Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saayintistoonni yeroo jalqabaaf Paantii dhuufuu safaru hojjetan
Saayintistoonni Ameerikaa gonofaa/qanxarroo (paantii) kanaan dura hin beekamne tokko hojjetan. Uffanni keessoo (gonofeen) kun akkuma duraan barame uffachuu qofaa miti kan hojjetamte, hojii dabalataa biraa qabdi.
Gonofeen seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif hojjetamte kun haaraa yoo taatu, meeshaa xiqqoo akka gonofeetti ufffatamti garuu akka dhuufuu dhala namaa safartuuf yaadamtee hojjetamte.
Ogeessonni kana hordofan akka jedhanitti, gaazii hangamiitu akka uumame galmeessuun qorattoonni namoonni yeroo hangamii akka gaazii kana baasan hordofuuf gargaara.
Odeeffannoon walitti qabamu kun dhimmoota fayyaa gara garaa bullaa'insa soorataa dhala namaa irratti dhiibbaa qaban caalaatti hubachuuf gargaaruu danda'a jedhamee abdatama.
Wanti saayintistoonni uuman maalidha?
Dhuufuun maqaa saayinsaawaa 'Flatulence' jedhuun kan beekamu yoo ta'u, qaama uumamaa sirna bullaa'insa soorataa dhala namaati.
Dhuufuun kan mudate sababa baakteeriyaa miidhaa hin geessifne 'microbes' jedhamaniitiinidha. Baakteeriyaan kun mar'ummaan dhala namaa keessa jiraatu.
Baakteeriyaanonni mar'ummaan keessa jiran kunneen nyaata nuti soorannu keessaa nutireentota gadhiisuun qaama dhala namaa gargaaru. Haata'u malee, kana gochuudhaan, gaaziiwwan warra akka hayidirojinii, miteenii fi hayidiroojin salfaayid uumu.
Gaaziiwwan keessaa gariin uumamumaan qaama keessaniin ofitti fudhatamu, haata'u malee kan hafe garuu bakka ta'e deemuu waan qabuuf - kanaffidha kan nuti dhuufnu.
Argannoon haaraa kun ogeessota Yunivarsiitii Meeriilaand kan Yunaayitid Isteet keessa jiruun ture kan kalaqame.
Ogeessonni kunneen meeshaa xiqqoo akka gonofeetti uffatamtu kan hojjetan yoo ta'u, gaazii qaama dhala namaan omishamu kana sa'aatii guutuu hordofuuf gargaara. Meeshaan xiqqaan kun ofiin akka gonofeetti uffatamti osoo hin taane, gonofeetti maxxanfamti.
Meeshaan gonofeerratti hojjetamte kun seensarii waan qabduuf gaazii qaama namaa keessaa bahu ykn dhuufuu kana hordofuun safaruuf gargaarti jedhu qorattoonni.
Meeshaan kun yeroo ilaalan waan kanaan dura hin baramne fakkaachuu dandeessi, haata'u malee, gareen qorattootaa kun maaliif akka barbaachisaa ta'eef gadi fageenyaan ibsaniiru.
Yunivarsiitii Meeriilaandiirraa Piroofeesar Biraantilii Hool akkas jedhe: "Dhugumatti omishamuun dhuufuu [fart] idilee maal akka fakkaatu hin beeknu."
"Bu'uura sana malee, omishni gaazii [dhuufuu] nama tokkoo hanga akka ta'eefi yoom dhuguma garmalee akka ta'e beekuun rakkisaadha."
Galata meeshaa kanaaf haata'u malee, gareen kun meeshaa kana fayyadamuun argannoowwan tokko tokko akka bira gahuu dubbatu.
Akka qorannoo meeshaa kanaan gaggeeffamee bira ga'ametti ga'eessonni fayyaa ta'an guyyaatti giddu galeessaan si'a 32 akka dhuufan agarsiisa - kun ammoo tilmaama kanaan duraa tureen dachaa lama ta'uu isaati.
Namoonni tokko tokko kaan caalaa kan dhuufan [gaazii baasan] yoo ta'u, waliigalaan guyyaatti inni xiqqaab hanga si'a afurii, ol aanaan ammoo hanga 59tti ta'a.
Ogeeyyiin akka jedhanitti, nyaanni fi maaykiroobii hamma gaazii namoonni omishanii irratti dhiibbaa akkamii akka geessisan caalaatti baruun dhimmoota fayyaa bullaa'insa nyaataa namaa irratti dhiibbaa uumuu danda'an kanneen akka nyaata wal danda'uu dhabuu caalaatti hubachuuf isaan gargaaruu danda'a.
"Maayikiroobii kamtu marrummaan/garaacha keessa akka jiraatu hamma guddaa akka ta'u baranneerra, garuu yeroo kamiyyuu qabatamaan maal akka hojjetan xiqqaadha," jechuun Piroofeesar Hool dabateera.