biraa keessa jira jennee amanna'' jedhan.

Meeshaalee gurguddaan fageenyarraa dhuka'u nama hedduu miidhe kan jedhan jiraataan kun ofii isaanii daangaa irratti ''of ittisaa jirra'' jedhan.

Yeroo BBC isaan dubbisu sagaleen dhukaasaa duubaan dhagahama. Qaamni mootummaa humna tasgabbeessu nuuf hin ergine kan jedhan jiraattonni magaalaa Moyyalee meeshaa sasalphaa qabnuun ofirraa ittisaa jirra jedhan.

''Namni kaan du'aa, kaan ammoo gara Gaamboo Keeniyaatti baqataa jiru. Nama baay'een beelaan miidhamaa jira. Kan madaa'e yaala argataa hin jiru. Kan du'es baay'eedha,'' jedhan Obbo Moluun.

''Osoo wal lolaa jirruu dargaggoo tokko Tigiraay irraa dhufe jedhu qabne. Waraqaan eenyummaa isaa naannoo Tigiraay irraa akka tahe hima. Maqaan isaa Siisay jedha. Afaan Tigirinyaan barreeffame. Somaaleetu naaf kaffalee nuuf loli jennaan dhufe nu jedhe'' jechuun Obbo Moluun BBCtti himan.

Gama mootummaa Somaaleen dhimma qaama biraa hirmaachisuu irratti waan jedhame hin jiru. BBC'n viidiyoo fi waraqaa eenyummaa dargaggoo lola irratti qabamee argus dhugaa tahuu isaa qaama walabaa biraa irraa hin mirkaneeffanne.

Isaan ammoo to'annoo isaanii jala akka jiru himan. Namni to'annoo jala oolchine jedhame qawwee kilaashii qabatee uffata waraanaa uffatee suuraa irratti mul'ata.

Suuraa irraa akka hubatamutti ol adeemaadha.

Obbo Moluun lola irratti warra du'an keessaa namni biraa naannoo Beenishaangul Gumuz irraa dhufee hidhatee lolaa ture akka jirus argineerra jedhan.

Wal dhabdeen kun ittuma fufee jira. Gama garee lamaaniin miidiyaa hawwaasaa irratti qabiyyeewwan dubbicha hammeessan qoodamaa jiru.

Mootummaan naannoo Somaalee maal jedha?

Naannoo Somaaleetti kantiibaan magaalaa Mooyyalee, wal dhabdeen kun kan ka'e hundeeffama bulchiinsaa haaraa dhiyeenya naannichi hojiirra oolche ilaalchiseeti jedhan.

Obbo Kullaa Alii, dhiyeenya caaseffamni bulchiinsaa aanolee fi gandootaa mootummaa naannoo Somaaleen gaggeeffameera jedhan. Yeroo muraasaaf Mooyyaleen bulchiinsa lama hin qabaattu jechuun [Oromoon] duula gaggeessaa turan.

''Gama keenyaan callisnee waajjira banne. Akkuma beekamu Mooyyaleen kutaa lama qaba. Gam tokkoon Oromiyaa keessa gam tokkoon ammoo naannoo Somaalee jala kan jiru. Kan adda nu baasu daandii guddaa magaalittii keessa bahudha. Isaan [Oromiyaa] gama Lixaan, nuyi [Somaalee] gama Bahaan jirra,'' jedhan.

Obbo Kuullaan ''isaan waan Mooyyaalee Somaalee jedhu hin jiru. Magaalaa guutuun kan Oromiyaati jedhu. Mormiin isaanii Mooyyaleen bulchiinsa ollaa lama tahuu hin dandeessu, nu jalatti bulti malee kan jedhudha'' jedhan.

Itti dabaluun magaalittiin waggaa 40 oliif bulchinsa lama qabaachuu himuun gama Oromiyaan warri jiran garuu kan keenya bulchiinsa tokko jalatti buluu qabdi jechaa turan jedhan.

Itti dabaluun namoota baay'ee tahuun fincila nurratti kaasanii magaala keessatti nama baay'ee ajjeesaniiru jedhan.

Kana jjeefaman namoota nagaa tahuus himan. Gama lamaaniin namoonni nagaa hedduu ajjeeffamuu jiraattonni BBCtti himaniiru. Garuu wal dhabdee kana keessa namoota meeqatu ajjeeffame kan jedhu lakkoofsa sirrii BBC'n hin arganne.

''Daandii cufaniiru. Tajaajila ibsa afi bishaanii adda kutaniiru. Nuyi ofirraa ittisne. Isaantu nu weerare'' jedhan.

Gama Oromiyaan kan jiru garuu faallaa kanaati. Mormiin gaggeeffamuu sirrii tahuu kaasuun sababni garuu daangaa Oromiyaa seenanii alaabaa dhaabbachuu fi shammarree waan kana mormite ajjeesuu isaaniiti jedhan.

Waa'ee bulchiinsa haaraa naannoo Somaalee hundeeffamee maal beekna?

Pirezidantii naannoo Somaalee, Musxafee Mahaammad

Naannoon Somaalee bara darbe caaseffama haaraa bulchiinsaa hojjechuun aanolee dabalataa 14 hundeesseera.

Naannichi kan duraan aanolee 95 qabu gara 109tti guddisuu beeksiseera.

Yeroo sanayyuu hundeeffamni aanolee kanneenii naannoo Oromiyaa keessaa akka magaalaa Mooyyalee fi Yaabelloo fa'aa keessatti mormii kaaseera. Innis lafa naannoo Oromiyaa irraa kutanii hundeessan kan jehdu ture.

Mootummaan naannoo Somaalee caaseffama aanolee kanneen kan hojiirra oolcheef tajaajila si'ataa kennuufi jedhe.

Mootummaan naannoo Somaalee gandoonni waggaa dheeraaf aanaa tahuuf gaaffii dhiyeessaa turan akka jiran himuun gaafficha deebisuuf malee daangaa Oromiyaa irraa kutee kan ofitti dabale akka hin jirre waggaa darbe ibse.

Bara bulchiinsa pirezidaantii duraanii naannoo Somaalee Abdii Mahaammad Umar [Abdii Iillee] Godinni Liiban bakka lamatti qoodamee ture. Godina Liibanii fi Daawwaa jechuun moggaase.

Waggaa darbe ammoo pirezidaantiin naannichaa Musxafee Mahaammad Godinni Daawwaa bakka lamatti qoodamuun bulchiinsi aanolee haaraan hundeeffamuu ibsame.

Maqaan godina haaraa yeroo sana hundaa'ee hin ibsamne ture.

Jiraattonni naannoo Oromiyaa magaalaa Mooyyalee yeroo sana teessoon bulchiinsa haaraa mootummaan naannoo Somaalee hundeessee magaalaa Mooyyalee tahuuf sodaa jedhu qabaachuu himan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo sanas waa'ee caaseffama naannoo Somaalee kana irratti homaa hin jenne.

Waggaa tokko booda gaaffiin kun deebi'ee ka'uun wal dhabdee biraa kaasee lubbuu galaafataa jira.

Mootummaan Itoophiyaa maaliif callise?

Mootummaan naannoo Oromiyaa waa'ee ajjeechaa Shirkaatti raawwatee ibsa kennee waa'ee Mooyyalee osoo hin dubbatiin darbe.

Magaalaa Mooyyalee keessa tajaajilli kamiyyuu cufamee akka jiruu fi gadi bahanii galuun ulfaataa akka tahe jiraattonni himaniiru.

Haala kana keessatti mootummaan naannoo Oromiyaas tahe federaalaa humna nagaa kabachiisu gama isaan erguu dadhabuu jiraattonni komataniiru.

BBC dhimma kana irratti Ministeera Nagaa Itoophiyaa fi Biiroo Komunikeeshinii Itoophiyaaf bilbilus milkaa'uu hin dandeenye.

Kongireensiin Federaalawaa Oromoo mootummaan dhimma Mooyyalee irratti callisa filachuu qeeqeera.

Ambaasadar Suleeymaan Daddafoo fuula X ykn Tiwiiterii isaa irratti ''wal dhabdeen Mooyyalee Oromoo fi Garrii ykn Somaalee fi Oromoo gidduutti kan uumame miti'' jedhe.

Qaama bitamee walitti bu'insicha uummata lamaan gidduu fakkeessuun sadarkaa naannootti babal'isuuf hojjetu jira jedhe.

Dubbii kana namoota miidiyaa hawwaasaan ho'isantu hammeessaa jira kan jedhan Ambasadar Suleemaan, ''biyyoota ollaa keessa taa'anii gosoota Somaalee Itoophiyaa fi biyyoota ollaa akka birmatan waamicha gochaa jiru'' jedhan.

Dabalataan basaastonni TPLF sadii walitti bu'insicha guyyaa muraasa dursuun karaa Keeniyaa Mooyyalee galuu isaanii odeeffannoon jira jedhan.

Eenyummaan isaanii ammaaf akak adda hin baane ibsan Ambaasadar Suleemaan.

''Kaayyoon isaanii waraana Kaabatti gaggeeffamaa jiru gara Kibbaatti bal'isuudha'' kan jedhe Ambaasadar Suleeman ''yoo milkaa'eefi ammoo mootummaa naannoo Oromiyaa fi naannoo Somaalee gidduutti walitti bu'insichi akka gaggeeffamu gochuufi'' jedhe.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee waliin tahuun tasgabbeessuu akak qaban himuun jaarroleen biyyaa keessummaa Garriin qaama gochaa kana duuba jiru saaxiluun seeratti dhiyeessuuf deeggaruu qabu jedhan.

Dhimmi daangaa lafaa Mooyyalee kan naannoo biraa irraa adda tahuu kan himu xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad ''shira addaa qabaachuu mala'' jedhe.

''Garrii fi Booranni uummata tokko. Obbolaadha. Obbolaanis walitti bu'uun waanuma jiru. Garuu wal dhabanii gara wal waraansa hamaatti kan deemaa dhufe waggoota 30 darban keessa malee lamaan isaanii uummata afaan tokko dubbatu'' jedhe.

Bara Dargii keessas Booranni warra ABO deeggara jedhamee waan amanamaa tureef warra Garrii ofitti qabuun akka isaan wal dhaban gochuun shira hojjechaa turan jedhe.

Uuummanni lamaan obbolaa tahuu himuun wal dhabdee kana dura ture fayyadamuun yeroo dheeraaf akka walitti bu'aniif irratti hojjetamaa turuu hime.

Bara 2004 wal dhabdee daangaarraa uummata Booranaa fi Garrii kan nannoo Somaalee jala jiru furuuf riferandamiin gaggeeffame.

Ergasiis yeroo hedduu walitti bu'insi lubbuu fi qabeenya galaafatu raawwateera.

Jawaar Mahaammad yeroo jalqaba gara biyyaatti gale Mooyyalee irraa hanga Bordoddeetti imalee haalicha hubachuuf yaaleera jedhe.

wal dhabdeen kun sababa lamaaf ka'uu mala jedhe.

''Kan walitti bu'insicha dhoosu malan tika mootummaati, yookiin warra kontirobaandii baala sammuu namaa hadoochu daldaltudha.

Daddabarsa namaa, kontirobaandii Somaaliyaa fi keeniyaa irraa galu guddaatu gaggeeffama. Yeroo faayidaa irratti wal dhaban dubbii uummata gidduutti kaasu'' jedhe.

Mootummaan gidduu seenuu dhabuu sirrii akka hin taane ibse.

Lakkoofsi namoota Itoophiyaa irraa gara Keeniyaatti baqatanii humna deeggarsa nyaataa fi bishaan dhugaatii Waldaan Qaxxaamura Diimaa dhiyeessaa jiruu ol tahuu dhaabbileen namoomaa Keeniyaa himaniiru.

Komishinerri Kaawontii Maarsabit Istaanilii Kamaandee haala nageenyaa fi buqqaatota Mooyyalee keessaa yeroo daawwatanitti namoonni 15,000 kaampii keessa qubachuu fi 20,000 kan tahan gara uummata Keeniyaatti makamuu himan.

Uffannaa halkanii, dahuu keessa buufatan, saaphana siree fi meeshaalee qulqullinaa akka barbaachisan hime.

Bulchaan Kaawontii Maarsabit Diidhaa Goollichaa, bulchiinsi Kaawontii isaanii nyaata akka ruuzii, baaqelaa fi kaan deeggarsa kennuu himan.

Ofiserri fayyaa Bulchiinsa Kaawontii Maarsabit Abdii Suukuu buqqaatonni kaampii adda addaa jaha keessa faca'anii akak jiran hime.

Dubartoonni lama kaampii keessatti dahuu kan hime Abdiin dhibee daddarbaaf uummanni akka hin saaxilame sodaa qbaus himeera.

Bakka bu'aan waldaa Qaxxaamura Diimaa Keeniyaa Maalik Adan, dhaabbanni isaanii abbootii warraa 1,000 tahaniif deeggarsa nyaataa akka kenne hime.