Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, UAE’n daldala Iraan waliin taasiftu hunda dhaabde

Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) daldalaafi maallaqa Iraan waliin sochoostu hunda hanga guyyaan isaa hin beekamneetti dhaabuu beeksifte.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. “Abjuu Tiraamp waa’ee Ulaa Hormuuz qabu yeroo dhiyootti sirreesina,” Iraan

    Doonaald Tiraamp Ulaan Hormuuz “kutaa bulchiinsa haaraa Ameerikaati” jechuu isaa hordofee ministirri dhimma alaa Iraan Kaazim Gaaribaabaadii “abjuudha” jechuun Tiraampiin qeeqe.

    “Doonaald Tiraamp akkuma Galoo Galaanaa Peershiyaa sirriitti barreessuu barate, waa’ee Ulaa Hormuuz abjuu inni qabu yeroo dhiyootti ni sirreessina,” jechuun barreesse.

    Tiraamp fakkii miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social jedhurratti Ulaa Hormuuz itti maree “Kutaa bulchiinsa haaraa Ameerikaa” jechuun barreesseera.

    Ministirri itti aanaa dhimma alaa Iraan fakkii kana irra deebiin qoodeera.

    Gama kaaniin afayaa’iin paarlaamaa Mahaammad Bagaar Galibaaf gamasatiin Ameerikaan waliigaltee Iraan waliin taasifte hojiirra oolchuu baannaan Ulaan Hormuuz akka hin banamne beeksiseera.

    Odeeffannoo biroo dabalataa kana waliin deeman:

  2. Humni waraanaa Iraan michoota Ameerikaa Galoo Galaana akeekkachise

    Humni waraanaa Iraan biyyootni galoo Galaana Persiyaa humnootni Ameerikaa Iraan irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuuf lafa isaanii akka hin fayyadamne akeekkachiiste.

    Daarektarri Olaanaan Humnoota Waraanaa Iraan Ali Abdullaahiin,, ergaa marsariitii X irratti maxxansaniin, buufataalee waraanaa biyyoota naannichaa keessatti xiyyaaronni waraanaa, Ameerikaa keessumaa xiyyaaronni boba’aa dabarsan, baay’inaan argamuu eeran.

    Itti dabaluunis Iraan gargaarsi ykn haalli hojii waraana Ameerikaaaf mijeessuun kamiyyuu tumsa waraana Ameerikaa waliin taasifame fi Iraan irratti duulametti fudhannaa jedhan.

    Yeroo waraana Israa’elii fi Ameerikaa fi Iraan gidduutti geggeeffametti Iraan irra deddeebiin buufataalee biyyoota Galoo Galaana Pershiyaa Ameerikaa keessummeessan haleelaa turte.

  3. Tiraamp kaartaa 'Ulaan Hormuz naannoo haaraa Ameerikaati' jedhu qoodan

    Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Trump, suuraa ulaa Hormuz maxxansuun, irratti jecha "Lafa daangaa Ameerikaa haaraa (New US Territory) jedhu barreessanii, gama miidiyaa hawaasa isaanii 'Truth Social' qoodaniiru.

    Kunis ulaa Hormuz kan Ameerikaa taasisuuf akka yaadan duraan dubbatan kan cimsu dha.

    Gama biraatiin Tiraamp yeroo ammaa Iraan waliin mariin gaggeeffamaa jiru ykn mariin haaraan eegamu hin jiru jedhan. Kanaafis qoqqobbiin dooniiwwan buufataalee galaanaa Iraan irratti Ameerikaan kaa'e ammallee itti fufeera jechuun ibsaniiru.

    "Ulaan Hormuz banaadha. Akka idileetti hojjechaa kan jiru yoo ta'u, fanjiin galaanaa Iraan awwaalte hundi buqqifameera ykn dhoo'eera" jedhan.

    AFPn madda Ameerikaa tokko wabeeffachuun akka gabaasetti, Tiraamp gareen isaanii yoo Tehran ejjennoo Ameerikaa waliin walitti dhihaatu agarsiifte malee mariin akka hin jalqabne gaafataniiru.

    Gama Iraaniin, Itti-aanaan Ministira Dhimma Alaa Kazem Gharibabadi, yaada Trump kanaaf deebii kennuun, "Abuu (dogongora) Tiraamp kana yeroo dhiyootti sirreessina," jechuun ibsan.

    Iraan hanga Ameerikaan waliigaltee yeroo Iraan waliin taasifte, uggura humna galaanaa fi qoqqobbii kaasuun, akkasumas qabeenya Iraan dhorkamee ture gadhiistutti ulaan Hormuz cufamee akka turu ijannoo qabaachuu ibsiteerti.

  4. Faransaay guyyoota dhufanitti dippiloomatota Iraan lama akka ariitu beeksifte

    Faransaay guyyoota dhufanitti dippiloomatota Iraan lama akka ariitu ministirri dhimma alaa biyyattii beeksisan.

    Faransaay taatee Adoolessa keessa Imbasii Faransaay Teehran keessatti dippiloomaatota ishee lama mudate hordofee dippiloomaatota Iraan lama akka ariitu beeksifte.

    “Taateen kun kan hin obsamneefi balaa akka hordofsiisu himeen ture. Akkasuma ta’es. Dippimoomaatonni Iraan lama dhiyootti Faransaay keessaa ni ari’amu,” jedhan Ministirri dhimma alaa Faransaay Jiinn-Noo’el Baarot fuula X isaanii irratti ergaa dabarsaniin.

    Baaron taatee mormii Paariis keessatti mudate hordofee Adoolessa 19 Itti aanaa ambaasaaddaraa Iraan Faransaay jiru waamuun dubbisuu

    Ergaan Baaron kun ministeerri dhimma alaa Iraan hojjettoonni imbasii Faransaay lama kan wal dura dhaabbannaa dipplomasii Teehran keessa ture keessaa harka qaban gara Iraan deebi’uun hin heyyamamuuf jedhee guyyaa tokko booda.

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa’el Baaghee hojjettoonni Imbasii Faransaay lama seeraa fi mirga addaa ergama diplomaatii kan eegu, waliigaltee Veenaa sarbuun, sochii hawaasaa siviilii Iraan deggaruu keessatti hirmaatan jedhe.

    Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Pascal Confavreux ergaa dabarsaniin “aangawoonni Iraan dubbii sobaatiin ejentoota keenya himatu” jedhan.

  5. Odeessaalee keenya karaa Instagram, Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu

    Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) daldalaafi maallaqa Iraan waliin sochoostu hunda hanga guyyaan isaa hin beekamneetti dhaabuu beeksifte.

    Maddeen oduu akka gabaasanitti, Ministeerri Dhimma Alaa UAE murtee kanarra kan ga’ameef muddamni nagaafi tasgabbii naannichaa yaaddoo keessa galchu dabalaa waan dhufeef ta’uu beeksiseera.

    Saatii muraasa dura, Ministeerri Ittisaa UAE Iraan misaa’el bakka fagoo qaqqabu lama biyyattiitti dhukaastee, tokko daangaarra qarqara bishaan UAE’tti yoo kufu kan lameessoo ammoo qama bishaanii daangaa biyyattii keessa jiru keessatti kufeera jedhe.

    Haata’u malee, dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan himannaa UAE’n dhiyeessitu kana waakkachuun biyyattiin misaa’elii hin dhukaasne jedhe.

    Ismaa’il Beqaa’I ibsa kenneen, “himannaan UAE’n dhiyeessaa jirtu kan bu’uura hin qabnedha,” jedheera.

    Erga US-Israa’el waliin ta’uun Israa’el irratti waraana bananii, UAE’n biyyoota Baha Giddugaleessaa keessaa addatti Iraaniin irratti xiyyeeffatamee haleelamaa turteetti.

  6. ASHAMAA

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa? Toora tamsaasa kallattii kan har'aa jalqabneerra.

    • Prof. Hisqeel Gabbisaa dhuguma Oromoon waa'ee gaaffii abbummaa Finfinnee kaasuu hin qabu jedhanii?
    • Kophee Warqee mo'achuurratti morkattoota Haalaand baranaa
    • Oduu tamsaasa kallattiin asiin duraaf ...
    • Tarkii, Saawudi Arabiyaafi Paakistaan humna 'NATO biyyoota Musiliimaa' hundeessaa jiruu?

    kanneen jedhaniifi kaan ni argattu.

    Odeessaalee keenya karaa Instagram, Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu.

    DHIYAADHAA!