MM Israa'el dhoksaan UAE daawwachuurratti Iraan fi UAEn deebii kennan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu yeroo waraanni Iraan gaggeeffamaa ture dhokatee gara UAE imaluun pirezidantii biyyattii waliin mari'achuu ibsuurratti Iraan fi UAEn deebii kennaniiru.

Waajjirri Neetaaniyaahuu Pirezidant Sheek Mohammad bin Zaayid faana walarguun michummaa hundee jabeeffate mul'isa jedhe.

Ibsi kun ba'ee yeroo muraasa booda ministeerri dhimma alaa UAE waa'een daawwannaa kanaa wanti odeeffame ''guutummaatti bu'uura hin qabu'' jedhe.

Hariiroon biyyoota lameenii daawwannaa dhoksaan taasifamurratti kan hundaa'e miti jedhe.

Yeroo waraanni gaggeeffamaa ture Iraan halleellaa hedduu UAE irratti raawwatteetti.

Iraan biyyi Galoo Galaanaa keessatti humna jabaa qabdu, UAEn hariiroo jabaa US fi Israa'el waliin qabdi jechuun qeeqxi.

Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii MM Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ''waan tajaajilli tikaa Iraan kanaan dura hooggantoota biyyattiitti hime har'a ifatti dubbate,'' jedhe.

Israa'el waliin michummaa uumanii socho'uun ''dhimma dhiifamni hin godhamneefidha'' kan jedhe Abbaas Araagchii ''kanneen gocha akkanaa raawwatan itti gaafatamuuf jiru,'' jechuun ammas akeekkachiise.

Ministeerri dhimma alaa UAE ibsa baaseen Neetaaniyaahuun ykn jilli humna nageenyaa Israa'el biyyattii daawwachuu haaleera.

''Hariiroon Israa'el fi UAE ifatti kan raawwatamuudha. Dhoksaatti miti. Bu'uura Waliigaltee Abraham (Abraham Accord) jedhamuun raawwatama.

''Daawwannaa iftoomina hin qabnee fi dhoksaan raawwatamurratti hariiroo hundaa'e hin qabnu,'' jedhe.

Waliigalteen Abirahaam jedhamu hariiroon Israa'el fi biyyoota Arabaa kaanii madaalliisaa eeggatee akka deemuu fi dhibdeen akka hin babal'anneef bara aangoo pirezidantummaa jalqabaa Tiraamp kan tolfameedha.

Gabaasi Rooyitarsi Neetaaniyaahuu fi Pirezidantiin UAE Sheek Mohammad bin Zaayid, magaalaa daangaa Omaan irratti argamtu Al-Ayin keessatti walarguun yeroo dheeraaf mari'achuu mul'ise.

Israa'elitti ambaasaaddarri US Maayik Hukabii, Israa'el sirna ittisa misaa'elaa ishee Iron Dome keessaa baatiriiwwan farra haleellaa misaa'elaa UAE'f erguun, haleellaa Iraan jalaa akka of baraartu tumsaa turuu Kibxata ibsee ture.

Iron Dome sirna ittisa qilleensaa Israa'el akkaan ammayyaawaa ta'edha. Misaa'eloota, rookeetiiwwan fi dirooniiwwan qilleensarratti qolachuun barbadeessuu danda'a.

Ambaasaaddar Hukabiin akka jedhutti UAEn sirna Iron Dome irraa fayyadamuu kan dandeesse ''hariiroon biyyoota lameenii sadarkaa olaanaarra waan ga'eefi,'' jedhe.

Kunis bu'uura waliigaltee Abirahaam jedhamuun ta'uu ibse.

Waraanni US fi Israa'el walta'uun Iraan irratti labsan ammoo hariiroo sana daran cimseera jedha qondaalli kun, gama humna waraanaan michummaa cimaan akka uumamu sababa ta'eera jedhe.

Yeroo waraanni gaggeeffamaa ture Iraan misaa'elootaa fi dirooniiwwaniin UAE haleelaa turte.

Hanga ammaatti misaa'eloota saffisoo fi fageenya dheeraa (balistikii) 551, misaa'eloota lafatti gadi siqanii furguggifaman (cruise) 29 fi dirooniiwwan 2,265 UAE irratti dhukaasteetti.

Ji'uma kana keessallee Iraan haleellaa UAE irratti raawwatteetti.

Ministeerri Ittisaa UAE Caamsaa 10 dirooniiwwan Iraan lama qolachuu ibseera.

Gaazexaan Wall Street jedhamu ammoo UAEn haleellaa Iraan irratti raawwachuu Wiixata gabaasee ture.

Kun garuu ifatti waan beekame miti, dhoksaan kan raawwatamedha.

UAEn haleellaama akkanaa (kan dhoksaan raawwatamu) warshaa oomisha boba'aa Iraan kan odola Lavan keessatti argamurratti raawwachuun gabaafameera.

Roobii kaleessaa ammoo gorsaan pirezidantii UAE Anwar Gargash biyyisaa dippiloomaasiif kutannoo akka qabdu ibsuun, garuu haleellaa ofirraa ittisuufis mirga guutuu qabdi jedhe.

Gargash maxxansa isaa keessatti UAEn waraana barbaaddee hin beektu, waraana hambisuuf ifaajji jedhe.

''Galoo Galaanaa keessatti hariiroon Iraan fi biyyoota Arabaa kaanii walitti bu'iinsaa fi waraanaan kan ijaaramu miti,'' jedhe qondaalli UAE kun.

Waraanni US-Israa'el fi Iraan guyyoota afurtamaaf walitti aansuun erga gaggeeffamee booda dhukaasa dhaabuun labsame.

Garuu Iraan ammallee haleellaa US irratti raawwattu haaloo ba'uuf Ulaa Hormuuz kan boba'aa addunyaa keessaa dhibbeentaa 20 ta'uuf daandii ta'e cufuu itti fufteetti.

Ameerikaanis gamasheen dooniiwwan boba'aa Iraan fe'an akka Hormuuz keessa hin darbine danqitee jirti.

Kun hundi akka gatiin boba'aa addunyaarratti akkaan dabalu taasiseera.

Dilbata darbe Iraan wayita yaada US dhiheessiteef deebii kennitu waraana dhaabuu fi Ulaa Hormuuz banuuf haal duree barbaaddu ibsiteetti.

Tiraamp deebiin Iraan ''kosii, waan hin qabne'' jechuun guutummaatti fudhatama dhabsiise.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu balaa keessa jiraachuus ibse.

Afa yaa'iin paarlaamaa Iraan Mohammad Gaalibaaf humna waraanaa Iraan ''weerara kamuu qolachuuf yeroo kamuu caalaa muuxannoo argatteetti,'' jechuun X irratti barreesse.