Biyyi Sunnii- Sa'uudiin biyya Shi'aa- Iraan irratti haleellaa raawwachuun yeroo jalqabaaf barame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Sa'uudii Arabiyaan wayita waraanni Iraan Baha Giddugaleessaa hundatti babal'atee ture dhoksaadhaan Iraan haleelaa akka turte Rooyitarsi aanga'oota biyyoota lixaa fi Iraan irraa odeeffachuu gabaase.

Kanaan dura Sa'uudiin haleellaa akkanaa Iraan irratti raawwatte jedhamee himamee hin beeku.

Amma garuu waraanni Iraan eegalee ji'a afuriif wayita deemaa jirutti mootummaan Sa'uudii icciitiidhaan Iraan irratti raawwachaa akka ture yeroo jalqabaaf baramuu gabaasi Rooyitarsi mul'iseera.

Kana jechuun Sa'uudiin haleellaa biyyi masaanuu ishee taate Iraan irratti raawwataa turte ofirraa qolachuu qofa osoo hin taane deebiis kennaa akka turte agarsiisa.

Aanga'oonni lixaa lama Rooyitarsi wabeeffate Humni Qilleensaa Sa'uudii Bitootessa gara dhumaa irraa eegalee haleellaa raawwachuu himan.

Qondaalli tokko akka jedhetti Sa'uudiin wayita haleellaan diroonii Iraan irraa gara daangaasheetti dhukaafamaa ture ''Iraan haleelaa akka turte,'' hime.

Rooyitarsi qiyyaafannaan haleellaa Sa'uudii eessa akka ture walaba ta'ee akka hin mirkaneeffanne ibseera.

Qondaalonni Sa'uudii Arabiyaa fi Iraanis dhimma kanarratti gaaffii Rooyitarsi dhiheesseef deebii hin kennine.

Biyyoota Baha Giddugaleessaa keessaa Sa'uudii Arabiyaan hariiroo waraanaa cimaa US waliin qabdi.

Humni waraanaa US eegumsa cimaa godhaaf, garuu haleellaan Iraan eegumsa kana cabsee Sa'uudii miidhuu danda'eera.

Erga US fi Israa'el Guraandhala 28, 2026 Iraan irratti haleellaa bananii booda, Iraan karaa isheen ittiin haaloo baate keessaa inni ijoon biyyoota Galoo Galaanaa buufati humna waraanaa US keessa jiru haleeluudha.

Biyyoonni Baha Giddugaleessaa haleellaa Iraan osoo hin eegamin raawwate kana haaloo ba'uun naannochatti waraanni hamaan dhalata yaaddoon jedhu ture, kun garuu qabatamaatti hin arganne.

Haata'u malee Sa'uudiin haleellaa raawwachaa turuunshee waraanni kun Baha Giddugaleessaa keessatti hangama hammaataa akka ture mul'isa.

Biyyoota Iraan irratti xiyyeeffattee haleelaa turte keessaa tokko Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) yoo taatu, isheenis Iraan irratti haleellaa raawwachuu Wall Street Journal Wiixata gabaaseera.

Haleellaan biyyoonni Galoo Galaanaa jajjaboo ta'an lameen, Sa'uudii fi UAE, dhoksaan raawwataa turan kun, haleellaan Iraan raawwachaa turte deebii argataa akka ture mul'isa.

Garuu akkaataan UAE fi Sa'uudiin haleellaa itti raawwataa turan wal hin fakkaatu.

UAEn tarkaanfii humnaan deebii kennuu malee karaa marii nagaa ykn adeemsa dippiloomaasiin Iraan waliin rakkoo jiru furuuf fedhii yeroo agarsiistu hin argamtu.

Sa'uudiin ammoo haleellaa Iraan ofirraa ittisaa, tarkaanfiis fudhachaa Tahraan waliin mariin akka jiraatu feeti.

Ambaasaaddara Iraan kan Riyaad jiru faana yeroo yerootti dubbataa turte. Ambaasaaddarichi dhimma kanarratti gaafatamus yaada kennuurraa of qusateera.

Aanga'oonni Iraan fi biyyoota Lixaa Rooyitarsi wabeeffachuun gabaasa kana baase Sa'uudiin haleellaa raawwattu akka Iraan hubattu feeti.

Kana gochuudhaan akka Iraan dhukaasa dhaabuun karaa marii nagaarratti xiyyeeffattu dhiibbaa uumaa turuu himan aanga'oonni Rooyitarsi dubbise.

Jaarmiyaa Intarnational Crisis Group jedhamutti daarektara damee Iraan kan ta'e Alii Vaa'eez, Sa'uudiin haleellaa raawwachuun haleellaa Iraan haaloo ba'uun, isa booda humna walii baranii haleellaa dhaabuurratti waliigaluun ''biyyoonni lameen kisaaraa waraanichaa hubachuu'' mul'isa jedhe.

Garuu kun ''walamantaan jiraachuu mul'isa osoo hin taane waraanni yoo babal'ate dantaan isaanii akka hubamu hubachuurraa waan tarkaanfii fudhatamedha,'' jedhe.

Sa'uudii fi Iraan walitti dhukaasuu kan dhaaban waliigaltee dhukaasa dhaabuu Ebla 7 US fi Iraan gidduutti irra ga'ame torbee tokko dursuun ture.

Aanga'oota Iraan Rooyitarsi dubbise keessaa tokko Tehraan fi Riyaad ''diinummaan akka hin hammaanne, dantaa walii eeguuf akkasumas muddamni kana caalaa akka hin babal'anneef jecha,'' walitti dhukaasuu dhaaban jedhe.

Biyyoonni Shi'aa fi Sunnii gurguddoon kunneen lameen yeroo dheeraaf wal qoollifataa turanis garuu kallattiin wal waraananii hin beekan.

Baha Giddugaleessaa keessatti Iraan Muslimoota Shi'aa, Sa'uudii Arabiyaan Muslimoota Sunnii qabaachuun kan isaan dursu hin jiru.

Biyyoonni kunneen wayita walitti bu'iinsi naannawa kana keessatti mudatu faallaa walii ta'uun qaamolee wal waraanan deeggaru.

Haala kanaan waraana al-kallattii (proxy war) keessa turan malee kallattiin haleellaa walirratti bananii hin beekan.

Fakkeenyaaf Yaman keessatti Iraan garee Huutii yoo tumsitu, Sa'uudiin mootummaa beekamtii UN qabu deeggarti.

Galaanni Diimaan banaa waan ta'eef Sa'uudii Arabiyaan wayita waraanni Iraan gaggeeffamaa turetti boba'aa alatti erguu adda kuttee hin beektu.

Biyyoonni Galoo Galaanaa kaan garuu sababa Ulaan Hormuuz cufameef alergiin boba'aasaanii gufateera.