Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arbi yeroo dhukkubsatanitti of wallaanuuf baalarraa qoricha akka hojjetatan qorannoon mul'ise
Arbi Afrikaa keessa jiran yeroo ofii dhukkubsatanis ta'e maatiin isaanii dhukkubsatan akaakuuwwan baala mukaa baayyee fayyadamuun ofii isaanii ykn walii isaanii wallaanu.
Kun kan mirkanaa'e qorannoon Keeniyaa, naannoo Gaara Elgoon keessatti namoota arba waliin jiraataniifi dhimmoota arba waliin wal qabatan irratti hojjetan waliin gaaffiifi deebii taasisuun booda dha.
Bineeldonni addaa kunneen yeroo dheeraaf amala addaa qabaniin saayintistoota hawwataa turaniiru. Bineeldonni kunneen arba soogidda baasan jedhamuun beekamu. Sababiin itti kana jedhamaniif ammoo holqa keessa seenanii ilkaan isaaniitiin qotanii albuuda nyaata isaaniif oolu baafachuu isaaniini.
Qorannoon haaraa maxxanfame kun akka agarsiisutti, arbi kunneen gosoota baala mukaa/biqiltoota adda addaa bosona keessa jiran hedduu fayyadamu.
Qorattoota buleeyyii hojii kana gaggeessan keessaa tokko kan ta'ee fi Yunivarsiitii Biraawun US keessa jiru keessaa dhufe Dr. Elodii Fireeymaan akka jedhutti, qorannoon kun gaaffii bosona bineeldonni/bineensonni keessa jiraatan mancaasuun lubbu qabeeyyiis ta'an dhala namaa qoricha jiraachuuf isaan barbaachisu dhabuu malu gaaffii jedhu kaaseera.
"Kun kan agarsiisu qorichoonni keenya addunyaa dhala namaatiin ala ta'e waliin hangam akka wal keessa jirudha," jechuun Dr. Fireeymaan BBC News'tti himeera.
Qoricha ijoollee arbaaf ykn arba xixiqqoof
Saayintistoonni qorannoo kana gaggeessan hojii tola-ooltummaan kunuunsa uuamaaratti hojjetu Gaara Elgon Faawondeeshin (Mount Elgon Foundation) waliin tumsuunidha.
Qorattoonni kunneen warra bineensota bosonaa kunuunsanii fi maanguddoota hawaasa gaggeessan dabalatee namoota naannoo sana keessa jiran waliin gaaffiifi deebii taasisuunidha.
Namoonni waan argan gaafataman akka ibsanitti, arbi yeroo faarri isaanii itti hin tolle ykn kan isaan dhukkubu ta'e baala mukaa adda ta'e filatu. Arbi haadha ta'an ammoo baala mukaa qoricha ta'e ijoollee isaaniif akka kennanis himu.
Kanarraa ka'uun, qorattoonni kunneen arbi kunneen akaakuu baala sanyii biqiltoota gara garaa 35 kan fayyadaman yoo ta'u, isaan keessaa ammoo 25 kan ta'an naannootti qorichaaf/dawaatiif kan gargaaranidha.
Qorannoon joornaalii/barruu Saayintifik Rippoortis irratti bahe, namoota gaaffii fi deebii qorannichaa irratti hirmaatan maqaan hin ibsine. Kana kan godhaniif ammoo namoonni qorannoo kanarratti hirmaatan osoo maqaa isaanii hin ibsiin bilisaan waan beekan akka ibsaniifidha.
Seenaan namoonni waan argan qorattoota kanatti himan kan baayyee nama hawwatuufi nama ajaa'ibudha.
Keessumaa dhugaa ba'umsi tokko, kan warra bineensa bosonaa eeganiifi kununsan keessaa kan ta'e arbi baala muka 'Angurweet' jedhamuun beekamu qorichaaf akka ta'uuf ijoollee isaniif yeroo kennan arguu ibsa.
Angurweet dhukkubbii garaachaa dabalatee dhukkuboota gara garaaf akka qorichaatti faayidaarra oola.
Iskaawutiin (poolisii bineensa bosonaa eegu) kun haadholiin arbaa afaan isaanii keessatti walitti makuun - "baala isaa ciranii hanga sirriitti daakamutti, hundee muka biroo tokko tokkoo waliin makuun qopheessu" jechuun ibseera.
Haadholiin arbaa baala mukaa b kana aannan ofii isaanii wajjin walitti makuu akka argees ibseera. "[Isaan booda] arba warra daa'imma ta'aniif ni kennu, isaanis ofii isaanii afaan keessatti alalkafatanii booda haftee isaa tufu."
Qorataan bineensa bosonaa (rimatologist) Jappaan jiruu fi yeroo ammaa Yunivarsiitii Nagasaakii keessa hojjetu Piroofeesar Mikaa'el Hafmaan akka jedhutti, wanti namoonni ijaan arganii dhuga'aa ba'an kun "kan hedduu nama kakaasudha", garuu arbi ijoollee isaaniitiif qoricha fayyisu kennaaf yaada jedhu kun mirkaneessuuf ragaan dabalataa ni barbaachisa.
Saayintistoonni kunneen ammumarraa ragaa walitti qabuurratti bobba'anii jiru. Karaan ittiin ragaa guurracha ajiran tokko ammoo ogeessota bineensa bosonaa irratti hojjetaniif kaameraa gargaaramuun amala arbi agarsiisaniif akkaataa isaan ittiin baala mukaa kana fayyadaman yeroo ijaan argan akka waraaban gochuudhaanidha.
Akkasumas, qorattoonni kunneen baala mukaa fi biqiltuu arbi qorichaaf itti gargaaramus ni xiinxalu. Kana gochuudhaanis qoricha haaraa arbi ofii isaaniitiin argatanis bira gahuu barbaadu.
Pirojektii kana keessatti dursaan qorataa biraa Bernhard Nocht Institute for Tropical Medicine in Hamburg Dr. Fabiyeen Shuulz akkas jechuun BBC News'tti hime: "beekumsi naannoo kaartaa nuuf kenneera."
"[Amma] nuti arbi haala rakkoo fayyaa ta'e keessatti baala mukaa ykn biqiltuu addaa akka itti filatanii qorichaaf itti gargaaraman qorachuuf arba duukaa bu'uu barbaadna. Akkuma kana ammoo, maalli mukaa ykn biqiltuuwwan kunneen qorichummaa qabaachuu isaaniis ilaaluuf taanba."
Warshaalee qoricha uumamaa
Bineensonni hedduun biqiltootaa fi qoricha uumamaa birootiin of wallaanu.
Seenaan saayinsii jalqabaa waa'ee arbi "ofiif qoricha kennanii" baratame jalqaba jaarraa sadaffaa irraa eegaleeti.
Barreessaan Roomaa Kilaawudiyoos Aeliyaan barreeffama isaa De Natura Animalium (Maalummaa Bineensota Irratti) keessatti, arbi eeboo fi xiyyaan erga madaa'ee booda abaaboo fi zayita muka ejersaa irraa nyaate ibseera. Kana gochuu isaatiin arbi sun guutummaatti fayyeera.
Jaarraa baayyeen booda, saayintistoonni kun bineensota bosonaa irraa waaʼee qabiyyee biqiltoonni bakka jireenyaa bosona isaan itti guddatan keessa jiran ilaalchisee wanta barachuu dandeenyu keessa gadi fageenyaan qorachaa jiru.
"Pilaaneetii kana irratti orgaanizimoonni qoricha omishanii dandeettii ajaa'ibaa kana qaban jiru," jechuun Dr Fireeymaan BBC News'tti himeera. "Warshaalee qorichaa naannoo keenya hunda jiran."
Qorannoo kana keessatti kan hin hirmaanne Prof Hafmaan itti dabaluun, "Hoomaa bookee fi titiisaa ofumaan akka qoricha, beeyladni akka ofiif qoricha barbaadan akkuma gosootni biroo hedduun sadarkaa jijjiirama tirannaa ol ba'uun hanga hantuuta gurguddoo Afrikaa fi Eeshiyaatti akka ta'e amma ni beekna."
"Tokkoo tokkoo sanyii lubbi qabeenyyii haaraa qoratameen, waa'ee qoricha keenya darban irratti hubannoo guddaa arganneerra."
Dr Fireeymaaniif argannoon kun egeree keenyaafis barumsa of keessaa qaba.
"Kanaaf, qorichoonni nuti mana qorichaa irraa bitannu hedduun isaanii kompaawundoota biqiltuu/muka irraa, algee irraa, fangasii irraa, koraal reef irraa argamanidha."
"Nuuf bosona kana eeguunii fi manneen qorichaa (pharmachies) uumamaa kana naannoo jiran keessa akka turan gochuun nuuf mo'ichadha... kunis omishawwan uumamaa nu fayyisuuf danda'an argachuu akka dandeenyu nu gargaara."