Qondaalonni Keeniyaafi Somaaliyaa walitti bu'iinsa Mooyyaleerratti waamicha taasisan

Walitti bu'iinsa Mooyyaleen lammiileen Itoophiyaa buqqa'an dahoo yeroof Keeniyaa keessatti qophaa'e keessa qubataniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Walitti bu'iinsa Mooyyaleen lammiileen Itoophiyaa buqqa'an dahoo yeroof Keeniyaa keessatti qophaa'e keessatti qubataniiru
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Walitti bu'iinsa magaalaa Mooyyaleetti gama Itoophiyaan argamtu keessatti dhalateen kumaatamni qe'eerraa yoo buqqa'an qabeenyis manca'eefi daldallis danqameera.

Hookkara magaalaa daangaa Keeniyaarra jirtu kanaan lubbuun namoota ammatti adda hin baanes kan darbe yoo ta'u hanga yoonaa 50,000 kan ta'an Keeniyaatti ce'uu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksiseera.

Akka aangawoonni jedhanitti, yoo walitti bu'iinsi kuni itti fufe lakkoofsi namoota buqqa'anii ni dabala.

Akka jiraattonni jedhanitti walitti bu'iinsi torban dura kan eegale alaabaan naannoo Somaalee magaalaa Naannoo Oromiyaafi Somaaleen bultu keessatti yeroo dhaabamu lubbuu ol adeemtuu tokko darbeeni.

Ajjeechaa dubartii kanarratti mudateef kantiibaan Mooyyalee gama Oromiyaa magaalattii bulchan humnoota Somaalee himatan.

Kantiibaan Mooyyalee gama Naannoo Somaalee jala jirtu immoo himannaa kana waakkachuun bulchiinsa haaraa naannichi ijaare lafa qabsiisuuf yeroo jedhan dhibdeen dhalachuu himu.

Waa'ee walitti bu'iinsa kanaa gama mootummaa Naannoo Oromiyaa, Mootummaa Naannoo Somaalees ta'e mootummaa Federaalaa Itoophiyaa wanti jedhame hin jiru.

BBC'n Ministeera Nagaa fi aangawoota Kominikeeshinii federaalaa irraa odeeffachuuf bilbilaafi ergaa gabaabaan yaaliin taasise deebii hin arganne.

BBC'n qabiyyeewwan miidiyaa hawaasummaa waa'ee walitti bu'iinsa Mooyyalee odeeffannoo hin mirkanoofne qoodan, akkasuma dubbii hammeessuu malan qorannoo taasiseen argeera.

Gama aangawoota Itoophiyaa waa'ee walitti bu'iinsa kanaa ifatti dubbatamuudhaas baatu miseensonni parlaamaafi qondaalonni biyyoota ollaa garuu nagaan akka bu'u waamicha taasisaniiru.

Akkasumas mariin akka furamuufi deeggarsi namoomaa kanneen buqqa'an bira akka gahu gaafatan.

Aangawoonni Keeniyaa lammiilee walitti bu'iinsa baqachuun gara daangaa Keeniyaa ce'aniin yaadda'u ibsaniiru.

''Baay'een gadde''

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Ibsa miidiyaaleef magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti kenname irratti Miseensi Parlaamaa Mooyyalee (gama Keeniyaa) Guyyoo Waaqoo Jaldeessaa fi Miseensi Parlaamaa Saakuu (Keeniyaa keessa) Didoo Ali Raasoo kanneen buqqa'an akka gargaaran mootummaa Keeniyaafi dhaabbilee gargaarsaa idil-addunyaa gaafataniiru.

''Walitti bu'iinsa Mooyyalee Itoophiyaa keessatti itti fufeen baay'ee yaaddofne'' jedhan Miseensi Parlaamaa Raasoon.

''Walitti bu'iinsi kuni lammiileen nagaa lakkoofsaan baay'ee ta'an Keeniyaatti akka baqatan taasiseera.

''[Kunimmoo] qabeenyaafi bu'uuraalee misoomaa naannicha keessa jiru kan eegamu oolin akka tajaajilu [dirqe],'' jechuun dubbatan.

Miseensonni Parlaamaa kuni hawaasi magaalaa Mooyyalee Keeniyaa keessa jiru lakkoofsa baqattootaa dabalaa jiru tajaajiluuf rakkataa jiru jechuun akeekkachiisan.

Kanaanis, deeggarsi namoomaa atattamaa akka taasifamu gaafatan.

Gama kaaniin, lammiileen Itoophiyaa Somaliland, Puntland fi Naannoo Somaalee keessa jiraatan, haleellaa fi doorsisni isaan irratti raawwatamaa jiraachuu eeruun, 'sodaa nageenyaa' keessa akka jiraan BBC'tti himan.

Jiraattonni lammii Itoophiyaa Somaliland magaalaa Booramaa keessa jiraatan, guyyoota lamaan darban keessatti qofaa manneen isaanii 150 ol barbadaa'uu fi saamichi irratti raawwatamu himaniiru.

Jiraataan Booramaa tokko, nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka hin ibsamne gaafate, miidhaan kun walitti bu'iinsa Moyyaalee keessatti uumame hordofee akka hammaate dubbate.

Miseensi Parlaamaa Somaaliyaa Dr Abdillaahi Abib haleellaa dhalattoota Oromoo irratti Booramaatti raawwatame jechuun jiraattonni himan balaaleeffataniiru.

Hookkarrifi qabeenya ummataa mancaasuun fudhatama hin qabu jedhan.

Maatii namoota miidhaman bira akka dhaabbatan ibsuun aangawoonni lammiilee nagaa akka tiksaniifi kanneen badiin shakkaman seeratti akka dhiheessan waamicha taasisan.

''Maatiiwwan Oromoo Booramaa keessatti haleellaa, saamichaafi qabeenyi isaanii gubateen baay'een gadde,'' jechuun ibsan.

Lammiileen Itoophiyaa walitti bu'iinsa Mooyyaleen Keeniyaatti baqatan garri caalu dubartootaafi daa'immanidha
Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Itoophiyaa walitti bu'iinsa Mooyyaleen Keeniyaatti baqatan garri caalu dubartootaafi daa'immanidha

Hawaasa Awdal bakka bu'uun, kanneen miidhaman bira akka dhaabatan himan. ''Kabaji keessan kabaja keenya. Nageenyi keessan itti gaafatama keenya,'' jedhan.

Dr Abdillaahiin wanti raawwate duudhaa Booramaatti waliin jireenya hawaasa lamaan gidduu ture kan xureessudha jedhan.

Gama kaaniin, Kaaba Keeniyaatti bulchaan kaawuntii Marsabiit Mohaammud Ali qaamoleen Mooyyaleetti walitti dhukaasan akka dhukaasa dhaaban gaafatan.

Haasaawwan dubbii hammeessan walitti bu'iinsa akka hammeessuu eeruun akka dhaabatu dhaaman.

Dhaabbileen gargaarsaas lakkoofsa namoota buqqa'aniifi waan isaan barbaachisu ilaalchisuun yaaddoo himataniiru.

Ummata 50,000 ta'u gara Keeniyaatti baqate keessaa garri caalu dubartootaafi daa'imman yoo ta'an Keeniyaa keessatti gargaarsi nyaataa, dahoofi fayyaa isaan barbaachisa.

Jiraataan magaalaa Gaarowee (Puntilaand) BBCn dubbise akka jedhanitti, sababa walitti bu'iisa Moyaaletti dhagalateen hawaasa Itoophiyaa achi jiraatan, keessumaa Oromootarratti xiyyeeffachuun haleellaan garaa garaa irratti gaggeeffamaa jira.

"Lola amma Moyaaletti deemaa jiruun wal-qabatee lammiileen Itoophiyaa as jiraatan yaaddoo nageenyaa guddaa keessa jirra," jechuun keessumaa miidiyaan hawaasaa dubbicha hammeessaa akka jiru ibsa.

Sodaachisifi haleellaan lammiilee Itoophiyaarratti gaggeeffamu qaamolee nageenyarraa osoo hin taane, namoota gurmaa'aniin ta'uu hima jiraataan Puuntilaand, magaalaa Gaarowee kun.

"Ijoolleen 'duuriyyeen' wal-gurmeessitee wal-gurmeessitee nama keenyarratti tarkaanfii fudhatan," jechuun saamichi, reebichaafi sodaachisi garaa garaa gaggeeffamaa akka jiru ibse.

Kana malees, jiraataan magaalaa Jigjigaa tokko BBC'tti akka himetti, yeroo ammaa [yeroo itti BBCn dubbise] magaalattii keessatti dhukaasni dhaga'amaa jiraachuu himuun, jiraattota Oromoo magaalaa keessa jiraatan biratti yaaddoo nageenyaa uumeera.

Jiraattonni BBCn dubise kunneen namoonni walitti bu'iinsa keessatti hirmaannaa hin qabne sababa eenyummaa isaanii qofaan miidhamuu akka hin qabne, mootummaan nageenya lammiilee hundaa eeguu fi rakkoo kana hatattamaan furuuf tarkaanfii akka fudhatan gaafatan.