Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paakistaan xiyyaarota waraanaa Iraaniif dawoo kennuun marii US fi Iraaniif maal akeeka?
Mariin dippiloomaasii Iraan fi US gidduutti akka gaggeeffamuuf jaarsummaan gidduu kan jirtu Paakistaan, xiyyaaronni waraanaa Iraan akka buufata humna qilleensaa isheerra qubatan eeyyamteef.
Paakistaan iddoo paarkiingii xiyyaarota waraanaa Iraaniif kan eeyyamte haleellaa qilleensarraan Ameerikaan raawwattu jalaa baraaruuf ta'uu aanga'oonni US dhimma kana quba qaban ibsaniiru.
Iraan xiyyaarota siiviliis gara biyya ollaashee taate, Afgaanistaan, erguun akka achi turan gooteetti.
Kanneen gara Afgaanistaan ergaman keessa xiyyaaronni waraanaa jiraachuu fi dhiisuun ifa miti akka qondaalonni US lama miidiyaa michuu BBC ta'e CBStti himanitti.
Tarkaanfiin Iraan xiyyaarota ishee gara biyyoota ollaatti erguun achi tursiifachuun fudhataa jirtu, xiyyaarota waraanaa fi qabeenya damee aviyeeshinii ishee kaan, miidhaa waraana kanaa jalaa dandamachiisuuf yaadameeti.
Aanga'oonni US nageenya biyyaalessaa eeguuf jecha eenyummaasaanii dhoksuun CBStti dubbatan, Iraan erga Pirezidant Tiraamp Ebla gara jalqabaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu labserraa eegaluun xiyyaarota ishee gara Paakistaan ergataa jiraachuu ibsan.
Aanga'oonni US kunneen Iraan xiyyaarota waraanaa ishee gara buufata xiyyaara waraanaa Paakistaan, Nur Khan ergaa jiraachuu ibsan.
Buufati xiyyaara waraanaa akkaan eegumsa cimaa qabuu fi guddaa ta'e qarqara magaalaa Paakistaan, Rawalpindi jedhamutti argama.
Ajaji Giddugalaa US miidiyaan CBS dhimma kanarratti aanga'oota Afgaanistaan fi Paakistaan akka gaafatu yaada dhiheesseeraaf.
Qondaalli gameessi Paakistaan tokko himannaa buufata xiyyaara waraanaa Nur Khan waliin walqabatee dhihaate fudhatama dhabsiisaniiru.
''Buufati Nur Khan handhuura magaalattiitti argama. Xiyyaarri waraanaa gurguddaan achi dhaabbatu ija namaa jalaa dhokachuu hin danda'u,'' jechuun himannaan kun sirrii akka hin taane CBStti himan.
Kibaxata har'aa ammoo Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii xiyyaaronni Iraan biyyattii keessa jiraachuu mirkaneesseera.
''Xiyyaaronni Iraan yeroo ammaa Paakistaan keessa qubatanii jiran kanneen yeroo waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsamu dhufaniidha. Humna waraanaaf qophaa'uu ykn haleellaa jalaa baraaruuf kan jedhamuun wal hin qabatu. Kanaan ala odeeffannoon jiru dhugaarraa kan fagaatee fi dogoggorsaadha,'' jedha ibsi ministeerichaa.
Jaarmiyaan kun xiyyaaronni Iraan hedduun kanneen Paakistaan keessa jiran yoo mariin jalqabe aanga'oota hirmaatan sochoosuuf kan oolaniidha jedhe.
''Mariin ifatti eegaluu (itti fufuu baatus) dippiloomatonni olaanoon yaada wal jijjiiruu itti fufanii jiru,'' jedhan ibsi kun.
Ministeerichi Paakistaan yoomuu walaba taatee gidduu dhaabachuun karaa iftoomina qabuun biyyoota lameen (US fi Iraan) araarsuu itti fufti jedhe.
Dubbi himaan siivil aviyeeshinii Afgaanistaan gamasaan xiyyaaronni Iraan wayita waraanni eegaluu jala ga'u kan Kaabul seenan hanga yoonaa hin deebi'in jiru jechuun CBStti himan.
Erga waraanni eegaluun daandiin qilleensaa Iraan cufamee xiyyaaronni kunneen buufata xiyyaaraa Kaabul keessatti danqamanii hafan jedhan.
Xiyaarri Iraan waraana dura Kaabul seenee osoo hin deebi'in hafe kun Bitootessa darbe yeroo Paakistaan mootummaa Afgaanistaan kan Taalibaan hoogganurratti haleellaa raawwattu nageenyaaf jecha gara daangaa Iraanitti butamuu ibsan qondaalli kun.
Jeettonni Paakistaan buufata xiyyaaraa Kaabul barbadeessuu danda'u sodaan jedhu waan tureef bakka sanaa kaasanii daangaatti akka butan ibsan.
Aanga'aan aviyeeshinii kun xiyyaarri Iraan Afgaanistaan keessa jiru kana qofa jedhan.
Dubbi himaan Taalibaan Zabiihullaa Mujaahid xiyyaaronni Iraan Paakistaan keessa jiraachuu haalaniiru.
''Dhugaa miti, Iraanis sana gochuun ishee hin barbaachisu,'' jechuun CBStti himan.