TPLF akkamitti saffisaan of duuba deebi'uu danda'e? Itti aanee maaltu ta'uu danda'a?

Madda suuraa, Getty Images
Walitti bu'iinsi naannoo Tigraay A L I Fulbaana 13, 2019 irra deebiin ka'ee guyyoota 10 booda Fulbaana 23 ture humnoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) magaalaa guddoo naannichaa, Maqalee gadhiisanii kan ba'an.
Guyyoota itti aanan keessas naannicha bakka gara garaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi michoota isaatiif gadhiisanii ba'aniiru.
Garee finciltootaa biroo torba waliin ifatti, akkasumas mootummaa Ertiraa waliin ammoo karaa ifa hin taaneen tokkummaa kan uummate humni TPLF akkamitti yeroo gabaabaa keessatti magaalota hedduu dabalatee kutaalee naannichaa harka caalu gadhiisee ba'uu danda'ee?
TPLF magaalota osoo waraana hin gaggeessiin dhiisee kan ba'ee fi kan duubatti baqateef murtee waraanaa tarsiimootiif jedhullee, mootummaan Federaalaa garuu waraana kana mo'achuu ibseera.
Waraana Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa kan jiran xiinxaltoonni siyaasaa fi waraanaa, TPLF "saffisaan duubatti baqachuu" fi itti aanee waan ta'uu danda'u ilaalchisee BBCf yaada isaanii kennaniiru.
"Waanuma eegnee fi dubbannedha"
Wanti ta'aa jiru "kanan eegedha" kan jedhu aanga'aan ol aanaa duraanii TPLF fi Ameerikaatti barsiisummaan kan tajaajilu Obbo Bisiraat Amaaree, humnoonni TPLF saffisaan naannicha gadhiisanii ba'uu isaaniitiif sababoota ijoo rakkoo keessaa dhaabbatichaa lama kaa'a.
Du'uu ministira muummee duraanii Mallas Zeenaawwii hordofee TPLF "waan isa dhaabu tokko malee duubatti kufe" kan jedhu Obbo Bisiraat, waliigaltee Piritooriyaan booda ammoo diigumsi keessoo isa mudachuu ibsa.
Dhaabbatichi keessoo isaatti "qoqqoodamee fi diigamee" humni siyaasaa isaa qoqqoodamee waraana kana keessattis waan argamaa jiruuf "saffisaan duubatti deebiyuuf" sababa tokko akka ta'e ibsa. Sababa qoqqoodama kanaan paartichas ta'e naannicha "hooganuus ta'e bulchuuf hin dandeenye," jedha Obbo Bisiraat.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Paartichi qoqqoodamee "gartokkoo isaa miseensa koree giddu-galeessaa kan ta'e Obbo Getaachoo Raddaa fudhatee deemeera. Dhaabbanni Walladoo jedhamus uumameera. Dhumarratti kan hafe Dabretshiyon (PHD) fi Aadde Fatilawarq kan hooganan kan ummataarraa adda ba'eefi humna murssadha," jedha.
Qoqqoodama humna siyaasaa hordofee kan dhufe sababiin lamaffaa humni hidhate naannichaa lamatti qoodamuu isaati.
Jeneraalonni humna hidhate kana hoogganaa turan TPLF ilaalchisee ejjennoo gara garaa lama qabatanii gara qoqqoodamuutti ce'an.
Qaamni tokko "dhaabbanni kun kan keenyadha, diigamuu hin qabu" jechuun eegduu TPLF ta'uun itti fufuu kan ibsu hooganaan ol aanaa duraanii dhaabbatichaa Obbo Bisiraat, hoogantoonni waraanaa Ol aanoo hafan ammoo "nuti kan dhaabbata tokkoo miti" jedhanii faallaa dhaabbachuu kaasa. Kun ammoo humnoota hidhatan nananichaa lamatti qooduun "Humnoota Nagaa Tigraay' kan jedhamu garee hidhataa farra-TPLF akka uumamu godheera.
TPLF ejjennoo waliin tureosoo hin gadhiisiin yaada bara waliin deemu tarkaanfachiisuu hin dandeenye jechuun kan qeequ Obbo Bisiraati, "ilaalcha dullooma akkuma qabateen itti fufee achumaan du'uu filateera," jedha.
Ummanni Tigraay paartii isaa akka morme Obbo Bisiraat ibseera. Wantonni kunneen walitti ida'amanii TPLFiin humna akka dhowwatan yeroo ibsu "TPLF kanaan kan ga'e bu'aa ida'ama wantota baayyeedha," jechuun dubbata.
Kanaaf, waraanni jalqabamanaan akka duraanii "osoo hin dheeratiin yeroo gabaabbaa keessatti xumurama" amantaa jedhu dursee akka qabu kan dubbate Obbo Bisiraat Amaaree, "waan eegnee fi dubbannetu ta'e" jechuun ibse.
"Magaalonni waraana maleedha kan qabataman, kan hafe naannoo Shaabiyaan keessa jirudha," jechuun haala jiru hima.
Barsiisaan yunivarsiitii fi xiinxalaan siyaasaa biraa Geetiyyee Tirfee (PHD) TPLF saffisaan akka duubatti deebiyuu isaatiif sababoota Obbo Bisiraat kaasu waliin akka waliigalu dubbata.
Sababooonni kunneen walitti qabamanii yeroo ilaalaman "humna dhabii" TPLF kan agarsiisan ta'uu kan dubbatu Dr. Geetiyyeen, "TPLF madaallii afuriin kufeera" amanta ajedhu qaba.
Isaan keessaa inni jalqabaa mootummaa Federaalaa bira qabamee yeroo ilaalamu, "waraana hoogganuus ta'e baachuuf humna kan hin qabne ta'uu isaati," jedha.
Aanga'oonni siyaasaa fi waraanaa qoodamanii gariin isaanii Finfinnee galuun isaanii TPLF kan dadhabsiise oo ta'u, mootummaa Federaalaaf ammoo humna dabalataa akka uumeef ibsa.
Kanaan dura, "gama waraanaatiinis ta'e piroppogaandaan TPLFf gahee guddaa taphataniiru namoonni jedhaman ajjaabota fi deeggartoota isaanii waliin gara Finfinnee dhufaniiru. Amma kana hafan garee namoota muraasaati" jedha.
Itti dabaluun, aanga'oonni TPLF hafan "siyaasaanis ta'e umuriidhaan gu'aniiru ykn jaaraniiru. Haala amma jijjiiramaa [daayinaamikii] jiru dandeettiifi ga'umsa ittiin baatan hin qaban," jechuun dubbata.
Kanaaf, yeroo yerootti hooggantoonni waraanaa fi sivilii TPLF keessaa bahan paarticha akka dhaabiitti awwaalanitti lakkaa'ama" jedhee kan amanu Dr. Geetiyyeen, amma kan hafe "du'uurra bubbuluu jechuun wixxifachuudha" jechuun ibsa.
Qooqqoodamni humna siyaasaa fi paartichaa kun, "humna tekinooloojii" mootummaan federaalaa qabu waliin ida'amee humna TPLFf "yaaddoo baayyee hamaadha" jechuun ibsa.
Akka inni jedhutti sababiin lammaffaan ummanni Tigraay paartichaaf deeggarsa gochuu diduu fi waan waraana jedhamu "dhaga'uu fi arguu fedhuu dhabuu isaati" jechuun ibseera.
Kan biraan waraanichi "kaayyoo fi galma kan hin qabnedha" kan jedhu xiinxalaan kun, kana waan ta'eef TPLF loltoota argachuuf rakkachuu akka rakkatan eeruun, "humni muraasni jirus taanaan filannoo waan dhabeef malee fedhii waraanuu hin qabu," jedhaa akka amanu dubbata.
Hawaasa addunyaa biratti fudhatamummaa dippilomaasii dhabuun kufaatii TPLF dhimma agarsiisu biraa akka ta'es hima.
Siyaasa Itoophiyaa itti dhiyeenyaan kan hordofuuf fi bara mootummaa Dargii keessa qondaala waraanaa ta'uun kan tajaajile Darajjee Hawaas (PHD) gama isaatiin, kutaan naannoo Tigraay hedduun saffisaan harka TPLF keessaa bahee mootummaa federaalaa jala galuun "haala waliigalaa waraanaa nutti himuu hin danda'u," jedhee amana.
TPLF saffisaan kan duubatti deebiye dadhabee qofa osoo hin taane tooftaa mataa isaatiin kan murteesse ta'uu akka danda'u waan akeekan lafa kaa'eera Dr. Darajjeen.
Waraana waggaa afur dura tureen humnoonni TPLF erga mo'atamuun isaanii himameen booda dandamatanii hanga Shawaa Kaabaatti qaqqabuu isaanii kanaaf agarsiistuu akka ta'etti kaasa.
Waraana miilanaa kanaan sababa TPLF duubatti baqateef yeroo ibsu, sababiin tokkoffaan bu'aa keessaan TPLF diigamuu ta'uu akka danda'u, gama kaaniin ammoo toofataa waraanaa saffisaan duubatti deebiyuu fi toofataa waraanaa of qindeessuu kan hordofe caraan ta'uu isaa jiraachuu mala. Kana ta'uu baannaan guutummaan guutuutti waraana kanaan mo'atamuu kan agarsiisu ta'uu akka danda'u ibsa.
Warra ta'uu mala jedhaman kannene keessaa TPLF diigamuunii fi paarticharraa kan fottoqe "Getaachoo fa'iin gareen durfamu" dhiibbaan uume guddaa akka ta'etti amana.
Miseensa garee warra fottoqanii kan ta'e Obbo Getaachoo Raddaa bira qabaan seenaa qabsoo TPLF keessatti kan hin guddanne fi haaraa ta'ulleen, Jeneral Tsaadiqaan Gabretinsaa'een garuu hordoftoota baayyee kan qaban ta'uu kaasa Dr. Darajjeen.
Kun ammoo hooggantoota siyaasaa fi waraanaan alatti caasaa hanga gadii jiru kan diige ta'uu akka danda'u eeruun, kun ammoo kaayyoo waraanichaa loltoota dabalatee hordoftoota isaanii biratti fudhatama akka dhabu gochuu akka hin oolle tilmaama.
"Paarticha keessatti hanga caasaa gadiitti hordoftoota kan qaban yoo ta'e waraanni kun barbaachisaadha jedhanii warri akka dabretsiyon fa'aa yeroo labsanitti, dabballoonnis miseensummaa TDFn itti makamanii loltoonni waraanaa turanis 'hin ta'u waraanni kun kaayyoo siyaasaa waan hin qabneef keessatti hirmaachuu hin barbaadnu' mallattoo jedhu Dabretsiyon fa'atti yoo agarsiisan magaalota gadhiisanii bahuu qabu jechuudha."
Dhimmi magaalota gadhiisuu dhimma waraanaa biraa ta'uu danda'ulleen, "saffisa akkasiitiin hanga kana sababiin itti fiiguu danda'eef akka tilmaama kootti diigumsi siyaasaa gadi fagoo ta'uu danda'a jedheen yaada," jedha.
Itti aanee maaltu ta'uu danda'a?
Mootummaan federaalaa waraanni kun injifatamuu TPLFn xumuramuu eeruun, naannoo Tigraayiif bulchiinsa abbaa imaanaa hundeesseera.
Duubatti baqachuun qaama tarkaanfii tooftaa waraanaa ta'uu kan ibse TPLF gamasaatiin, waraana kana karaa ofiisaatiin filate akka itti fufu beeksiseera.
Naannicha bakka gara garaa keessatti lolli itti fufuu isaa ragaaleen ni agarsiisu. Waraanni mootummaa federaalaa hidhattoota TPLF hojii funaanuu hojjechaa akka jiru aanga'oonni yeroo ibsan, TPLF gamasaatiin ammallee waraana kana akka mo'u ibsuun dubbateera.
Aanga'aan ol aanaa duraanii TPLF Obbo Bisiraat Amaaree, TPLF kanaan booda "dhumateeraaf" amantaa jedhu qaba.
TPLF erga hundeeffamee kaasee waggoota 51 darban keessatti haalli turee fi haalli amma jiru "waan tokko walitti dhufeenya hin qabu" kan jedhu Obbo Bisiraat, itti aanee waashaatti galuu fi lola riphe lolaa gaggeessuu kan jedhu gonkumaa hin hojjetu," jedha.
Kanaaf, sababiin ijoon paartichi ummata Tigraay biratti fudhatama dhabeera kan jedhudha.
TPLF tooftaa lolaa isaa "gara lola bakka abakkatti socho'uutti" akka jijjiire ibsuu isaa kan kaasu Obbo Bisiraat, riphe loltummaa irraa "xiqqoo kan fooyya'e" ta'uu eeruun tooftaan waraanaa kun "humnoota gurguddoo qabattee bakka filattetti bakka hedduutti gaggeessuu" yoo ta'u kanaaf ammoo humna gahaa akka barbaachisu eera.
Haata'u malee, "dargaggeessi Tigraay tasa sagalee rasaasaa dhaga'uu kan hin barbaadne ta'eera" jechuun TPLF humna gahaa akka hin qabne kaasa. Dabalataanis riphe loltummaan deeggarsa ummataa malee eessayyu ga'uu akka hin dandeenye ibsa.
Kana waan ta'eef, "dhaabbanni kun akka hin deebinetti sokkeer; carraa dandamachuu hin qabu" yaada goolabaa jedhurra gaheera.
"Sa'aatii kanatti kufanii ka'uu wanti jedhamu hin jiru. Sababiin isaa ammoo kaayiitiinidha kan kufe; hooggansaanidha kan kufe; yeroodha kan isa gate; ummatadha kan waa'uu jedhe. Humnaan dargaggoota doorsisuun gara waraanaatti galchuuf labsii baasuun kanaaf agarsiistuudha."
Kana waan ta'eef jedha Obbo Bisiraat, "Aanga'oonni hanga tokko gara Ertiraa deeman ni jiraatu."
Hoogantoota kanneen ammoo mootummaan Ertiraa qabdii ittiin mariif dhiyaatu isaan godhachuu akka danda'u ibsa.
Warri kaan garuu "harka kennatu" jedhee akka amanu dubbata.
Hidhattoonni TPLF hooggantootaan ala jiran garuu carraa ittiin gara Ertiraa deeman akka hin qabne kan ibsu Obbo Bisiraat, sababa "deebiin Itoophiyaa waan biraa ta'uu danda'uuf" Ertiraan akka hin fudhanne ibseera.
Dr. Geetiyyeenis aanga'oonni TPLF gara Ertiraa deemuu danda'u kan jedhu yaada Obbo Bisiraatitti walii gala. Kana kan godhaniifis "humnaa fi dandeettii gammoojjii Tigraay keessa turanii loluu isaan dandeessisu waan hin qabneefidha."
TPLF dabalatee hidhattoonni 7 gamtaa hundeeffatan tumsa tooftaa irra darbee bu'uura tarsiimoo akka hin qabne kan ibsu Dr. Geetiyyeen, humnoonni hidhatan ajandaa siyaasaa isaanii qabsoo hidhannootiin falanna jedhanii akka fala tokkootti ka'anillee "kun butamee humni biraa keesse seeneera," jedha.
Sababiin isaa ammoo humnoota alaa kan ta'an "Ertiraa, Suudaan akkasumas Masiriin hidhattoota kanneen duuba jiru," kan jedhudha. Kun ammoo carraa Itoophiyaan kallattiin Ertiraa waliin gara waranaatti itti seentu bal'aa akka ta'e ibsa.
"Mootummaan kan of qopheesse hidhattoota waliin wal loluuf natti hin fakkaatu, waraana qaxanaafidha. Waraana qaxanaa taasisee mo'achuun ol aantummaa siyaasaa fi dippilomaasii qabatee jijjiirama joogiraafii [teessuma lafaa (daangaa)] fiduu danda'a," jechuun dubbata.
Dr. Darajjeen ammoo xiinxaltoota lamaanirraa haala adda ta'een waraana kana ilaalchisee waan itti aanee ta'uu malu ga'umsa yeroo ammaa TPLF irra jiru qofaa irratti kan hundoofne ta'uu ibsa.
Qoqqoodaminsi siyaasaa TPLF gara loltootaatti gadi bu'uun isaa yoo itti fufe paartichi deebiyee dandamachuuf ulfaataa akka itti ta'u ibsuun, haata'u malee, "hooggansa haaraan irra deebiyee caaseffamuu" carraan danda'u jiraachuu itti mul'ata.
Qoqqoodamnisi gara gadiitit bu'ullee, gareen Dabretsiyon fi Jeneraal "karaa jaarsolii biyyaatiinis ta'u wal dhibdee isaaniis ta'u furatanii mootummaa federaalaa waliin waliigalanii jiraachuus ni danda'u," jecchuun tilmaama isaa BBCf qoodeera Darajjee Hawaas (PHD).
Gama kaaniin ammoo, humni waraanaa TPLF deebiyee gurmaa'uu akka danda'u eeruun, kun ammoo baayyina meeshaa waraaanaa fi loltoota dabalatee "kaayyoo siyaasaan, tokkummaa iiziitiin, akkasumas cichoomina dhaabaatiin kan murtaa'u ta'a," jedha.
Waraana kana keessatti magaalonni kan gadhiifamaniif waraanaan akka hin taane kan ibsu Dr.Darajjee Hawaas, kun ammoo dhimmi humnoota TPLF dhukaasa caalaa yaaddoon qoqqoonama siyaasaa kan isa mudate ta'uu akka agarsiisu dubbateera,
Kana waan ta'eefis, "waan bakka lamatti baqaqe kun deebiyee akkamiin suphama kan jedhuuf deebiin kennitu waan gara fuula duraas agarsiisuu danda'a," jedhee yaada.
Qoqqoodaminsi keessoo Tigraay cimee itti fufee garuu, garee hiriiraa hordofee morkiin Itoophiyaa fi Ertiraa biyyoota lamaan gara waraanaatti harkisuu akka danda'u amana.
Haalli waraanaa kun, "qarqararra akka ga'eeru" kaasuun, dogoggorri tokkittiin dhalannaan lamaan isaaniiyyu kaayyoo ni milkeessina jedhan waan qabaniif dhorkaa tokko malee akka wal waraanan ibsa.
Dippilomaasiin biyyoota warra akka Ameerikaallee waraana kana dhaabsisuu danda'a jedhee amanataa hin qabu.
Waraanni Tigraay ammoo itti hammaachuu hordofee, Itoophiyaan dippilomaatota Ertiraa yoo ariitu, Ertiraanis deebii isaan Itoophiyaa waliin guutummaan guutuutti hariiroo dippilomaasii addaan kutteetti.
Kanarratti dabalataan ammoo, Itoophiyaan Ertiraatiin "weerarri" akka irratti raawwatamee fi ofirraa ittisuun ala filannoo akka hin qabne ibsuun dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Mana Maree Nageenyaa (UNSC) xalayaan beeksisteetti.
Ertiraan ammoo deebii kanaa xalayaa UNSCf barreessiteen "Itoophiyaan maqaa ofirraa ittisuutiin waraanaaf sababa ka'umsaa godhachuufidha" jechuun himatte.

























