Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Viidiyoo haaraa Al-Qaayidaa keessatti ilmi Bin Laadan mul'achuunsaa maal akeeka?
- Barreessaa, منزہ انوار
- Gahee, بی بی سی اردو
- Gabaasni irraati, اسلام آباد
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5
Tibbana Al-Qaayidaan yaadannoo waggaa 25'ffaa haleellaa 9/11 Yunaayitid Isteetis irratti raawwatame sababeeffachuun viidiyoo daqiiqaa 52fi sekondiiwwan 36 dheeratufi bifa dokumantariin qophaa'e gadhiiseera.
Viidiyoon kun viidiyoowwan ilma Osaamaa Bin Laadan kan ta'e Hamzaa Bin Laadan kanaan dura mul'atee hinbeekne ofkeessatti qabateera.
Pirezidaantii Ameerikaa kan ta'an Doonaald Tiraamp haleellaa biyyisaanii fudhatteen namni Al-Qaayidaa keessatti iddoo guddaa qabu ilmi Bin Laadan kun ajjeefamuusaa bara 2019 keessa beeksisanii turan.
Haa ta'u malee yoom, eessattifi akkamitti akka ajjeefame US hin beeksifne.
Viidiyoo piropogaandaa haaraa Al-Qaayidaan tibbana gadhiiserrattimmoo Hamzaan kallattiin kaameeraatti yemmuu haasa'ufi ergaa yemmuu dabarsu mul'ateera. Yaadni hamzaan ammallee lubbuun jiraachuu hin oolu jedhus ka'aa jira.
Viidiyoon Al-Qaayidaa mataduree "Waggoota 25 haleellaa 9/11 boodaa" jedhu qabu kun miidiyaa Al-Qaayidaa kan ta'e Al-Sahaab jedhamurratti gama marsaalee hawaasaa Rokket Chaatfi Teelegiraamiin gadhiifame.
Kana malees xummura viidiyoo "Kutaa Tokkoffaa" jedhu kanarratti barreeffamni "Itti fufa" jedhus kan kaayame yemmuu ta'u, kutaaleen itti aanan jiraachuusaanii akeekeera.
Viidiyoon Al-Qaayidaa kun irra jireessaan dhiibbaa haleellaan Fulbaana 11 bara 2001US irratti raawwatame qaqqabsiisefi sochii jihaadistii addunyaa irratti kan xiyyeeffatu yemmuu ta'u, viidiyoowwan durii akkasumas ergaawwan gaggeessitoota Al-Qaayidaa duraanii kan akka Osaamaa Bin Laadanfi Aymaan Al-Zawaahirii keessatti hammatamaniiru.
Hamzaa Bin Laadan waggoota bara 2015 hanga 2018 jiran keessatti hojiilee piropogaandaa Al-Qaayidaa keessatti dammaqinaan hirmaachaa kan ture yemmuu ta'u, garicha bakka bu'uun warra Lixaafi akeekawwan biroorratti ergaawwan doorsisaa dabarsaa tureera.
Haa ta'u malee waqtii sanatti kallattiin gama viidiyoon mul'atee hinbeeku ture. Ergaawwansaas barreeffamafi sagaleen tamsa'aa kan turan yemmuu ta'u, viidiyoowwan suuraasaa yeroo ijoollumaa qaban muraasnis tamsa'anii turan.
Viidiyoon haaraan Hamzaa Bin Laadan maal ofkeessaa qaba?
Bara 2019 keessa Yunaayitid Isteetis duula farra shororkaa naannoo daangaa Afgaanistaanfi Paakistaanitti gaggeessiteen Hamzaa Bin Laadan ajjeesuushee beeksiftee turte.
Haa ta'u malee biyyattiin yoomfi eessatti akka ajjeefame odeeffannoo hinlaanne.
Viidiyoo Al-Qaayidaa tibbana gadhiifame keessattimmoo Hamzaan kallattiin kaameeraatti yemmuu haasa'ufi ergaa yemmuu dabarsu mul'ata.
Viidiyicha keessattis yeroo sadi kan mul'atu yemmuu ta'u, sadanuu waraabbii tokkorraa kan fudhatamanidha.
Haasaawwan isaa harki caalmaanis seenessawwan garichaafi waamicha jihaadii ofkeessatti kan qabatan yemmuu ta'u, taateewwan viidiyichi yoom akka waraabame baruu dandeesisan hin eerre. Kanaafis viidiyichi yoom akka waraabame yookiin Al-Qaayidaan Hamzaa Bin Laadan lubbuun jiramoo du'eera jedhee amana kunneen jedhan hinbeekaman.
Viidiyicha keessa iddoo tokkotti suuraawwanfi taateewwan yeroo dhiyoo kan akka haleellaa Hamaas Onkololeessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwatefi Taaliban Hagayya 2021 Afgaanistaan keessatti aangootti yemmuu deebi'u agarsiisan haasaa Hamzaa walin qindaa'anii mul'ataniiru.
Hamzaa Bin Laadan hasaasaa keessatti waa'ee taateewwan kunneenii kan hindubbanne ta'us akkaataan taateewwan kun viidiyicha keessatti itti dhiyaatan ergaan Hamzaa yeroo dhiyoo as, erga duutisaa beeksifamee booda kan waraabame ta'uu akka danda'u akeekuu danda'a.
Dhimmi ajaa'ibsiisaan inni biraan immoo viidiyicha keessatti maqaansaa "Mujaahid Sheek Hamzaa Bin Laadan" jechuun kan dhahame yemmuu ta'u, jechoonni namni tokko lubbuun jiraachuusaa yookiin du'uusaa agarsiisuuf garichi fayyadamu faayidaarra hin oolle.
Jihaadistoonni yeroo baay'ee jecha "Hafizullaah" jedhu nama lubbuun jiruuf yemmuu fayyadaman, nama lubbuun hinjirreef immoo jecha "Rahmatullaah" jedhu fayyadamu. Garichi viidiyoosaa keessatti jechoota lamaan kunneen keessaa isa tokko fayyadamuu dhiisuunsaa waan beekaa godhame ta'uu akka danda'u xinxaltoonni himaniiru.
Haa ta'u malee viidiyoo tibbanaa keessatti mul'achuun Hamzaa Bin Laadan qalbii ogeeyyii nageenyaafi xinxaltootaa kan hawwate yemmuu ta'u, viidiyoonsaa tibbanaa kun lubbuun jiraachuusaaf agarsiistuu ta'uu akka danda'u namoonni tokko tokko himaa jiru.
Viidiyoon Hamzaa tibbanaa du'uusaa mirkaneessaa?
Qorataan teessoosaanii Siwiidin godhatanfi oduuwwanfi piropogaandaa Al-Qaayidaafi gareelee jihaadistootaa biroo xiinxalan Abdul-Saayed, viidiyoon kun qaama tarsiimoo miidiyaa Al-Qaayidaa kan ta'e Al-Sahaab akka ta'e himu.
Kana malees viidiyoowwan Hamzaa Bin Laadanis ta'e Ayman Al-Zawaahirii kana dura mul'atanii hinbeekne maxxanfamuunsaaniis akka waan addaatti hin ilaalan.
Loltoonni US bara 2021 keessa Afgaanistaan gadi dhiisanii erga bahaniifi Taalibaan aangootti erga deebi'ee booda Al-Sahaab viidiyoowwanfi suuraawwan yeroo dheeraa dura waraabamanfi mul'atanii hinbekne itti fufiinsaan maxxansuusaa himu.
Akka fakkeenyaattis viidiyoo bara 2022 gadhiifamefi hogganaa Al-Qaayidaa damee citaa ardii Indiyaa kan ta'e Maawulaanaa Asim Umar agarsiisu kaasu. Asim Umar haleellaa US'n Fulbaana 2019 Afgaanistaan keessatti ajjeefamus viidiyoonsaa siruma mul'atee hinbeekne bara 2022 keessa gadhiifameera.
Kana malees viidiyoon Hamzaa Bin Laadan tibbana gadhiifame kun Hamzaan du'uusaaf ragaa ta'uu akka danda'u Abdul-Saayed himu.
"Viidiyoo haaraa keessatti suuraawwan Hamzaa Bin Laadan sirriitti agarsiisan mul'achuunsaanii Al-Qaayidaan du'asaa mirkaneessuusaa agarsiisa. Sababnisaas osoo lubbuun jira ta'ee nageenyasaaf jecha Al-Qaayidaan suuraawwan kunneen viidiyicha keessatti hinmul'isu ture" jedhan.
Gama biraatiin Al-Qaayidaan ajajootasaa lubbuun jiran dhoksuun kan beekamu yemmuu ta'u, eenyummaafi iddoo argamasaaniis hin ifoomsu.
Gaazexeessaafi xiinxalaa dhimma nageenyaa kan ta'e Ihsaanullaah Tiippuu, sababni Al-Qaayidaan Hamzaa viidiyicha keessatti mul'iseef namoota kakaasuuf akka ta'e himuun, garuu "lubbuun kan jiru natti hinfakkaatu" jedheera.
Hamzaan bara 2018 keessa ajjeefamuusaa gabaasawwan amanamoo ta'an akka agarsiisan kan himu gaazexeessaan lammii Paakistaan kun, pirezidaant Tiraamp immoo bara 2019 keessa du'asaa mirkaneessuusaanii himeera.
Kaayyoon Hamzaan viidiyoo kana keessatti akka mul'atu itti taasifame maali?
Qorataa Abdul Saayed akka himanitti sababoota suuraawwan Hamzaa Bin Laadan viidiyoo Al-Qaayidaa keessatti mul'ataniif keessaa inni tokko dhaloota haaraafi deeggartoota Al-Qaayidaa kakaasuudha.
Kana males ergaa Al-Qaayidaan ammallee ilaalchawwanfi leegaasii Osaamaa Bin Laadan akkuma qabateetti jira jedhu dabarsuuf akka ta'es himu.
Yaada Abdul-Saayed kan qooddatu gaazexeessaa Ihsanullaah Tiippuu, Hamzaa Bin Laadan viidiyicha keessatti mul'achuunsaa ergaa hoggantoonni garichaa du'a, aarsaa, ajjeefamuu yookiin ijoolleesaanii dhabuu hin sodaatan jedhu dabarsuuf akka ta'e himeera.
Dabaluunis daawwattootasaaniif hamilee kennuufi kaka'umsa uumuuf akka ta'es dubbateera.
Xiinxaltuu dhimma nageenyaafi shororkeessummaa akkasumas daayrektara olaantuu dhaabbata H9 kan ta'an Saaraa Haarmuush immoo ergaan viidiyoo yaadannoo waggaa 25ffaa haleellaa 9/11 irratti darbe dhaloota haaraa haleellicha booda dhalataniif kan qophaa'e fakkaata jedhaniiru.
Tarsiimoo Al-Qaayidaa Hamzaafi Saayif Al-Adl viidiyoo tokko keessatti mul'isuu…
Viidiyoo tibbanaa gareen Al-Qaayidaa gadhiise keessatti maqaan nama hogganaa garichaa yeroo ammaa akka ta'e kan himamu Saayif Al-Adl ka'eera. Barreeffamoonni kitaaba inni barreesse keessaa fuudhamanis viidiyicha keessatti dhiyaataniiru.
Haa ta'u malee namni kun ammayyuu hogganaa Al-Qaayidaa ta'uunsaa yookiin eessa akka jiru viidiyicha keessatti wanti ibsame hinjiru.
Yaadni Saayif Al-Adl, Iraan keessa jira jedhu irra deddeebiin yeroo ka'u kan dhagahamu yemmuu ta'u, dhimmisaa waggootaaf falmisiisaa ta'ee tureera.
Viidiyoo Al-Qaayidaa tibbanaa keessattis Hamzaa Bin Laadan fi Saayif Al-Adl ka'uunsaanis aadaafi leegaasiin Osaamaa Bin Laadaniin eegalame itti fufuun Saayif Al-Adl bira gahuusaa agarsiisuuf akka ta'e Ihsaanullah Tiippuu himu.
Saaraa Haarmuush immoo, Saayif Al-Adl kallattii tarsiimoofi ilaalchawwan garichaa yemmuu bakka bu'u, Hamzaa Bin Laadan immoo maqaafi leegaasii maatii Bin Laadan kan bakka bu'u ta'uu himaniiru.