Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'The Beast' waa'ee konkolaataa Tiraamp ittiin imaluu maal beekna?
Pirezidantichi tokkicha lafarra geenyaan, konkolaattoota qananii fi eegumsii nageenyaasaanii mirkanaa'e Kaadiilaad Waani (Cadillac One)tu isaan eega.
Konkolaataan ajaja addaatiin hojjate 'Z Biisti' moggaasa jedhuun beekama.
Konkolaattoonni kunneenis sababii malee moggaasa kana hin arganne. Meeshaan ofirraa qabantu akkas akka jedhaman taasise.
Pirezidantichi gosa konkolaataa qananii kanaa keessaa tokkoon yoo imalan, kaan ammoo akka konkolaataan pirezidantichi keessa jiran adda hin baafamneef marsanii waliin adeemu.
Konkolaattoonni lamaanu lakkoofsi gabatee isaanii ammoo Washington DC - 800-002 - kan jedhu fayyadamu.
Tajaajilli Iccitii fi oomishaan konkolaataa kanneenii, Jeneraal Mootars, waa'ee kokolaattoota kanneen irratti eenyumaafuu odeeffannoo hin kennan.
Haata'u malee waa'ee amaloota nageenya konkolaattoota kanneenii tokko tokko ni beekamaa.
1-. Meeshaa waraanaa fi ittisa
Konkolaataan kun meeshaalee balaa ittisuu danda'an adda tahan ofirraa qaba.
Humna elektirikii vooltii 120 tahu namoota haleellaa dhaqabsiisuu dhaqanitti gadhiisuu danda'a.
Namoonni haleellaa irratti raawwachuuf Yaalan yoo konkolaataa qabataniiti tahe ammo akka konkolaataan isaanii to'annoon ala tahuuf zayita daandii isaanii irratti dhanqagaalaasu qaba.
Gaazii imimmaanessituu, meeshaalee dukkana keessa ilaaluuf si gargaaran, qawwee, meeshaalee rokkeettii ofirraa ittisan fa'aa qaba.
Karaa jalaa yoo haleellaan boombii irratti raawwateef meeshaa ofirraa ittisu danda'u irraa hojjetame.
Foddaan isaa baay'ee yabbuudha. Rasaasni uree hin seenu. Irra keessaan yoo tarii haleellaan keemikaalaa irratti raawwachuuf yaalame ejdhamee meeshaalee ittisuu danda'an irraa hojjetame.
Gommaan isaanii osoo uratee qilleensa gadhiisellee baay'ee saffisuu yoo baates deemuu danda'a.
2- Konkolaataa Beast wal fakkaatu lama
Konkolaataan Beast jedhamtu wal fakkaattu kun al takkaatti wal faana qophoofti.
Tarii qaamni haleellaa raawwachuu yaade pirezidaantichi isa kam keessa jira jedhee adda baasuu hin danda'u.
%100 waluma fakkaatu. Gatiin isaanii hanga doolaara miliyoona 1.5 taha jedhama. Garuu bara 2018 pirezidaant Doonaald Tiraampiif hojjechuuf Kaampaaniin Kadilak hojjetu Jeneraal Motors qorannoof qofa gara doolaara miliyoona 15 baase.
3-'The Beast' dhiiga firiijii guutuu qabatee deema
Yoo tarii pirezidaantichi tasa dhukkubsate ykn haleellaan irratti aawwatee dhiige, hakiimonni dhiiga kennuuf yoo barbaachiseef jedhamee dhiiga yeroo hundumaa fe'atanii deemu.
Konkolaatichuma keessatti qabatanii kan deeman yoo tahu firijii kana qabatu qabdi. Gosa dhiigaa pirezidaantichaaf tahutu yeroo hundumaa qabatamee deemama.
Dabalataan oksijinii isaaf tahu qabatanii deemu. Kun hundi qofaatti soo hin taane qaamuma konkolaataa kanaa wlaiin kan hojjetamedha.
Namoota torba qabachuu danda'a. Kanaaf gargaarsi pirezidaantichaaf yoo barbaachise hakiimota isaa dabalatee achuma keessatti argata.
Konkolaatonni to'annoo 'Control Car' jedhaman sadiiis isa hordofanii deemu. Yoo deeggarsi dabalataa barbaachise isaaniis waliin imalu.
Sagaleen alaa gara gabbinaa isaa hin galu. Keessaas hin bahu. Kanaaf qunnamtiif kan gargaaran meeshaaleen keessumatti hojjetamaniiru. Maayikiraafoonii waan qabuuf sagalee alaa fudhatee keessaas kan baasu qaba.
Meeshaalee haleellaa ittisuuf oolan irraa waan hojjetameef kuni tahe.
Konkolaattota biroo waliin imalan waliin ammoo qunnamtii addaa haalatti taasisan qabu.
Yeroo muddamaa keessa pirezidaantiin nuukileera dhukaasuuf kan murteessu yoo tahe konkolaataa kana keessa taa'e haalatti koodii furtuu nuukileeraa kennu qaba.
Kanaaf achuma keessa taa'ee nuukileera dhukaasisuu danda'a jechuudha.
Koodiin nuukileeraa yeroo hundumaa pirezidaantii harka qofa jira.
Tiraamp bakka deeme hundatti konkolaattonni kunneen fe'amanii waliin deemu.
Kaleessa yeroo inni Chaayinaa gahes konkolaattonni kunneen dursanii achi gahuun isa eegan.
Kanaaf Tiraamp yeroo biyya tokko deemu gareen waliin imalu hedduudha.
Konkolaattoonni kunneen qaamaa fi foddaa rasaasni isaan hin urree irraa hojjataman.
Kunis haguuggii guddaa gara toonii sagal (20,000lb) ta'uun qabaachuun kanaaf gumaacha qaba.
Kana malee, boombii imimmaaneessaa kan ittisuufi kaameraan halkan arguu fi bilbila saatalaayitii of keessaa qabu akka qabu himama.
Konkolaataan Z Biisti dhiheenya keessa oomishaman kan tajaajila wallaansaatiif akka ooluutti kan oksijiiniin hojjatamee yoo ta'u, haaluma walfakkaatuun qabanneessaas qaba.
Kun kan yeroo balaan tasaa mudatuutti itti fayyadamuuf of kan yaadamee hojjatameefiidha.
The Beast akka qaama konkolaataa pirezidaantii ta'ee kan imalu yoo ta'u, isaan keessa konolaattoonni 12 ol ta'an ammoo ni jiraatu.
Isaanis dabaaltoota poolisii, miseensoota haleellaa deebii kennuu fi garee haleellaa raawwatan, kokolaattoota qunnamtii hidhannoo qaban, oggeessota wallaansaa fi ogeessoota sabaa himaa kaan konklaataan waliin imalu.