Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mariin Iraanifi Omaan Ulaa Hormuuz ilaalchisee taasisan ulicha banuuf akka hin taane Iraan akeekkachiiste
Iraanifi Omaan egeree Ulaa Hormuuzifi nageenya imalaa achirratti taasifamu ilaalchisee mariin godhan bifa gaariin deemaa jiraachuu Omaan beeksite.
Iraan garuu waliigalteen Omaan waliin godhamu Ulaan Hormuuz akka banamuuf wabii miti jechuun akeekkachiiste.
Biyyoonni lamaanuu mariin dhimma ulaa kanarratti taasisan haala gaariin deemaa jiraachuu Sambata, Hagayya 8, kan beeksisan yoo ta'u, waliigaltichi xumuramee yoom akka walii mallatteessan guyyaansaa hin muramne.
Ministeerri dhimma alaa Omaan haleellaan Ulaa Hormuuz irratti dooniwwan daldalaa irratti taasifamu akka dhaabbatu gaafachuun, haleellaan itti fufnaan marii godhamu akka gufachiisu akeekkachiiste.
Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii mariin Omaan waliin godhamu sadarkaa dhumaarra gahuu ibsuun, Ulaan Hormuuz banamuun "dhimoonni biroo guutamuu irratti hundaa'a" jedhan.
US-Israa'el haleellaa irratti banuu hordofee ji'oota shanan darbaniif Iraan Ulaa Hormuuz cufuun akka meeshaa guddaatti itti fayyadamtee jirti.
Guyyoota muraasaa as Omaanifi Iraan gidduutti akkaataa itti ulaan kun gara fuulduraatti buluufi waloon nageenya imala achirratti taasifamuurrati mariin gaggeeffamaa jira.
Iraan garuu Ulaan Hormuuz guutummaatti banamuuf ulaagaaleen waraanan wal-qabatanii guutamuu qaban akka jiran akeekte.
Haal-dureewwan Iraan keessa keessaa tokko haleellaa irratti banameef US beenyaa akka kaffaltu yoo ta'u, waraanichi akka dhaabbatuuf mariin gaggeeffamuu akka qabus Abbas Araagchii himan.
USfi Iraan Waliigaltee Dhukaasa Dhaabuu waliifa mallatteessanii turanillee heddu osoo hin turin wal-haleelutti deebi'an.
Itti gafaatamaa Nageenya Iraan kan ta'an Mohaammad Baqer Zolqadir miidiyaa Iraan Tasnim waliin turtii taasisaniin, "US amalashee yoo sirreeffate malee" Ulaan Hormuuz akka hin banamu jedhan.
US buufataalee doonii Iraanirra uggura kaa'uun dooniwwan achi akka hin seenefi hin baane karra itti cuftee ittisaa jirti.
Ulaan Hormuuz banamuuf haal-dureen biraa Tehraan keesse, ugguri galaanaa US buufataalee doonii Iraanirra keessa akka ka'uudha.
Maallaqnishee jalaa qabamee jiru akka gadi dhiifamu Iraan gaafatteetti. Waliigaltee wal-hubannii yeroo darbe US wajjin waliif mallatteessan irratti, qabeenyi Iraan qabamee ture biliyeena heddu akka gadi lakkifamu Tiraamp waliigaluunsaa gabaafamaa ture.
Jalqaba torban kanaa Doonaald Tiraamp "yeroo dhiyootti" Iraan waliin waliigalteen taasifamuu danda'a jechuun abdii kennee ture.
Itaanaa Pirezidaantii US JD Vaans ammoo Sambata, Hagayya 8, mariin Iraan waliin godhamu ammallee ittuma jiraachuu ibsuun, waan jala muramaan akka hin jirre dubbaan.
JD Vaans turtii Fox News waliin taasisaniin, "Ammayyuu ittuma jirra. Waanti kun [mariin taasifamu] hin xumuramne," jechuun ibsan.
Dabaluunis, US humna waraanaafi dippilomaasii qabdu fayyadamuun waliigaltee barbaadamurra gahuuf tattaaffii gochaa jiraachus dubbatan.