Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigisti Asaffaa Barliinitti miidhamuun hanga xiqqoof riikardiin harkaa bahe
Atileet Tigisti Asaffaa maaraatoonii Barliin irratti riikardii dubartootaa cabsuuf yaaliin goote miidhamuusheen fashalus sa'aatii saffisaa addunyaa isa sadaffaa galmeessifteetti.
Tigisti 40km saffisa gaariin fiigdee riikardii cabsuuf wayita dhiyaattetti miidhamni ishee mudate.
Riikardiif milkaahuu baattus sa'aa lamaafi daqiiqaa 11 fiiguun sa'aatii saffisaan galte.
Atileetii Keeniyaa Ruut Cheepgeetich bara 2024tti 2:09:56 galuun riikardii qabatte.
Tigisti injifattuu Maaraatoonii Landan bara 2026tiis.
Gaazexessaan BBC Afaan Oromoo atileetiksii addatti hordofu Amayyuu Ittaanaa injifannoo Tigistiin ''Tigist duruu xiiqeffattuudha. Har'a addunyaanuu ragaa bahe'' jedhe.
Har'a Barliinitti Riikardii Addunyaaf eegamuun ishee waa malee miti. Waggaa sadii dura achuma Barliinitti riikardii yeroo cabsite maaraatoonii 2:10 gadi seenuu nan danda'a jette, leenjisaanis kanuma jedhan.
Achii Chikaagootti atileetiin Keeniyaa riikardii kana duraa fudhatte. Eegasii riikardii kana Itoophiyaatti deebisuun Kaayyoo isheeti.
Hanga 40km saffisi ishee riikardii akka cabsuuf jettu mirkana ture. Waan taate ifa miti garuu tasa miidhami ishee qabe.
Hin dhaabne, hin dhaabanne. Ofirras hin teenye. Ittuma fufte. Kuni gootummaadha.
Okkolaatuma, ciniinnachaa fiigdee morkattoota ishee daqiiqaa shanii oliin of duuba hambistee mirgaan galte.
Dhugaadha. Barliin kan kana dura Hayileenis, Qananiisaaniis irra aananitti har'a isheen yeroo 3ffaaf mo'atte.
Riikardii ishee duraarraa sakandii 49 fooyyeffatte, riikardii addunyaarrammoo sakandii 68 qofaan duubatti hafte.
Yeroon itti xumurtees yeroo saffisaa addunyaa isa 3ffaati.
Waan ishee mudate si'achi baruuf jenna. Garuu, akkuma isheen kana dura naan jette isheen mo'amuu hin jaalattu. Addunyaanis har'a kanuma arge.
Maaraatoonii Barliin isa 52ffaa Dilbata kana gaggeeffameen gaam dhiirotaan Atileet Guyyoo Adoolaa 2፡02፡51 fiiguun tokkoffaa baheera.
Sa'aatiin guyyoon itti maaraatoonii kana xumure sa'aatii gaarii PB ta'ee galmaaheeraaf.
Gammachuu Didhaa lammaffaa yoo bahu atileetotni Itoophiyaa biroon arfaffaa shanaffaafi jahaffaa ta'anii xumuranis jiru.