Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun waa'ee haadhasaa maaliif dhoksa?

Kiim Joong Uuniif maatiisaanii
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun dhimmoota icciitiin qabatan keessaa tokko waa'ee haadhasaaniiti.

Waggaa 15f aangoorra yeroo turnitti gaafa tokkollee waa'ee haadhasaanii dubbatanii hin beekan.

Bulchiinsi abbaa irree biyyattii sanyiin darbu 'Maawunt Peektuu,'' jedhama. Galoo-galaana Kooriyaa Kaabaa jirurraa maqaa kana argate.

Sheekkoo warri Kooriyaa naannoo kanarraa dhufan jedhutu jira. Hundeessaan biyyattii Kiim Iil Suung warra Jaappaan lolanii iddootti mo'ataniidha.

Haati biyya kana hundeessan Kaangi Paan Sook jedhamu. Haati Ittaanaan Kiim Iil Suung Kiim, Joong Sook jedhamu.

Haati hogganoota lameen kanaa ''haadha Kooriyaa'' jedhamuun beekamu. Faallaa kanaan haati Kiim Joong Uun ammaa Koo Yoong Huuyi waa'een isaanii badaa hin dubbatamne.

Haatisaa gita hawaasaa isa olaanaa keessaa waan hin argamneefi sanyoo waan turaniif bulchiinsa kanaaf yaaddoo akka tahanitti ilaalama ture.

Akka ragaaleen seenaa agarsiisanitti Koo'n Jaappaan Osaakaatti bara 1952 dhalatan. Maatiin isaanii ammoo Kooriyaa Kibbaa amma akka qubsumaa diinaatti ilaalamu odola Jeejuutti dhalatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jaappaan bara 1910 hanga 1945 Kooriyaa gita bittaan bulchaa turte. Maatiin Koo akka baqataatti ilaalamu. Dhalattoonni naannoo kanaa gara Kooriyaa Kaabaa yeroo deebi'an baayyeen itti inaafu ture.

Biyya ollaa Kaappitaalistii irraa wayyaafi miya manaa fudhatanii Kooriyaa Kaabaa deemaniiru jedhamu.

Kooriyaa Kaabaatti ''ilaalcha'' biyya alaan ''faalamaniiru'' jedhamuun kanneen maqaan itti kenname ''Jiyaawooppaa'' jedhamuun waamamu ture. Maatiin Koos akkasuma maqaan itti bahee ture.

Kooriyaa Kaabaatti gitni hawaasni itti qoodamu ''Soongban'' jedhama. Maatiin Koo gita ''Zaayinichii'' jedhamu keessa jiru. Mootummaan to'annoo jabaa kan irratti godhu yoo tahu yunivarsiitii gaggaarii akka hin galleefi hojii gaarii akka hin hojjenne ni dhorkamu ture.

Kooriyaan Kaabaa biyya caasaa hawaasaa olaanaafi gadaanaa qabdudha. Namoonni gitaan ykn gosaan akka isaan ramadaman xiinxaltoonni ni himu.

Yunivarsiitii Doongyaang kan barsiisan Dr Jeeyoong Tee ''lammiileen sababa gita hawaasaa maatii isaaniin biyya itti adabamani dha,'' jedhu.

Koon yeroo waggaa kudhan guutan maatiin isaanii Kooriyaa Kaabaa deeman. Bara 1959 hanga 1984 Jaappaanirraa gara biyya Kooministii Kooriyaa Kaabaa namoota goodaanan 93,000 keessatti argamu.

Yeroo sana sochiin ''Jannata Lafarraa'' jedhamutu ture. Namoonni gara Kooriyaa Kaabaa deebi'an barnootaafi wal'aansa tolaan akka argatan itti himamee ture.

Koo fi namoonni waliin turan kaan kan isaan eeggate garuu jireenya siqiqii ture.

Koo'n garuu xiyyeeffannoo Kiim Joong Iil hawwatan. Hoggantichi ifatti waa'ee maatii isaanii dubbatanii yoo beekuu baatanillee nama gita hawaasaa olaanaa irraa argaman Kiim Yoong Suuk gaa'elaan hidhatanii akka ture ragaaleen ni agarsisu.

Nama gaa'elaaf tahu kan filateef abbaa isaanii ture. Koo'n miseensa garee aartii Maansaawuud jedhamu turan. Bifa isaanifi dandeettii daansii isaaniin qalbii hogganaan kanaa akka harkisan kitaabni bara 2025 waa'ee isaanii barreeffame ni agarsiisa.

Dubartoota hiriiraan dhaabbatan

Koo'n hogganaa kana wajjin gaa'ela hundeessuu baatanillee hariiroo yeroos qabaachaa turaniif bulchiinsichi beekamtii kenneeraafi.

Kiim nama gaa'ela qaban tahanillee jaalala Koo'n akka qabaman ni dubbatu. Tahus haadha warraa ifatti beekamtu waan qabaniif ijoolleen isaanii sadiifi Koo'n masaraa mootummaa keessa jiraachuu hin dandeenye.

Magaalaa xiqqoo Woonsan jedhamtuufi magaala guddoo biyyattii Piyoongyaang irraa km210 fagaattu keessa jiraatu ture.

Dhaabbata qorannoo Northern Research Associataion keessa kan hojjetan Kiim Huyaang Suu ''Kiim Joong Uun haadha warraa ifatti beekamturraa miti kan dhalatan. Ilma Koo gaa'elaa ala dhalatani dha,'' jedhu.

''Sanyiin bulchiinsa kana kabajamaa akka tahetti ilaalama. Kanaaf hoggantichi gita hawaasaa gadaanaa waliin waamamuun waan yaadamu hin turre,'' jechuunis ibsu.

Daa'imman gaa'ela ala dhalatan biyyattii keessatti ni qollifatamu.

Kiim Joong Uun magaalaa guddooorraa adda bahaniitu guddatan. Yeroos magaalaa keessa jiraatanirraa baaburri Jaappaan deemu jira ture.

Haati isaanii namoota Jaappaan irraa dhufanirraa salphaattii miya fudhataa turan.

Seenaa isaanii kan bareessan qo'atan kuni ''Koo'n biyyashee Jaappaan ni yaaddi ture. Ijoolleeshee afaan Jaappaan barsiisteetti,'' jedhu.

Bara 1988 hanga 2001 nyaata Jaappaanitti jaalatamu Suushii Sheefiin Kiim Joon Iiliif hojjechaa ture Keenjiil Fuujiimootoo kitaaba barreesse keessatti ''Koo'n afaan Jaappaaniin yeroo sirbitu adda turte. Badhaadhinni Jaappaanis ishee dinqa ture,'' jedheera.

Kiim Joong Uun obboleessa isaanii hangafaa waliin lafa bashannanaa daa'immanii Diizniilaand Jaappaan jiru daawwachuu isaanii galmaa'eera.

Waa'ee Koo kitaaba kan maxxansan Yoojii Goomii akka jedhanitti barreessituu isaani waliin Koo'n Jaappaan daawwataniiru.

Dippiloomaatiin Kooriyaa Kaabaa amma baqarra jiraniifi waa'ee Koo kitaaba kan maxxansan Ruuyuu Huyuun Wuu ''Kiim Iil Suung'' yeroo hogganaa turan Koo'n haadha warraa ilma isaanii akka turte hin fudhatan ture.

Abbaan hogganaa kanaa Koo'f otoo beekamtii kennu taheetii Kiim Joong Uun waliin mul'atu ture jedhu qorataan biraa Seewwong Chaangi.

Kiim Joong Iil garuu Koo ni amanu ture. Biyyattii al kallattiin yeroo bulchaa turanis waliin daawwannaa waraanaa tasisu ture.

Imaammata irratti yaada akka kennaniif gaafatu ture jechuun Sheefiin Joon Iil dubbatu.

Bara 2011 Kiim Joong Iil du'uun booda bara 2011 dokimatarii irratti yeroo isaan daawwannaa taasisan mul'ataniiru.

Koo fi Kiim Joong Iil

Madda suuraa, Cheong Seong-chang

Gaa'elaan ala kan dhalatan Kiim Joong Uun akkamiin aangoo qabachuu danda'an?

Kiim Joong Uunifi haadhasaa

Madda suuraa, Cheong Seong-chang

Kiim Joong Uun Koo'f ilma lammataati. Abbaa isaaniif ammoo ilma dhumaati.

Koo'n ilmi isaanii aangoo akka qabatu taasisuu kitaabileen seenaa ni himu.

Kiim Joong Uun yoo aangoo hin qabanne maatiin isaanii rakkoo keessa akka galu obboleettiin isaanii quxisuu itti himuu waa'e hoggantichaa kitaabni bahe ni agarsiisa.

Ilmi hangafaa Kiim Joong Uun Kiim Joong Naam bulchiinsa maatiin darbu irratti gaaffii kaasnaan bulchiinsa kanaan ala taasifameera.

Kiim Joong Naam biyya alaatti waan barateefi haalli jireenya isaas adda waan tureef ilaalchisaa geeddaramuutu himama.

Ilmi hangafaa Koo Joong Chuul araada qoricha sammuu hadoochu waan qabuuf hoggantummaaf hin kaadhimamne ture.

Kiim Joong Uun amala geggeessummaa waan qabaniifi dorgommii waan jaalataniif abbaan isaanii isaan filatan.

Bara 1998 kaansarii harmaa akka qaban yeroo itti himamu jaalallee isaanii waliin gara Ameerikaa baqatan. ''Bulchiinsi kuni akka isaan hin barbaanne,'' Waashingitan Poost'f af gaaffii bara 2016 kennaniin dubbataniiru

Koo'n jaalallee isaanii Kiim Joong Iil dursniitu du'an. Faransaayi Paaristti yeroo lubbuun isaanii darbu Kooriyaa Kaabaattii miidiyaan hin gabaasne ture.

Kiim Joong Uun dhimma maatii isaani iccitiin qabachuu waan barbaadniif guyyaan dhaloota isaanii akka ayyaana biyyalessaatti hin kabajamu.

Akaakayyuufi abbaa isaaniitu ayyaanni guyyaa dhalootaa biyyaalessaa kabajamaf.

Kiim waa'ee guyyaa dhaloota isaanii kaasnaan waa'ee haadha isaanii dubbachuun hin hafu. Waa'ee haadha isaanii dubbachuu ammoo Piyoongyaangiin ala guddachuu isaaniitu beekama.

Dhugaa dubbanaan bulchiinsa isaanii irratti gaaffiin akka ka'u qorattoonni ni himu.

Ragaan basaasaa Kooriyaa Kaabaa akka agarsiisutti haati warraa Kiim Joong Uun gita hawaasaa gidduugala jedhamurraati dhalatte.

Abbaanishee barsiisaa yunivarsiiti akka ture ni himama. Chaayinaatti muuziqaa kilaasikaalaa qo'achuutu himama

Garuu ammallee Kiim Joong Uun waa'ee haadha isaanii dubbatuu laata waanti jedhu mirkana hin qabu.