Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Tiraamp waraana Iraan dhaabuuf gargaarsa Chaayinaa hin barbaadu jedhan

Pirezidantiin US Donaald Tiraamp waraana Iraan waliin jiran xumura itti tolchuuf deeggarsi Chaayinaa na barbaachisa jedhanii akka hin yaadne dubbatan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Pirezidantiin Faransaay daawwannaa hojiif Itoophiyaa seenan

    Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon daawwannaa hojiif Itoophiyaa seenan.

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad buufata xiyyaaraatti argamuun isaan simataniiru.

    Daawwannaa yeroo sadaffaaf Itoophiyaatti kan taasisan yoo ta'u ''michummaa jabaa biyyoota lamaa kan agarsisudha,'' jedhaniiru.

    Daawwannaa isaaniin dhimmoota ''ijoofi murteessoo irratti marii'' akka gaggeessaniis himan.

    Maakroon gara Itoophiyaatti osoo hin imalaniin dura Masriifi Keeniyaa turan.

    Keeniyaatti Yaa'ii 'Africa Forward Summit' jedhamuufi Faransaay fi Keeniyaan qophaa'e irratti hirmaataniiru.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimadis hirmaachuun isaanii ni yaadatama.

  2. Paatiriyaarkiin Ortodoksii Itoophiyaa lammiilee Sa'udiitti murtee du'aarra jiraniif birmannaa gaafatan

    Paatiriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Abuuna Maatiyaas, lammiilee Itoophiyaa manneen hidhaa Sa'udii keessatti murtee du'aa eeggachaa jiraniif araara kadhatan.

    Dureen amantaa kuni ergaa mootummaa Itoophiyaafi Sa'udii, darbees dhaabbilee mirgaafi ummatoota Itoophiyaaf dhaamaniin kana jedhan.

    Abuuna Maatiyaas yaaddoofi dhiphuu lammiilee akka miidhama ofiitti ilaalamee murteen du'aa irra kaafamu gaafatan.

    Mootummaan Itoophiyaa aangawoota Sa'uudi waliin mari'achuun ''ijoollee keenya murtee du'aa gara jabinaan itti murtaa'e akka irraa ka'uufi biyya isaanitti karaatti deebi'an akka mijaa'uf'' gaafataniiru.

    Abuuna Maatiyaas hojiiwwan lammiilee baraaruu eegalaman jedhan akka xiyyeeffannoon kennamuuf waamicha taasisaniiru.

    ''Kennaan guddaan Waaqayyoon dhala namaaf kenne lubbuudha'' jechuun aangawoonni Sa'udiis lammiilee murtee du'aa eeggataniif araara akka godhan gaafatan.

    ''Lammiilee keenya murtee du'aa jala jiraniif akka araara godhan, adabbiis gara hidhaatti akka jijjiiran garaa abbaan ni gaafanna,'' jedha ibsi baasan.

    Dhaabbileen mirgaa idil-addunyaas lammiilee Itoophiyaa bira akka dhaabatan waamicha taasisan.

    ''Namni fakkeenya Waaqaan uumame lubbuun isaa baduu hin qabu'' jechuun hordoftoonni mana kiristaanichaa akka kadhatanis waamicha taasisan.

    Kana dura jaarmiyaan idiladdunyaa mirga dhala namaaf falmu Human Rights Watch (HRW) baqattoonni Itoophiyaa 65 Sa'uudii Arabiyaa keessatti balaa ajjeefamuu jala jiru jechuun birmannaan akka barbaachisuuf gaafateera.

    Lammiileen Itoophiyaa jiruu wayyoo barbaacha wagga waggaan gara Sa'udi imalu.

  3. UK'n Ulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte

    Yunaayitid Kingidam (UK) sochii dooniiwwanii Ulaa Hormuuz irratti taasifamu eeguudhaaf ergama waloo qophaa’erratti dirooniiwwan, jeettiiwwan waraanaafi dooniiwwan waraanaa akka gumaachitu beeksifte.

    Ministirri ittisaa Joon Eelii kora ministiroota ittisaa Kibxata gaggeeffameen deeggarsa UKn taasiftu ifa godheera.

    Bobbiin humna galaanaa UK fanjiiwwan (dhootuuwwaj) galaana keessaa adda baasuuf meeshaa gargaaru, bidiroowwan diroonii fi hordoffii qilleensarraa taasisuudhaaf jeettiiwwan waraanaa gargaaran kan dabalatu ta’a jedhameera.

    Ergama Ulaa Hormuuz eeguu haalli yoo mijate ni jalqabama jedhamee eegamu kana keessatti biyyoota 40 olitu hirmaata.

    Iraan deebii haleellaa Ameerikaafi Israa’el irratti bananiif jecha daandiiwwan dooniiwwan addunyaa baayyeen irra socho’an keessaa tokko ta’e Ulaa Hormuuz ji’ootaaf cuftee turteetti.

    Ameerikaan gamasheetiin Teehraan irratti dhiibbaa dinagdee gochuuf gara mariitti akka dhuftu gochuuf jecha dooniiwwan gara ulaa galaanaa Iraanitti bahaniifi galanirra uggura keesseetti.

    Addunyaarratti boba’aan dhibbentaa 20 ta’e kan keessa darbu Ulaan Hormuuz cufamuu isaarraa kan ka’e gatiin boba’aa dabaleera.

  4. Tiraamp waraana Iraan dhaabuuf gargaarsa Chaayinaa hin barbaadu jedhan

    Imalli gara Chaayinaa Pirezidant Donaald Tiraampiifi mariin Shi Jin Ping waliin taasisan ni eegama.

    Marii dura waraana Iraan waliin US itti jirtu furuuf deeggarsa Pirezidantii Chaayinaa waan barbaadan akka itti hin fakkaanne dubbatan.

    Iraan Ulaa Hormuuz karaatti boba'aan addunyaa 20% gabaaf keessa darbu cufuu itti fufteetti.

    ''Dhimma Iraaniin walqabateeti waan deeggarsa feenu natti hin fakkaatu.

    ''Asiinis ta'e achiin ni moona, karaa nagaas ta'e karaa biraa,'' jechuun Tiraamp rippoortarootatti dubbatan.

    Erga biyyoota lamaan gidduu waliigalteen dhukaasa dhaabuu eegalee bubbulus biyyoonni lamaan wal dura dhaabbannaa xumura itti tolchuun hin milkoofne.

    Iraan immoo Iraaq fi Paakistaan waliin waliigaluun akka boba'aafi gaazii uumamaa Ulaa Hormuziin dabarsan gochaa jirti jedhu kanneen keessa beekan.

    Akka maddeen jedhanitti, biyyoonni kaanis faana wal fakkaataa hordofaa jiru. Kunimmoo, Iraan Ulaa Hormuz akka to'attu haala mijeessaaf.

  5. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Roobii eegale.

    Dhimmoota biyya keessaafi alaa ijoo ta'an jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan karaa miidiyaalee hawaasummaa irratti WhatsApp, Facebook, YouTube fa'i irratti nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!