Miidiyaan hawaasummaa akkamiin dirree lolaa walitti bu'iinsa Mooyyalee ta'e

Lammiilee Itoophiyaa walitti bu'iinsa Mooyyaleen Keeniyaatti baqatan
Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Itoophiyaa walitti bu'iinsa Mooyyaleen Keeniyaatti baqatan 50,000 akka gahan aangawaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) himaniiru
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Walitti bu'iinsi hawaasa Oromoofi Somaalee gidduu magaalaa Kibba Itoophiyaa Mooyyaleetti yeroo itti fufetti qabiyyeewwan hin mirkanoofnees miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa jiru.

Barreeffamni Facebook tokko humnoonni Somaalee Mooyyalee guutummaan guututti to'achuu yoo himu, kaan immoo humnoonni Oromiyaa manneen jireenyaa lammiilee nagaa meeshaalee jajjabaan rukuchuu himataa turan.

Qaama walabaan mirkanaa'uudhaas baatu himannaawwan hidhattoonni al-Shabaabillee walitti bu'iinsa kana keessatti hirmaachuullee X gubbaa qoodamaa turan.

Qabiyyeewwan miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaman irratti qorannoo BBC'n taasise eenyu hookkara akka kaase, hawaasa kamiitu magaalicha bulchuu qaba kan jedhan dabalatee yaadonni wal faallessan irratti qoodamaa turuu mul'iseera.

Qabiyyeewwan muraasni qoodaman walitti bu'iinsa hawaasa Oromoo Booranaafi hawaasa Garrii gidduutti mudate akka hawaasa guutuu gidduutti mudatetti dhiheessan.

Kunimmoo, qabiyyeen onlaayiniirratti gadhiifamu miidhaan isaa lafa walitti bu'iinsi mudaterraa fagoo jiruurratti akka dhalatu gochuu mala yaaddoo jedhu uumeera.

Hookkarri magaalaa Mooyyalee kan ka'e alaabaan naannoo Somaalee magaalaa Moyyalee Naannoo Oromiyaafi Naannoo Somaaleen bultu keessatti dhaabamuu irraati.

Muddamni kuni shamarreen ganna 13 Onkoloolessa 18, 2026 erga ajjeefamte booda cime. Akkaataa du'a isheerratti waan wal darbuutu dhagahama.

Onkoloolessa 22, 2026 walitti bu'iinsi qaamolee hidhataniifi humnoota nageenyaa naannolee lamaan gidduu dhalate, bakkeewwan ollaattis babal'ate.

Akka Rooyitars Onkoloolessa 23 hospitaala eeruun gabaasetti, yoo xiqqaate namoonni sagal walitti bu'iinsa kanaan ajjeefamaniiru.

Onoloolessa 28, 2026 ammoo Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii aangawoota eeruun akka himetti ummanni 50,000 ta'u gara daangaa Keeniyaatti baqataniiru.

Walitti bu'iinsa kanaan manneeniifi dhaabbileen biznasii manca'aniiru, daldalli danqameera akkasumas maatiiwwan kumaan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'aniiru.

Himannaa wal faallessan

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Qorannoon duraa BBC'n taasise, Onkoloolessa 18 - 27 yoo xiqqaate barreeffamaafi viidiyoo 92 akkaawuntii Facebook fi X 24 irratti qoodaman adda baaseera.

Kanneen keessaa 50 Facebook, 42 immoo X irraa walitti qabame.

Qorannoon BBC gara caalu qabiyyee Afaan Somaaleen qoodaman irratti kan xiyyeeffateedha. Haala jiru hubachuuf afaan kaanis dabalameera.

Qabiyyeen qoodaman kuni qaamni tokko lammiilee nagaarratti qiyyaafachuun haleellaa banuu, daangaa to'achuuf sosso'uufi loltuu bobbaasuun himachuu qorannichi agarsiiseera.

Qabiyyeewwan Facebook muraasni humnoonni Somaalee Mooyyalee to'achuu, qabiyyeewwan kaan immoo humnoonni Oromoo magaalattiitti qajeeluu himu.

Qabiyyeewwan wal darbaniifi mirkaneessuuf rakkisan kuni yeroo gaazexeessitoonni lafa jiran waan lafa jiru hubachuuf rakkatanitti qoodamaa turan.

Qabiyyeewwan onlaayinii qoodaman walqabatee yaaddoon tokko walitti bu'iinsichi hawaasa kallattiin walitti bu'anirra darbee akka waan hawaasa bal'aa gidduu dhalatetti dhiheessuudha.

Qabiyyeewwan baay'ee qoodaman qaamolee hidhatan ykn qaamolee bulchiinsa gadiirratti xiyyeeffachuurra waan hawaasa Somaalee ykn Oromoo irratti banametti duchaadhumaan dhihaatan.

Kaanimmoo qaamoleen bakka rakkoon dhalate fagoo jiran kan akka al-Shabaab keessatti qooda fudhachuu kaasan. BBC'n gareen kuni qooda fudhachuu isaa walabatti waan mirkaneesse hin qabu.

Himannaawwan akkanaa lafa duruu rakkoo daangaan muddama qabutti seenessa siyaasaafi nageenyaa walxaxaa biroo itti daru.

Qorannoon BBC kuni akkaawuntiiwwan muraasni qabiyyeewwan walitti bu'iinsaan walqabatan irra deddeebbiin maxxansaa turan.

Haa ta'u malee, akkaawuntiiwwan kuni qindoominaan duula gaggeessuu isaanii qorannichi mirkaneessuu hin dandeenye.

Yaaddoo hookkarri babal'ata jedhu

Miidhaan walitti bu'iinsa kanaa magaalaa Mooyyaleerra darbee daangaa Keeniyaa ce'eera.

Aangawoonni Keeniyaa haleellaan haaloo bahu jiraachuu mala jechuun yaaddoo himataniiru keessumaa maatiin buqqa'an daangaa ce'anii erga dahatan booda.

Dhalattoonni Oromoo bulchiinsa Mandeeraa Keeniyaa keessatti argaman irratti agaamamuu himachuu isaanii Addis Standard gabaaseera.

Haa ta'u malee, taateewwan kuni qabiyyeewwan miidiyaa hawaasummaa gubbaa maxxananiin yoo walqabata ta'e mirkaneessuuf ragaan hin argamne.

Namoonni siyaasaafi bakka buutonni hawaasaas walitti bu'iinsa kana dhibdee saboota lamaan guutuu gidduu mudatetti akka hin dhiheessine akeekkachiifamaniiru.

Namni siyaasaa Oromoo yaadonni haala hammeessaniifi arbeeffaman dhibdee bakkee tokkotti dhalate bakka biraatti akka hin babal'isne akeekkachiisan.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa biroommoo namoonni akka of qaban, rakkoon mariin akka furamuufi gama lamaaniinuu lammiileen nagaa jiran akka tikfaman waamicha dhiheessan.

Akkaawuntiiwwan garagaraa ragaa malee himannaa jabaa yoo dhiheessan dhugaa lafa jiru hubachuu rakkisaa taasisa.

Dhibdeen tibbanaa walitti bu'iinsa Itoophiyaa keessatti qoodni miidiyaa hawaasummaa yaaddessaa ta'e yeroo jirutti mudate.

Kana dura dhaabbanni Meta yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa haasaa jibbinsaafi lola kaasu qolachuu dadhabe himannaan jedhu Keeniyaatti itti banamee ture.

Meta'n deebii kenneen haasaa jibbinsaafi hookkara kaasuu akka to'atuufi Facebook Itoophiyaa keessatti to'annoo qabiyyee akka cimsu beeksisee ture.

Qorannoon duraa BBC teellanaa Meta'n qabiyyee imaammata isaa cabsu yoo balleessuu dhabe waan adda baafate jiraachuus baatu, akkaataa Facebook qabiyyee hin mirkanoofneefi jibba facaasan hordofuurratti gaaffii kaaseera.

Keessumaa qabiyyeewwan Afaan Oromoofi Afaan Somaaleen tamsa'an irratti.

Magaalaan Mooyyalee daangaa Keeniyaarra argamtu magaalaa daldalaa yoo taatu dhibdeen yeroo keessatti dhalatu kuni kan duraa miti.

Qorannoon BBC eenyu eeyu akka haleellaa raawwate, magaalattii to'achuuf eenyu mirga akka qabuufi kaan irra deddeebiin miidiyaa hawaasummaa gubbaa maxxanuu argeera.

Ta'us, qabiyyeewwan miidiyaa hawaasummaa hookkara hammeessuurratti kallattiin dhiibbaa irraan gahuu waan adda baafate hin qabu.