Kuubaan Ameerikaaf yaaddoo nageenyaa biyyaalessaati jedhan Ruubiyoon

Madda suuraa, Reuters
Kuubaan ''Ameerikaaf yaaddoo nageenya biyyaalessaa taate jechuun Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo dubbatan.
Ta'us, carraan biyyoonni lamaan waliigalteerra gahuu danda'an waan cimu akka hin taane dubbatan.
Dubbiin isaanii kuni Ameerikaan pirezidantii duraanii Kuubaa Paawul Kaastiroo haleellaa xiyyaararratti raawwateefi lammiilee US galaafateen himata banteetti.
Wanti Ameerikaan barbaaddu ''furmaata dippilomasiiti'' kan jedhan Ruubiyoon ta'us Pirezidant Tiraamp mirgaafi dirqama biyya isaanii yaaddoo kamirrayyuu qolachuu qabu jechuun dubbatan.
Ministirri Dhimma Alaa Kuubaa Biruunoo Rodiriguweez Ruubiyoon 'kijiba' dubbachuun isaan himataniiru.
Deebii isaanii odolli Kuubaa Ameerikaaf yaaddoo nageenyaa taatee hin beektu jedhan.
Gaafa Kamisaa rippoortarootatti kan dubbatan Ruubiyoon ammallee dhimma Kuubaa karaa dippilomasiin furuu akka fedhan himan.
Dabaluunis, haa ta'u malee carraan kuni mudachuu isaa ''guddaa miti'' jechuun dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kuubaan ''naannicha guutuu keessatti [biyyoota] shororkeessummaa deeggaran keessaa tokkodha,'' jechuun himatani.
Dhimma kanaaf deebii kan kennan Ministirri Dhimma Alaa Kuubaa Ruubiyoon ''weerara waraanaa'' banuuf yaalaa jiru jechuun qeeqan.
Akkasumas mootummaan us ''gara jabinaafi tooftaan'' biyya isaanii irratti haleellaa akka banan himatan.
Yeroo ammaa Kuubaan hanqina boba'aan guddoo rakkataa jirti. Kunis, dhorkaa bulchiinsi US irra kaa'eni.
Tiraamp kana kan godhan Kuubaan Ameerikaa waliin waliigaltee akka raawwattu dirqisisuufi.
Sababa kanaan lammiileen Kuubaa dukkana keessa bulaa jiru, hanqinni boba'aa jabaas isaan mudateera.
Ruubiyoon akka jedhanitti biyyattiin deeggarsa namoomaa dolaaraa miliyoona 100 Ameerikaan Kuubaaf dhiheessite Kuubaan fudhatteetti.
Pirezidant Tiraamp kana dura ifatti Kuubaarratti dhiibbaa akka uumaniifi bulchiinsa koministii biyyattii fonqolchuu akka fedhan dubbataa turan.
Gaafa Roobii pirezidantii duraanii Kuubaa irratti himannaan baname waan ji'oota muraasa dura Tiraamp pirezidantii Venezuweelaa irratti raawwatan yaadachiisa jedhanii muraasni yaadan jiru.
Akkamiin pirezidantii duraanii Kuubaa gara Ameerikaa fidanii himannaa akka irratti banan Ruubiyoon gaafatamanii turan.
Akkana jedhan; ''Akkamiin asitti akka isaan fidnu hin dubbadhu, yoo asitti isaan fidna ta'e akkamiin akka isaan fidnu maaliifan miidiyaatti dubbattadha?''
Abbaan Alangaa US himannaa pirezidantii duraaniirratti baname ifa godhan aangawaan Kuubaa gara Ameerikaa dhufanii dhimmi isaanii mana murtii akka ilaalamu akka eegan dubbataniiru.












