Galchiin Erliing Haalaand ''dogogora'' jedhame maaliif kenname?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Qaamni bulchiinsa Murteessitoota kubba miilaa Ingilizii galchii Haalaandi lakkoofsise kennuun ''murtoo dogogoraati'' jedhe.

Maanchister Siitiin Ooldi Tiraafoord irratti taphattoota 10niin taphachuun galchii 1-0 Maanchister Yuunaayitid mo'atee deebi'e.

Falmiin garuu galchiin Haalaand lakkoofsise kennamuu hin qabu kan jedhu irrattidha.

Kubba Jooskoo Givaardiyool dabarseef kan erga Haalaand lakkoofsisee murteessaan taphichaa galchicha haqee ture.

Haa tahu malee, VAR gidduugaluun galchicha akka kennamu taasise. Haalaand taphaan ala tahuu baatus Eenzoo Fernaandez yeroo kubbi gara Haalaanditti darbu mataatiin dhahuuf yaalee ture. Fernaandez garuu taphaan ala ture.

Murteessaan taphicha aibsa kenneen ''Eenzoo Fernaandez taphaan ala tahus kubbicha taphachuuf yaalii waan hin gooneef akka murtichi ilaalamu taasise'' jedhe.

''Haa tahu malee VAR dhiibbaa Eenzoo Fernaandez kubbicha deebisuu irratti godhe hin ilaalle. Murtoo murteessaan dirree keessaa dabarse ilaaluu qaba ture'' jedhe.

"Galagala kana murtoo dogogoraati jennee kan amannu kana ilaalchisee Maanchister Yuunaayitidiin qunnamneerra. Murticha irratti qorannoo gaggeessinu itti fufa'' jedhe.

Taphataan sarara ittisaa Maanchister Liisaandiroo Maartinez ''haqa dhabne'' jedhe. Leenjisaan kilebichaa Maayikil Kaarik ammoo murtoon kun maaliif akka darbe naaf hin galle jedhe.

Taphni jalqabee daqiiqaa 23 irratti Fiil Fooden Buruunoo Fernaandez garaa keessa dhiituun kaardii diimaan bahe.

Bakki Haalaandi dhaabbatee ture Sababa kophee Doorguun qixa waan sararameef taphaan ala miti jedhe VAR.

Kubbi Givaardiyool miila Doorguu tuquun gara Haalaanditti yeroo dhufu Fernaandez itti mataadhaan itti bu'uuf yaalee hin arganne.

Erga kubbicha argachuuf yaalii taasisee akkamiin galchiin Haalaandik un kennama jechuun xiinxaltoonni gaafatan.

'Premier League Match Centre' kan jedhamu ammoo kan ilaalame Haalaand taphaan alamoo bakka sirrii irra ture kan jedhudha. VAR Eenzoo Fernaandeziz akkasuma taphaan ala tahuu isaa ilaaleera jedha.

''Fernaandez kubbicha hin taphanne'' jedhe. Fernaandez garuu kubba argachuuf yaaleeti kan dhabe.

Seerri ''Offside'' ilaalchisee jiru maal jedha?

Taphataan tokko taphaan ala kan jedhamu yoo ulaagaa kanneen guutedha.

''Kubba gara isaatti dhufe yoo taphachuuf yaalee fi garee faallaa irratti sochiin isaa dhiibbaa qabaate.

Qabxiileen lameenuu guutamuu qabu. Taphataan tokko taphaan ala tahee kubba taphachuuf yoo yaale rakkoo hin qabu. Garuu garee faallaa irratti dhiibbaa hin qabaatu yoo tahe.

Kubbi gara Fernaandezitti yeroo dhufe Liisaandiroo Maartinez isa cina ture. Xiqquma duuba isaa tahus deebisuuf yaaleera. Sochiin Fernaandez kun Maartinez irratti dhiibbaa hin goone jechuun hin danda'amu.

Akkasumas sochiin Fernaandez bakka karra eegaan dhaabbate Sene Laameensi irratti dhiibbaa gochuu hin hafu. Murteessaan VAR irraa Maat Donohee qabxiilee kanneen of gaafachuu qaba.

Osoo kubbi sun Maartinez irraa ykn taphaa Maan Siitii Eenzoo Fernaandez irraa fagoo jiraate silaa galchii Haalaand irratti falmiin ka'uu dhiisuu mala.

Amma garuu Fernaadez garee taphattoota Maan Yuunaayitid irratti dhiibbaa hin goone jechuun ulfaataadha.