Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qataar himata Iraan akka paayileetota ishee boojite gadhiiftu dhiyeessiteef deebii kennite
Qataar, Iraan balaliistoota xiyaara waraanaa sadii qabdee jirti jechuun himata Iraan irratti dhiheessite cimsee haalte.
Iraan jalqabbii waraana Ameerikaa fi Iraan irratti duula waraanaa raawwatteen xiyyaaronni waraanaa ishee lama ittisa qilleensaa Kaatariin erga rukutamaniin booda balaliistonni xiyyaaraa sadii Kaataariin booji'amuu isaanii ibsuun, akka gadhiifamanis gaafatte.
Kana qofaa utuu hin taane haala paayileetoota sadanii ilaalchisee qorannoo akka gaggeeffamuuf koree Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC)f waamicha dhiheessite Iraan.
Itti gaafatamaan koree namoota badan barbaaduu Iraan Birgaadeer Jeneraal Seyyed Mohammad Bagherzadeh, xalayaa koree Fannoo Diimaa Idil-addunyaaf barreessaniin balaliistonni kunneen kanneen Jaavaad Saalehi, Abdul Majid Dashitiyaan fi Imran Behroshiyaan jedhaman ji'oota jahaaf booji'amanii turuu eeran.
Akka Iraan jedhutti, Paayileetotni kunneen yeroo duula waraanichaatti xiyyaarota waraanaa Su-24 laman 4 ta'anii Bitootessa 2 gara bakka waraanaa Kaataar keessatti argamutti balali'anii ture.
Haa ta'uu malee Xiyyaaronni sunneen sirna ittisa qilleensaa Kaataariin erga rukutamanii booda, paayileetotni 3 xiyyaarota keessaa utaalanii bu'an.
Paayileetota afran keessaa tokko Majid Kazemi kan wareegame yoo ta'u, sadan hafan Kaatariin booji'amanii jette Iraan
Taatee kunis Bitooteessa 2, 2026, guyyaa sadaffaa waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduutti jalqabame irratti raawwatamuu Iraan kan ibsite.
Iraan akka jedhutti, erga balaliistonni Iraan booji'amanii ji'oonni jaha darbuu fi mootummaan Kaataar waliigalteewwan Jenevaa cabseera jechuun himatte. Carraaqqiin dippilomaasii godhamus, booji'amtoonni kunneen ammallee maatii isaanii ykn qondaaltota Iraan waliin akka wal argan ykn akka hin qunnamne ibste.
Baagerzaadeen xalayaa gara Pirezidaantii ICRC, Mirjaanaa Spolyaariich, barreessan keessatti haala balaliistota kanaa irratti yaaddoo guddaa qabaachuu ibsuun, koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa booji'amtoota Iraan kana dafee akka qunnamu, waa'ee fayyaa isaanii gabaasa akka kennan, akkasumas akka gadhiifaman haala akka mijeessu gaafatan.
Iraan, Qaataar paayileetota kana mirga isaanii irraa mulquun seera idil-addunyaa cabsuuni himatte.
Paayileetii afraffaan, Maajiid Kaazemii jedhamu, haleellaa sana keessatti ajjeefamuu fi reeffi isaas gara Iraanitti deebifamuu mirkaneessiteetti.
Deebiin Kaataar maali?
Qaataar garuu himata Iraan kana guutumaan guutuutti haaluun,ibsi dogongoraa kun akka ishee ajaa'ibsiise himte.
Dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa Kaataar, Maajid Mahaammad Al-Ansaar, himanni Iraan Kaataar Paayileetota Iran sadii qabdee jirti jedhu "guutumaan guutuutti" dogongora akka ta'e eerana.
Akka qondaalli kun jedhanitt qaamoleen nageenyaa Kaataar erga paayileetotni sun qilleensa Kaataar seenanii booda isaan waliin qunnamtii uumuuf yaalaniiru. Garuu deebii isaan irraa hin arganne jedhan.
Kaataar, sana booda, akka seera idil-addunyaatti daangaa fi qilleensa biyyattii eeguuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu ibsite.
Al-Ansaar, gareewwan barbaacha fi lubbuu baraarsaa Kaataar, piloototaa fi reeffa isaanii barbaaduuf hojii isaanii guutuu hojjechuu isaanii dubbatan.
Kaataar reeffa Paayileetotaa keessaa tokko argame gara Iraanitti deebisuuf mootummaa Iraan waliin qunnamtii uumteetti. Haa ta'u malee, Tehraan waamicha hojii barbaacha fi lubbuu baraarsaa irratti Kaataar dhiheessitef yeroo sanatti deebii hin kennine jechuun ibsan.
Kanaaf, Iraan fi Kaataar waa'ee Paayileetota sadan irra ga'e ilaalchisee yaada wal faallaa qabu.
Iraan paayileetotni sun lubbuun qabamanii ji'oota jahaaf Kaataar keessatti hidhamuu isaanii yoo himattu Kaataar garuu soba ta'uu fi humnoonni ishee qilleensa biyyattii eeguuf tarkaanfii fudhachuu ibsiti.
Iraan kanaan dura paayileetootni sadan akka dhabaman qofa ibsitee turte. Garuu yeroo sanatti Kaataar keessatti akka qabaman odeeffannoo hin kennine.
Amma Tehraan ICRC'n paayileetota sadan qunnamuun bakka isaan jiran fi haala isaanii akka mirkaneessu gaafatteetti.