Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
L/Jeneraal Taaddesee Waradee Kamisa waaree booda mana isaaniitii fudhatamuu maatiin himan
Pireezidantiin duraanii bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay L/Jeneraal Taaddesee har'a Kamisa waaree booda humnoota Tigraayiin mana isaaniitii fudhatamuu maatiin BBCtti himan.
Gaafa Roobii ammoo eegdonni isaanii duraan turan jijjiiramanii eegumsa olaanaa keessa turuun isaanii gabaafameera.
Maddeen mana jireenyaa jeneraalichaafi namoota itti dhiyaatan kan BBC'n dubbise akka jedhanitti, jeneraalichaa har'a waaree booda hidhattootatu mana isaaniitii fudhate.
L/Jeneraal Taaddaseen Waliigaltee Piriitooriyaan booda bulchiinsa yeroo Tigraay waggaa lamaaf ture Obbo Geetaachoo Raddaa harkaa fuudhatanii waggaa tokkoof hogganuun booda yeroon aangoo isaanii dheereffamu hordofee hogganooti TPLF bulchiinsi isaanii akka diigamu godhaniiru.
Humnooti nageenyaa Roobii halkanirraa qabee naannoo mana jireenyaa jeneraalichaa turan har'a waaree booda ''isa fudhannee deemuu qabna, ajajamneerra,'' jechuu isaanii BBC'n maddeen dhihoo irraa odeeffateera.
Jeneraalichi manaa gaafa fudhataman tarkaanfiin humnaas tahe rakkoon irra gahe hin jiru jedhaniiru.
Dabaluunis jeneraalichi shoofer durumaa qabaniin akka turan godhama jedhamee hooteela jedhametti geeffamuu maddeen kuni himaniiru.
Miseensi maatii biraa BBCtti akka himanitti, qondaaloti bulchiinsa yeroo duraanii sadii haaluma walfakkaataan mana isaaniitii fudhatamanii eegumsi godhamaafii akka jirus ibsaniiru.
Maatiin isaan dubbisuu akka danda'u kan gaafataman maddeen kunneen humnooti isaan fudhatanii deeman ''dirqamni keenya gara hoteelaa geessuu qofadha. Dubbiin kana booda jiru Poolisii Tigraayi ilaallata,'' jechuu hubachiisaniiru.
Maatiin iddoo jiranitti isaan dubbisuu akka danda'u Jimaata borii qabee akka baran dubbataniiru.
Manni jeneraalichaa Roobii kaleessaa qabee kan eegamaa ture yoo tahu Kamisa waaree booda fudhatamuun boodas humnooti nageenyaa haaraan naannoon isaanii eegamaa akka jiruufi namni haaraa gara mana isaanii akka hin galle miseensi maatii himaniiru.
L/Jeneraal Taaddesee dabalataan aangawootni duraanii fi qondaaloti waraanaa maatii isaanii biraa fudhatamanii to'annoo humnoota Tigraay jala akka jiran maddeen BBC dubbataniiru.
Pireezidantii bulchiinsa yeroo Tigraayi duraanii kana to'annoo jala oolchuuf sochiin kan jalqabe muddamni mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay ifatti waraanatti geeddaramuun sa'atii muraasa boodadha.
Roobii, kaleessaa Fulbaana 23, 2026 ganama humnoonni Tigraay Maqaleetti buufata xiyyaaraa akka to'atan erga gabaafamee booda, naannolee Affaar fi Amaaraa keessatti bakka adda addaatti lolli eegaluun himameera.
TPLF mana maree waraana Tigraay dura filannoo qofaatti naannichatti adeemsifameen hundaa'eefi Waliigaltee Piriitooriyaan kufaa taasifame waggaa darbe gara aangootti deebisuu bulchiinsa naannicha to'achuun ni yaadatama.
Haala kanaan L/Jeneraal Taaddasa Waradan baatii shanan darbaniif bulchiinsa naannichaarraa qollifatamanii mana isaaniitti daangeffamanii akka turan BBC'n dhugeeffateera.
Kaabineen Durataa'aa TPLF Dr Dabiratsiyoon Gabiramikaa'el hoogganamu kora jalqabaa yeroo taasise L/Jeneraal Taaddasan ''aangoon humnaan qabamaa jira'' jedhanii ture.
Ji'ootaan dura maatiin jeneraalichaa BBC'n dubbise ''hidhaa mana keessaa'' irra akka jiran akka isaaniiti dhagahamu himaniiru.
Itoophiyaatti ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaa baatii muraasa dura gara Maqalee imaluun Leteenaant Jeneraal Taaddasa dubbisuuf beellama qabatanillee ''ajaja qaama olaanurraa darbeen'' otoo wal hin argina hafuunsaanii gabaafamee ture.