Prof. Hisqeel Gabbisaa dhuguma Oromoon waa'ee gaaffii abbummaa Finfinnee kaasuu hin qabu jedhanii?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Dhimmi bulchiinsa magaalaa Finfinnee qabxiilee Komishiniin Marii Biyyaalessaa adda baase saddet keessaa tokko yommuu tahu, marii ji'a tokkoof gaggeefamaa jiru irrattis dubbii ijoo taheera.

Finfinneen walakkaa Oromiyaatti waan argamtuuf Oromoon gaaffii abbummaa fi faayidaa magaalicha irraa argachuu qabu irratti waggoota dheeraaf gaaffii kaasaa ture.

Marii biyyaalessaa kana keessattis dhimi bulchiinsa ishee, afaan hojii fi daangaa magaalichaa, akkasumas hariiroo Oromiyaa waliin qabaatu deebii argata jedhameera.

Haatahu malee, tibbana Piroofeser Hisqeel Gabbisaa waa'ee magaalaa Finfinnee kaasuun ''kan Oromiyaa haa taatu jedhanii warra gaafatan keessaa anaan hir'isaa'' jedhaniiru jechuun viidiyoo gabaabaan miiidiyaa hawwaasaa irra deemaa ture.

Yeroo dheeraaf magaalaan Finfinnee qaama Oromiyaa akka taate dubbachaa fi falmaa kan turan pirofeser Hisqeel akkamiin yaada jijjiiratan jechuun namoota hedduun qeeqaniiru.

BBC'n pirofeser Hisqeel dubbiseera.

''Qabxiilee Komishiniin Marii Biyyaalessaa mariif adda baase saddet irrattan tokko tokkoon fuudhee dubbadhe.

Qabxiilee isaan walitti qaban saddet keessaa tokko tokko mariiyyuu waan barbaadu miti. Fakkeenyaaf, waa'ee mirga namoomaa jira.

Kun waan irratti mari'attu miti. Akkasumatti mirgi namoomaa kabajamuu qaba. Waa'ee malaammaltummaa marii hin barbaachisu. Malaammaltummaan jiramoo hin jiru jettamoo maal mari'atta?'' jechuun gaafatu.

Itti dabaluun ''waa'ee wal qixxummaa amantii waan mariif dhiyeessan osoo hin taane kanuma kabajamuu qabudha'' jedheen dubbadhe jedhan.

''Waa'een Finfinnees waan namni 4,000 taa'aanii murteessan miti. Finfinneen qaama Oromiyaati. Finfinnee ammoo kan bulchu jiraattota isheetu namoota isaaniif tahu filatee bulchu.

Hariiroo Oromiyaa fi Finfiinnee gidduu jiru irratti ammoo seeratu baha, seeratu bulcha, waliigaltee godhu. Kun waan mariif dhiyaatu miti'' jedheen dubbadhe'' jedhan.

Viiidyoo gabaabaa kutamee miiidiyaa hawwaasaa irra deemaa ture yaada isaanii kan ibsu akka hin taanee fi tahe jedhamee akka tamsaasame himan.

''Olola oofuu barbaadaniiti malee ani akkasitti dubbadhee miti. Dubbii micciiruu, maqa balleessii karaa qaama mootummaa duula banamedha,'' jedhan.

''Finfinneen qaama Oromiyaati. Kan Oromooti isa jedhan osoo hin taane qaamuma Oromiyaati. Bulchiinsa isheemmoo jiraattota isheetu filata.''

'Marii Biyyaalessaa kun rakkoo hin furu'

Piroofeser Hisqeel Komishiniin Marii Biyyaalessaa kun hundeeffama isaa irraa jalqabuun rakkoo waan qabuuf 'rakkoo siyaasa biyyichaa hin furu' jedhanii amanu.

Qabxiileen mariif dhiyaatanis irra caalaan isaanii kan uummanni biyyattii irratti wal dhabaa ture miti jedhu.

''Waan namni irratti wal hin dhabiin Marii Biyyaalessaaf dhiyeessuun akkuma namni irratti wal dhabuuf malee dhiyaachuuyyuu hin qaban,'' jedhe.

''Mariin biyyaaleessaa seera qaba. Hunda hammataa tahuu qaba. Warri qawwee baatanii deeman keessa hin jiran.

Warri mormituun keessa hin jiran. Warri qaama rakkoo tahe bakka keessa hin jirretti akkamiin marii biyyaalessaa taha? Akkamiin rakkoon hiikama?'' jechuun gaafatu.

Marii kana irratti mootummaa waliin kan wal dhaban kan akka TPLF, WBO, hidhattoota Faannoo, akkasumas paartilee mormituu keessaa kan akka KFO fa'aa hin hirmaanne.

Komishinichi qaamolee hunda hirmaachisuuf yeroo dheeraaf yaalii gochaa akka tureefi hirmaattonni ammoo uummata keessaa akka filaman himaa ture.

KFO'n jalqabumayyuu yeroo komishinichi hundaa'u hunda hammataa miti. Warra madda wal dhabdee tahanii fi hidhatanii biyyicha keessa socho'an osoo hin hirmaachisiin rakkoon siyaasa biyya kanaa hin furamu jedhan kana dura yeroo BBC'n dubbise.

Piroofeser Hisqeel ''warra kana mootummaatu filatee ofumaa ofuma isaa waliin mari'ataa jira'' jedhanii amanu.

Mariin biyyaalessaa jalqabuma qaama hunda hammachuun mari'achuu irraa jalqaba.

Mariin biyyaalessaa biyya diigamte keessatti hojiirra oolaa ture. Kan Itoophiyaa yaadicha kan fides kan ijaares mootummaadha. Jalqaba ijaartee itti waamta miti. Kanaaf warri keessaa hafan kan irratti hirmaachuu didaniif,'' jedhan.

Mootummaan ammoo komishinicha irratti dhiibbaa akka hin goonee fi uummanni yeroo dheeraaf ajandaa isaa dhiyeeffachaa akka ture hima.

MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed kana dura waa'ee marii kanaa yoo dubbatan mariin biyyaalessaa kun rakkoo biyyattiin waggoota dheeraaf keessa turte ni hiika jedhan.

Hisqeel ''mariin biyyaalessaa wal dhabdee hiikuuf oola. Jijjiiramni ni dhufa yoo tahe biyya sana keessatti warra wal lolan wajjin, warra wal dhaban wajjin teessee mariyatteeti'' jedhan.

Oromoon amma rakkoo gara biraa baay'ee qaba. Rakkoo nagaati kan qabu. rakkoo hammacamuuti kan qabu,'' jechuun rakkoo nageenyaa naannicha keessaa kaasan.

Gama biraan ''warri aangoo irra jiru 'warri baandaa of eeggadhaa' jedhanii waraana lallabu. Nagaa buusuuf qophiidhaa isaan?'' jechuun gaafatu.

Rakkoo siyaasaaf furmaanni humna waraanaan hin dhufu jedhu Piroofer Hisqeel.

Mootummaan Itoophiyaa karaa kamiinuu warra hidhate hirmaachiisuun ''marii diraamaa tahe osoo hin taane marii dhugaa gaggeessuu qaba'' jedhan.

''Ammas furmaanni Marii Biyyoolessaati. Garuu Marii biyyoolessaa isa dhugaa. Isa dhugaa hin gaggeessan yoo tahe, diroonii fi waraanaan furra yoo jette garuu akkuma mootummoota Itoophiyaa durii taha,'' jedhan.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa qaama walaba tahee hojjechaa jiru tahuu irra deddeebiin kaaseera.

Mariin biyyaalessaa injifannoo qaama tokkoo ykn ammoo injifatamuu qaama biraa ta'uu hin qabu kan jedhe komishinichi ''furmaata waloo Itoophiyaa ceesisu barbaaduuf kan gargaaru, adeemsa hunda injifataa taasisuudha,'' jedhe.

''Komishinichi hirmaattota marii fi lammiilee Itoophiyaa hunda walqixa dhagahuu fi karaa walabaa fi bilisa ta'een adeemsa marichaa hogganuuf kutannoo akka qabu irra deebiin ibsa.''

ABIN ibsa baase keessatti adeemsa marii biyyaalessaa irratti gufuun mudate ''hojimaata badaa xixiqqaa ykn garaagarummaa siyaasaa baratamaan ala kan ba'eedha,'' jedhe.

Balleessaawwan gurguddoon amanamummaa, hirmaachisummaa, al-loogummaa fi haqa qabeessummaa marichaa gaaffii keessa galchan raawwatamuu ibse ABIN.

''Giddu-seentummaa fi dhibbaa qaamni biyya bulchu gara tokko goruun raawwateen adeemsi marichaa bu'a qabeessa akka hin taane sodaa uumeera,'' jedhe.

ABIN ''adeemsa marii keessatti dhimma abbummaa fi ofiin bulchuu Finfinnee irratti gochi gantummaa mudate xiyyeeffannoon ilaalamuu qaba,'' jedhe.

Kanaafis mootummaa kan himate.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa ''marii biyyaalessaa kanarratti qaamoleen hawaasaa fi mootummaa hundi, mormitoonni, hidhattoonni, dayaasporaa fi qaamni dhimmi ilaallatu hundi hirmaachaa jiraachuu kan ibse komishinichi ''hanga ammaatti adeemsa marichaa keessatti paartilee siyaasaa hirmaannaa cimaa taasisaa jiran keessaa ABIN tokko,'' ta'uu eere.

''Komishinichi ol iyyannoo fi komii qaama kamiiyyuu callisee kan bira darbu miti. ABIN dabalatee qaamolee komii dhiheessan hundaaf adeemsa komii keessummeessuuf diriirfameen deebiin kennamaa jira,'' jedhe.

Mariin biyyaalessaa erga jalqabee ji'a tokko guute gidduu haga Kamisa boruutti ni xumurama jedhamee eegama.