Biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii 10 bay'inaan meeshaa waraanaa alaa galchan

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Meeshaaleen waraanaa gara biyyoota Afrikaatti galfamu tilmaamaan dhibbeentaa 41% gadi bu'eera akka gabaasi Dhaabbata Qorannoo Nagaa Idil-addunyaa Istookhoolm (SIPRI) jedhutti.

Haa ta'uu malee, biyyoonni Afrikaa Sahaaraa gadii tokko tokko hanga meeshaa waraanaa alaa galchanii dabalaniiru.

Asirratti biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii 10 kanneen meeshaa waraanaa baay'inaan galchan, kan SIPRI'n tarreeffamam isiniif dhiyeessina.

Biyyootni akka Naayijeeriyaa, Senegaal fi Maalii biyyoota meeshaa waraanaa baay'inaan galchan keessaa warra adda duree yoo ta'an qooda naannichaa keessaa dhibbeentaa 13 akka qabatan SIPRI gabaaseera.

Biyyoonni 10'n kunneen deebii daayreektara Sagantaa Meeshaa Waraanaa SIPRI kan ta'an Dr. Maatewoos Joorji irratti hundaa'uun kan dhiyaataniidha.

1.Naayijeeriyaa

Naayijeeriyaan biyya meeshaa waraanaa gara naannichatti galchuudhaan adda duree taatee fudhatamti.

Meeshaaleen waraanaa gara naannichaatti galfaman keessaa tilmaamaan dhibbeentaan 16 Naayijeeriyaatti galfamu.

Gosoonni meeshaalee waraanaa Naayijeeriyaan galchitu kanneen beekamoo ta'an xiyyaarota waraanaa, helikooptaroota, konkolaattota hidhannoo qaban, dooniiwwanii fi diroonii dha.

Naayijeeriyaan meeshaa waraanaa biyyoota muraasa qofa irraa osoo hin taane biyyoota adda addaa irraa bitti.

Meeshaa waraanaa Turkii, Kooriyaa Kibbaa, Chaayinaa, Nezerlaand, Faransaay, Xaaliyaanii, Biraazil, Ameerikaa, Raashiyaa, Afrikaa Kibbaa, Paakistaan, Kaanaadaa, Saawud Arabiyaa, Oostiriyaa fi Maaleezhiyaa irraa bittee jirti.

Meeshaa waraanaa kibba Afrikaa fi gammoojjii Sahaaraa irraa galfamu hunda keessaa harka jahaffaa qaba.

2. Senegaal

Senegaal baajata waraana isheef waggaa waggaan ramaddu gara miiliyoona 300tti dhiyaatu erga ramaduu jalqabdee gama dandeettii waraanaatiin guddina guddaa galmeessiteetti.

Bittaan meeshaa waraanaa ishee galii biyyaalessaa ishee keessaa %8.8 akka ta'u tilmaamameera.

Naannichatti meeshaa waraanaa biyya alaa galchuudhaan sadarkaa lammaffaa irratti argamti. Dooniiwwan humna galaanaa fi meeshaalee ittisa misaa'ela qorannoo boba'aa fi gaazii galaana irraa, akkasumas xiyyaarota qilleensa irraa sakatta'uuf gargaaran bitachuun ishee ni yaadatama.

3. Maali

Humni waraanaa Maalii bara 2020 irraa eegalee saffisaan guddachaa dhufeera. Lolli gareewwan hidhatan irratti geggeeffamaa jiru humni waraanaa Maalii akka of jabeessu taasiseera.

Maaliin Afrikaa keessatti keessumaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiitti meeshaa waraanaa biyya alaa galchuudhaan sadarkaa sadaffaa qabatteetti.

Meeshaa waraanaa irratti doolaara miiliyoona 272.17 kan invast goote yoo ta'u, kunis meeshaalee waraanaa Afrikaa irraa galfaman hunda keessaa %8 kan bakka bu'adha.

Maaliin gamtaa waraanaa ishee jijjiiruun, wal dhabdee Faransaayi waliin uumame hordofuun Raashiyaa waliin hariiroo cimaa horattee jirti.

Maaliin konkolaattota hidhannoo qaban, dooniiwwan loltoota fe'an, xiyyaarota, diroonii, meeshaa waraanaa gurguddaa, misaa'elaa fi meeshaalee biroo biyya alaati galchiti.

4. Itoophiyaa

Sababa walitti bu'iinsa Kaabaa Itoophiyaa fi Oromiyaa keessaan wal qabatee Itoophiyaan humna waraanaa ishee irratti baajata guddaa ramadaa jirti.

Itoophiyaan diroonii fi meeshalee waraanaa kaan caalaatti alaa galchaa jirti.

Xiyyaarota waraanaa, diroonii, taankii, konkolaattota hidhannoo fi waraana fe'u, akkasumas xiyyaarota leenjii fi lolaa bitteerti.

Biyyoonni Itoophiyaan meeshaa waraanaa irraa baay'inaan bittu Raashiyaa, Turkii, Iraan, Ameerikaa, Yunaayitid Arab Emireet fi Bosiniyaafaa kan dabalatuudha.

Gatiin waliigalaa meeshaaleen waraanaa ittiin bitaman Doolaara miiliyoona 172.85 ta'a.

5. Angoolaa

Yeroo dheeraaf waraana keessa kan turte Angoolaan waggoota shanan darbaniif meeshaa waraanaa saffisaan bitaa turte.

Meeshaa waraanaa ishee keessaa gara dhibbeentaa 4.7 ta'u naannawa ittisa qarqara galaanaa fi to'amnnoo fi bulchiinsa qilleensaa isheef dursa kennun meeshaalee waraana kana kan bitte.

Meeshaaleen isheen bittes motora xiyyaarotaa fi bidiruu waraanaa kan hammatudha.

Meeshaa waraanaa kanaaf Doolaara miiliyoona 160.3 baastee jirti.

Biyyoonni isheen baay'inaaan meeshaa waraanaa irraa bittu Ispeen, Beelaaruus, Faransaay fi Kaanaadaa fa'i.

6. Keeniyaa

Keeniyaan haala nageenyaa ulfaataa keessattuu daangaa ishee irratti, akkasumas yakki fi haleellaan garee Al-Shabaab, keessumaa kaaba bahaa, qarqara galaanaa fi Naayiroobii keessatti deebi'ee ka'uu ishee mudachaa jira.

Kana qolachuuf Keeniyaan meeshaa waraanaa miiliyoona 140.62 baasu bitattee jirti.

Xiyyaarota geejjibaa loltootaa, misaa'ela fageenya dheeraa, xiyyaara nama maleessa ykn Diroonii Bayraktar TB-2 fi Helikooptaroota gosa adda addaa, kanneen akka Hughes-500D dabalatee bittee jirti.

Biyyoonni isheen baay'inaan meeshaa waraanaa kana irraa bittu ammoo Yunaayitid Arab Emireets, Jarman, Israa'el, Turkii, Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaati.

7. Mooriitaaniyaa

Mooriitaaniyaan biyyoota hanga tokko tasgabbii qaban keessaa tokko kan taatu ta'us, biyyattiin daangaa kaabaa fi baha ishee irratti keessumaa naannoo Aljeeriyaa fi Maalii gidduu jirutti balaa shororkeessummaa ishee mudateera.

Mooriitaaniyaan meeshaalee waraanaa doolaara miiliyoona 134.36 bitattee jirti.

Misaa'ela farra taankii, doonii waraana fe'u, konkolaattota biroo, ittisa misaa'ela, xiyyaara sakatta'iinsaa nama maleessaa ykn Diroonii fi konkolaattota hidhannoo bitatte jirti.

8. Burkinaa Faasoo

Burkina Faasoo haleellaa gareewwan jihaadistootaan du'a hedduu fi lammiilee nagaa buqqaasuun waggootaaf lola keessa turte.

Burkina Faasoo boombii, misaa'ela, konkolaataa hidhannoo, meeshaa waraanaa gurguddaa, xiyyaara, helikooptaroota haleellaa, taankii, diroonii Bayraktar TB-2 fi misaa'ela biroo hedduu bitte.

Walumaagalatti meeshaa waraanaa doolaara miiliyoona 127.64n bite.

9. Ayivoorii Koost

Kibba biyyattii tasgabbaa'aa ta'us, Kootdivuwaar naannoolee kaaba ishee Burkina Faasoo fi Maalii waliin daangessan, bakka gareewwan jihaadistootaa irraa balaan yeroo hunda keessatti mul'atu itti dhiyeenyaan hordofaa jirti.

Mootummaan meeshaa waraanaaf doolaara biiliyoona 120.33 baaseera.

Ivory Coast helikooptaroota salphaa AS-350 fi H-125, helikooptaroota lolaa, konkolaattota hidhannoo qabaniifi bidiruu eegdota qarqara galaanaa bitattee jirti.

10. Ruwaandaa

Ruwaandaan dandeettii ittisa qilleensaa guddisuun, meeshaa waraanaa waliigalaa ishee keessaa dhibbeentaa 3.5 bitatteetti.

Meeshaalee waraanaa kanneeniif Firaankii Ruwaandaa miiliyoona 118.73 baastee jirti.

Gosoonni meeshaa waraanaa Ruwaandaan bitatte irra caalaan helikooptaroota waraanaa, konkolaattota hidhannoo qaban, misaa'ela farra xiyyaaraa fi meeshaaleen biroos keessatti ni argamu.