Cirrachi 3kg ol ulfaatu afuuffee fincaanii namaa keessaa baafamuun gabaafame
Hakiimonni Siriilaankaa afuuffee fincaanii nama tokkoo keessaa cirracha 3.1kg ulfaatu baasuu ibsan.
Nama tokko keessaa cirrachi hammana gahu bahuun kan jalqabaati jedhamee amanama.
Dhukkubsataa kanaaf wal'aansi baqaqsanii yaaluu kan godhame torbee darbe Tiriinkoomaalee hospitaala jedhamu keessatti.
Dhukkubsataan hospitaala kan gale istirookiin qabamee booda ta'uu ibsame.
Dhukkubsataan osoo wal'aansi godhamaafii jiruu fincaawuuf yoo rakkatu ogeeyyiin qorannoo dabalataa godhaniif. Achumaan afuuffee fincaanii isaa keessatti cirracha argan.
waldhaansa baqaqsanii yaaluu booda cirrachi bahe yoo madaalamu hamma daa'ima reefu dhalatuu ulfaata.
Akkaataa odeeffannoowwan jiranii hanga yoonaa waldhaansa baqaqsanii yaaluun cirrachawwan bahan keessaa kun cirracha afuuffee isa guddaadha jedhan Dr Piraapaahaalaan Baalaariishinaan BBC'tti yoo dubbatan.
Wal'aanamaan "fayyummaa gaarii" irratti argamu ibse.
Namni tajaajila argate kun ammallee hordoffiif hospitaala jira.
Dr Balaakraashinaan cirrachi kun waggoota 10'iif isa waliin ture jedhan.
Cirrachi afuuffee fincaanii albuudonni fincaan keessatti argaman yoo walitti maxxan kan uumamu yoo ta'u, guutuutti fincaan fincaawuu nama dhorku.
Cirrachoonni ashawaa fakkaatan ujummoo mataasaaniin dhabamsiifamu.
Cirrachi seentimeetira 4 caalu guddaa dha jedhama.
Bara 2003 keessa ture cirrachi guddaan Galmee Wantoota Dinqisiisoo Addunyaarratti galmaaye afuuffee fincaanii keessaa kan baafame. Cirrachi yeroos bahe 1.9km ture. 17sm dheerata. Inni miilana Siriilaankaatti nama keessaa bahe 17sm dheerata.