Shii Jinpiing: Gaggeessaa Chaayinaa ta'uun dura nama waan hunda aarsaa godhe

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Pirezedaantiin Chaayinaa Shii Jinpiing torban kana Waashington DC yoo daawwatan waggaa 11 asitti daawwannaa isaanii gara Ameerikaa kan jalqabaati.

Garuu Hariiroon dhuunfaadhaan Ameerikaa waliin qabu dhaloota keessatti gaggeessaa cimaa Chaayinaa ta'uu isaatiin durarraa eegala.

Waggoota 40 dura yeroo Chaayinaatti bulchaa kutaa kaawuntii tokkoo ture Ameerikaa Miidweestitti imalee ture.

Yeroo sana guyyootaaf bakka Lowa jedhamu turuun waa'ee qonnaa, tuurizimii fi kaan hawaasa naannoo bira turanii barate.

Miidiyaaleen Chaayinaa hariiroo isaan yeroo sana nama Teerii Biranistaad kan bulchaa Lowa turanii fi boodarrammoo Chaayinaatti Ambaasaaddara Ameerikaa ta'an waliin qaban kaasuun hariiroon isaanii fi Ameerikaa gidduu jiru kan bubbule ta'uu xinxaalan.

Har'as taanaan hariiroon Chaayinaa fi Ameerikaa kan duriirraa adda miti. Biyyootni lamaan gama teeknolojii fi waraanaatiin dhageettii idil addunyaa isaanii guddifachuuf waldorgomu.

Kana keessattimmoo maanguddoon ganna 73 Shii Jinpiing angaa'aa qoodnisaanii laayyotti ilaalamu miti. Bara Hooggansa isaa waggoota 14 keessatti Chaayinaa fi Paartii Komunistii bakki Addunyaarratti qabu haalan olbutan.

Warraaqsa aadaa bulchaan duraanii chaayinaa Maa'oo Zedoong bara 1966 hanga 1976 labsanii fi diina siyaasaa kiyya warra jedhan yeroo ajjeesaa turan maatiin Shiis ajjeefamanii ture.

Bara 1953 Beejingitti kan dhalatan Shii Jinpiing, mucaa ja'affaa Shii Zhongxuniti. Zhongxun dursaa warraaqsa Chaayinaa kan Rippaabliika Uummata Chaayinaa hundeessuu keessatti qooda guddaa qabani.

Abbaan isaa booda gaggeessaa olaanaa paartii fi ministira muummee itti aanaa ta'e.

Pirezedaant Shiin ijoollummaa isaatti manneen barnootaa qananiitti kan ijoolleen heedduun argachuuf hiree hin argannetti baratan.

Eegasii siyaasni maatii isaatti fuula garagalfate.

Jalqaba bara 1960 abbaan isaa warraaqsa farra paartii keessatti hirmaate jedhamuun himanni itti baname.

Shin ganda fagoo kan Liyaangjayi jedhamtu keessa mana jireenyaa holqa tulluu irratti hojjetamte tokko keessa dhokatee jiraachuu eegale.

Ilma nama 'Farra warraaqsaa' jedhamee himatamee waan ta'eef, dargaggeessi ganna kudhan keessa jiru kuni gara bakka irra deebiin baratamuutti ergame.

Waamicha bulchaan yeroosii Maa'oo Zedoong taasisaniin dargaggoota magaalaa miliyoonaan lakkaa'aman waliin ta'uun hawaasa baadiyyaa barsiisuuf innis gara baadiyyaatti qajeele.

Gaaffiif deebii bara 2004 taasise irratti waa'ee imala sanaa yeroo ibsu akkas jedhe,"namni baabura keessa ture hundi imimmaaan dhangalaasaa turaan. Ani qofti kolfaan ture… osoon magaalaa hin baahin nan boo'an ture. osoon achitti hafee lubbuun jiraachuu kiyyayyuu mooji"" jedhan.

Ganda baadiyyaa fagoo gaarreen itti baayyatu Liyaangjeeyi jedhamtu buufatee waggoota torbaaf achi ture.

"Kuduraalee fi nyaata mi'aawaa ani jaaladhutu ta'ee ture. hanga har'aallee isa jaalalaanan yaadadha" jedhanii ture waa'ee turtii isaanii bakkichaa.

Gara aangootti olba'uu

Umrii ganna 22tti baadiyyaa gadhiisee bahee Yunivarsiitii Tsinghuan jedhaamuu fi maqaa gaarii qabutti ogummaa Keemikaal Injinariingii barate.

Erga barumsa xumuree eebbifamee ogeessa ta'uun kutaa qarqara galaanaa Fujiyaanii fi Zhejiyaang jedhamtuu fi boodarra kutaa biyyaa durummaan beekamtetti hojii eegale.

Du'a abbaa isaarraa ergaa dandamatee fi mootiin Maa'oo du'uun booda Shiin paartii keessatti hariiroo tolfachuun aangoo mootummaa fi waraanaa keessatti hirmaachuu eegale.

Namootni yeroo sana wajjin turan hedduun amma bulchiinsa isaanii keessatti aangoo murteessoo qabatanii argamu.

Shiin haadha manaa isaanii jalqabaa intala Ambaasaaddara UK duraanii kan taate, Ke Lingling, bara 1979 fuudhanii waggaa sadiin booda walhiikan.

Shiin Haadha warraa isaanii lammaffaa karaa hiriyaa waliinii isaaniitiin walbaran Peng Liyuwan fuudhan.

Haati warraa isaanii kun bara 1980 fii 1990 keessa lammiilee Chaayinaa biratti Shii caalaa beekamtii qabdi ture.

Peeng yeroo baayyee imala biyya alaa irratti Shii Waliin kan deemtu yoo ta'u, ilaalcha aadaa dubartootaaf qabamu kan jijjiirte akka taatetti ilaalama.

Intalli Tokkittiin isaanii Shii Mingize bara 1992 dhalaatte. Isheen Yunvarsiitii Harvaarditti kan baratte yoo ta'u waa'eenshee hedduu hin beekamu.

Shiin Bara 2007 Shaangaayitti yeroo gabaabaaf hogganaa olaanaa ta'uun erga hojjetee booda, koree dhaabbii qaama murtee olaanaa Chaayinaa keessatti makame. Waggaa shaniin boodammoo Hu Jinta'oo bakka bu'uun Hogganaa Paartii koministii ta'e.

Akka hogganaa Chaayinaatti, Shiin karaa namni hin eegneen sirna siyaasaa fi dinagdee Chaayinaa jijjiran.

Chaayinaa Shiin Ijaaran

Baroota bulchiinsaa Shii waggaa 14 keessatti Chaayinaan karaa ofitti amanamummaa qabuun guddachaa dhufteetti.

Biyyoota addunyaa kaan keessattis karaalee akka 'belt and Road' jedhamaniin dhiibbaa addunyaa irratti Chaayinaan qabdu babal'isan.

Kanuma waliin ammoo hariiroon Chaayinaan Biyyoota dimokiraatawoo gurguddoo waliin qabdu caalaatti falmisiisaa ta'aa dhufe. Waldhabdeen Galaana Chaayinaa keessatti hammaataa dhufe. Dhiibbaan naannoo Taayiwaanitti dabalaa dhufeefi dorgommiin US waliiniis dhiibbaa dabalataati.

Kanas ta'ee leegaasiin Shii biyya keessattis siyaasa olaantummaan too'achuudhaan itti fufe.

Bulchiinsa Shii Jalatti Chaayinaan nageenyaa fi tasgabbiif xiyyeeffannaa guddaa kan kennite yoo ta'u, iddoowwan akka Shinjiyaang, Tibet, fi Hoong Kong keessatti tarkaanfii fudhatteen qeeqxonni bilisummaa sivilii hir'iseera jechuun isaan falman.

Ilaalcha siyaasaa maqaa isaatiin moggaafamee fi "Barsiisaa Shii sooshaalizimii Chaayinaa jaarraa haaraaf' jedhamu hordofuun waan gaggeesitoonni isaaniin dura turan lamaan milkeessuu hin daandeenye milkeessuu danda'an.

Kana malees daangaa aangoo Pirezedanatii heera irraa haquun bara aangoo lamaa ol akka tajaajiluu danda'aniif haala mijeeffatan.

Miidiyaaleen Chaayinaa Shii akka nama sodaachisaa fi fuulli hin hiikkanneetti dhiheessanilleen yeroo tokko tokko fuula gaariis qabu.

Waa'ee jaalala kubbaa miilaaf qaban, garee kubbaa miilaa dhiirotaa chaayinaa fi miniteera muummee Taayilaand waliin mufannaa qabanilleen qoosanii ture

Firamoo diina

Shii Jinpiing Pirezedaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin 'hiriyaa iccitiiti' jechuun ibsu.

Hariiroon Shiin hoggantoota biyyoota alaa waliin qaban hir'achaa kan dhufe yoo ta'u, kunis chaayinaan immaammata alaa bal'aa ta'eef dursa kennuuf qabdu kan calaqqisiisudha.

Hogganaan biyya alaa Vilaadmiir Puutiin Caalaa Shii'tti dhihaatu hin jiru. Erga Shiin aangootti dhufani yeroo 40 ol kan walargan yoo ta'u, Shiin Puutiiniin "Hiriyaa dhihoo fi iccitiiti" jechuun ibsan.

Hariiroon Shiin Tiraamp waliin qaban ammoo walxaxaadha. Tiraamp Chaayinaa waliin waraana daldalaa banus, yeroo baayee waa'ee Shii haala gaariin dubbata. 'Michuu' Jedhee waamuunis humna siyaasaa isaa faarsa.

Muummicha ministeeraa Indiyaa Naareendiraa Moodii waliin ammoo Shiin jalqaba irratti dippilomaasii dhuunfaa irratti hojii guddaa hojjetan. Garuu walitti bu'uiinsi daangaa bara 2020 lubbuu namaa galaafatee hariiroo waggoota kurnan darban ijaarratan jalaa miidheera.

Shiin torbee kana gara Waashington DC kan imalan akka du yeroo qondaala Kaawuntii turan qonna Lowa daawwataniitti osoo hin taane, akka nama siyaasaa cimaa jaarraa 21ffaatti.