Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kophee Warqee mo'achuurratti morkattoota Haalaand baranaa
Erliing Haalaand bara kana Piriimer Liigii keessatti goolii baayyee lakkoofsisuun dursa qabatee Kophee Warqee marsaa afuraffaaf mo'atee seenaa kanaan dura hojjetame qooddachuuf abdachaa jira.
Marsaa afuriif Kophee Warqee Piriimer Liigii kan mo'ate Mohaammad Saalaah amma Liiverpuul gadhiisee deemeera. Kun ammoo dorgomaan tokko irraa waan deemeef Haalaandiif carraa gaariidha. Akkas ta'ees garuu kan Halaand morkatan ykn isa dura dhaabbatan jiraachuun hin oolu? Eenyufaa ta'u?
BBC Sport Piriimer Liigii keessatti goolii lakkoofsisuun morkataa ta'uu malan, akkasumas Kophee Warqee kana yeroo baayyee eenyutu akka mo'atu ilaaleera.
Erliing Haalaand (Maan Siitii)
Jifataan Maanchester Siitii kun turtii isaa waggaa afurii kubbaa miilaa Ingilaand keessa taasiseen Kophee Warqee Piriimer Liigii sadii mo'ateera.
Taphataan lammii Noorwey kun bara 2022-23 goolii 36 lakkoofsisuun kan mo'ate yoo ta'u, bara darbeefi bara kana goolii 27 lakkoofsisuun mo'ate.
Taphoota gurguddoo Ingilaand 132 taphateen gooliiwwan 112 kan lakkoofsise yoo ta'u, bara kanas leenjisaa haaraa Enzoo Mareeskaa jala ta'us marsaa afuraffaaf mo'achuuf yaaluu hin dhiisu.
Taphataan umuriin isaa waggaa 26 ta'e kun barana biyyasaa Noorweyiif Waancaa Addunyaa 2026 irratti golii toorba lakkoofsisee dhufe. Waancaa Addunyaarratti goolii torba galchuun osoo akka duriitii Kophee Warqee kan isa mo'achiisu ture.
Aleksaander Isaaq (Liiverpuul)
Aleksaader Isaaq bara darbe kana Piriimer Liigii keessatti maallaqa rikkardii haaraa ta'een Niiwukasil irraa gara Liiverpuul dhufellee sababa miidhamaatiin waggaa guutuu osoo baayyee hin taphatiin dabarse waan ta'eef dorgommii keessatti isa kaasuun hangas mara barbaachisaayyu miti.
Taphataan lammii Siwiidin hidda dhalootaa Ertiraa of keessaa qabu umuriin isaa waggaa 26 ta'e kun bara 2023-24 keessa goolii 23 lakkoofsisuun Haalaand caalee, Mohaammad Saalaatti aanuun xumure.
Niiwukasilirraa Paawondii miliyoona 125'tiin gara Liiverpuul kan dhufe Isaaq, bara darbe kana taphoota 22 taphateen goolii afur qofa lakkoofsise.
Yoo cimee itti fufe manaajariin Liiverpuul haaraa Andoonii Irraa'olaa carraa waan isaaf kennuuf waan bara darbe dhabee ture bakka buufachuu mala ta'a. Liiverpuul maaliif Paawondii miliyoona 125 akka itti baases agarsiisuuf abdii qaba.
Igoor Tiyaadoo (Bireentifoord)
Igoor Tiyaagoo akka isaan waliin turu abdii qabuun Bireentifoordiif taphataa baruma tokko leellifame ta'ee hafuu hin barbaadu.
Taphataan umuriin isaa waggaa 25 ta'e kun turtii isaa Piriimer Liigii bara jalqabaan goolii 22 lakkoofsisee ture. Bara darbe garuu sababa miidhamaan taphoota baayyee osoo hin taphatiin tureera. Akkasis ta'ee garuu morkii Kophee Warqee argachuuf taasifamuun Haalaanditti aanee lamaffaa bahe.
Maanchester Yunaayitid kilaboota taphataa kana dhimmanii barbaadan keessaa isa tokkodha.
Jaa'oo Pediroo (Chelsii)
Jaa'oo Pediroo goolii 15 bara darbe kana Piriimer Liigii keessatti erga Biraayitenirraa dhufee Chelsiif lakkoofsise cimsee itti fufsisuuf yaadaa jira.
Haata'u malee, bara kana Chelsiima keessatti morkattoota biroo warra akka Daanii Welbeek kan waliin Biraayiten keessa turanitu jiru.
Manaajera haaraa, Zhaavii Alloonsoo jalatti akkamiin socho'a kan jedhus dhimma ilaalamuu qabu keessaati.
Aloonsoon Bondosliigaa Jarman keessatti Baayer Liiverkusaniin bara 2023-24 keessa shaampiyoonaa wayita taasisetti, taphataan gooliin dursa argate kilabicha keessaa ture.
Viktor Giyookeresh (Arsenaal)
Taphataan lammii Siwiidin kun Ispoorting Lisbanirraa akkuma gara Arsenaal dhufeen dafee toora galuu rakkatus, boodarra itti baraa dhufee bara turtii jalqabaa isaatiin Piriimer Liigii keessatti goolii 14, dorgommii waliigalaa irrattti ammoo goolii 21 lakkoofsisuu danda'eera.
Haata'u malee, taphatan umuriin isaa waggaa 28 ta'e kun Arsenaal waggaa 22 booda yeroo jalqabaatiif akka Piriimer Liigii mo'atu gochuu keessatti gaheesaas taphateera.
Goolii waliigalaa 21 lakkoofsise keessaa 14 kan ta'u walakkeessa waggaatiin booda kan lakkoofsise ta'uun isaa ammoo Liigii haaraatti sirriitti baraa dhufuu isaa agarsiisa.
Bara dorgommii 2026-27 kana keessa gahumsa hiraa waggaa as agarsiisaa dhufe kana itti fufsiisnaan bara kana fagoo deemuu mala. Keessumaa ammoo Arsenaal morkii waancaa dheebuu bara dheeraa argatan kana ammas itti fufsiisuuf kan hojjetan taanaan Giyookeresh carraa goolii baayyee lakkoofsisuu argachuun morkataa Kubbaa Warqee Piriimer Liigii ta'uu danda'a.
Olee Waatkins (Aston Viilaa)
Olee Waatkins Fulbaana bara 2020 ture kan Aston Viilaatti makame. Erga gara kilaba kanaa dhufees Piriimer Liigii keessatti Haalaand fi Saalaah'tti aansee baayyina goolii lakkooofsisuutiin sadarkaa sadaffaa qabateera.
Erga Aston Viilaa dhufee walumaa galatti gooliiwwan 91 kan lakkoofsise yoo ta'u, kun ammoo giddugaleessaan waggaatti goolii 15 ol jechuudha. Bara dorgommii darbe kana ammoo goolii 16 lakkoofsise.
Haata'u malee, Kubbaa Warqee Piriimer Liigii keessatti dorgomaa ta'uudhaaf taphataan umuriin isaa waggaa 30 ta'e kun wayita Bireentifoord Shaampiyoonshippii keessa turetti goolii 25 lakkoofsisee ture sana irra deebiyee galmeessuu qaba.
Benjaamiin Seeskoo (Maan Utd)
Benjaamiin Seeskoo RB Leeppizhinirraa erga gara Maanchester Yunaayitid dhufee Piriimer Liigii keessatti goolii 11 lakkoofsiseera.
Goolii lakkoofsise kanneen 11 keessaa 9 erga Maanchester Yunaayitid Ruuban Amoorim Amajji 5 ar'ieen boodadha. Taphataan kunis akka dhufeen dafee madaquun isa rakkisullee, boodarra fooyyaa'aa dhufeera.
Taphataan kun umuriin isaa waggaa 23 waan ta'eef bara kana Mikaa'el Kaarik jalatti dandeettiisaa cimsachuun dorgomaa Kubbaa Warqee bara kanaa keessaa tokko ta'uu danda'a.
Yeroo baayyee Kubbaa Warqee eenyutu mo'ataa?
Baroonni Piriimer Liigii 34 darban keessatti Kophee Warqeen 42 kennamaniiru. Kun kan ta'eef ammoo taphattoonni walqixa goolii baayyee lakkoofsisan waan jiraniifidha.
Kan nama ajaa'ibu ammoo 12 kan ta'an qofatu warra bara sana keessa Piriimer Liigii mo'atan keessaa Kubbaa Warqee kana argate. Kun ammoo taphattoonni garee Piriimer Liigii mo'atan keessa hin taane Kubbaa Warqee akka mo'atan abdii qabaachuu mul'isa.
Yeroo baayyee Kophee Warqee kan mo'atan jifattoota (taphattoota sarara fuula duraa) yoo ta'anillee, baroota dhiyoo keessa taphattoonni sarara biroorra taphatanis mo'achaa jiru.
Taphattoonni sarara cinaarra taphatan akka Saadiyoo Maanee, Mohaammad Saalaah, fi kaan taphattoota jifataa fuula duraa osoo hin ta'iin Kophee Warqee Piriimer Liigii mo'atan keessaati.