Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Neetaniyaahuun, 'Rippaablika Islaamaa Biriiteen' jechuun UK ibse
Dubbii himaan Ministira Muummee Israa'el dubbii Benjamiin Neetaniyaahun Ingilaandiin "Rippabiliika Islaamaa" jechuun dubbate deeggaruun yaada hoggana isaa kanaaf falme.
Neetaniyaahuun gaaffii fi deebii podkaastii Raadiyoo Waraanaa Israa'el tokko irratti taasiseen, ilma-ilma Wiinstan Charchiil kan "nama Israa'el jaallatu" jedhuun waliin wal arguu isaa yaadachiisee, ammaan tana garuu nama akkasii Ingilaand keessatti argachuun hin danda'amu jedhe.
Ittifufuudhaan, Ingilaand ammaatiin "Rippabiliika Islaamaa Biriiteen" jedheen.
Mootummaan UK fi Israa'el michuuwwan jajjaboo yeroo dheeraa ta'anis, waraanaa Gaazaa booda garuu hariiroon isaanii wal dura dhaabbannaa jabaatu dhalate.
Mootummaa Gaazaa keessatti mootummaa waraanaa irraa kaasee hariiroon isaanii gaaga'amuun muddamni isaan jidduutti dhalateera.
Hariiroo seena-qabeessa UK fi Israe'l
Israa'el biyya taatee akka hundeeffamtu shoora olaanaa taphachuu keessatti Biriiteen biyya hangafaa ti. Kanaaf immoo Labsiin Baalfoor jedhamu kan hundeeffama Israa'eliif dhakaa bu'uuraa ture fakkeenya guddaadha.
Bara 1917 Biriiteen warra Otomaan harkaa Filisxeem baafatan. Filisxeem keessatti uummata Yihuudaatti mana ijaaran. Kun karaa labsii Baalfoor (Balfour Declaration) raawwate.
Labsiin kun jechoota jahatama (60) qofaan birmadummaa fi walabummaa Yihuudotaa akka mirkaneesse seenaa keessatti beekamaadha.
Cinaatti ammoo ''gochi mirga siivilii fi amantii hawaasa Yihuudotaan ala ta'anii sarbu kamiyyuu raawwatamuu hin qabu,'' sararri jedhus labsii kanatti dabalan.
Labsiin Ministira dhimma Alaa yeroo sanaa Biriiteen- Aartar Baalfoor nama jedhamuun mirkanaa'e kun, xalayaa nama yeroo sana warraaqsa Ziyoonizim jedhamu gaggeessaa turetti ergame keessatti dabalameera.
Sochiin Ziyoonizimii hiree murteeffannaan uummata Yihuudaa, dacheesaanii galaana Meeditiraaniyaanii irraa kaasee hanga qarqara baha Laga Jordaanitti jiru keessatti akka mirkanaa'uuf gaggeeffamaa ture. Dacheen sun garuu kan Filisxeem ta'uutu mirkanaa'e.
Labsiin kun akka ibsutti mootummaan Biriiteen ''uummanni Yihuudaa dachee Filisxeem keessatti qe'ee ijaarratanii ollaa tokko uummataa jiraachuu akka qaban,'' tumsaa ture.
Labsiin kun uummata Filisxeem, ''uummata Yihuudotaan ala ta'an,'' jechuun ibse malee maqaasaaniiyyuu hin eerre.
Warri Filisxeem ganamuu hubatan, biyyoota Arabaa yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa Otomaan Tarkii jala turaniif deeggarsa siyaasaa fi humna waraanaa taasisuuf waadaan galame eessa akka bu'e wallaalan.
Impaayera Otomaan jalaa biyyasaanii, Baha Giddugaleessaa guutummaatti haguugu, akka walaba baafataniif akka deeggartu Biriiteen Arabootaaf waadaa seentee turte.
Biyyoonni Arabaa sochiin kun Filisxeemis akka dabalatu hubatu turan, garuu waadaa galame keessatti maqaan Filisxeem hin eeramne.
Egaa dhaloonni amma jiru Biriiteen uummata Filisxeem irratti akka yakka hamaa hojjettetti hubata.
Filisxeem biyya of dandeesse taatee akka beekamtii argattuuf hoji maneen bara 1920 Biriiteeniif kenname, garuu lakkoofsi Yihuudota gara Filisxeem godaananii jaarraa 19ffaa keessa dabalaa ture, ittuma fufe.
Bara 1939 Biriiteen lakkoofsi uummata Yihuudaa waggaatti gara Filisxeem godaananii kuma 10 akka hin caalle murteessite, yoo rakkoo addaa ta'e malee.
Bara 1940 ajjeechaa suukanneessaan Nazi Holocust jedhamuun beekamu Yihuudotarratti wayita hammaatu baay'inaan gara Filisxeem godaanuu eegalan.
Yoona kana uummanni Yihuudaa biyya of dandeesse hundeeffachuuf aanga'oota Biriiteeniinitti boo'uu, loluu eegalan.
Dubbiin wayita hammaatu bara 1947 Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii (UN) Filisxeem kan Arabootaa fi kan Yihuudotaa jedhamuun akka qoodamu yaada dhiheesse.
Magaalaan Yerusaalam fi naannawi ishee ammoo aboo idiladdunyaa jala akka galtu eeruun.
Yeroon hawaasi Yihuudotaa Biriiteen jalatti abboomaman barri 1948 wayita obba'u Israa'el biyya of dandeesse taatee UN seente.
UK bara1950, ifatti hariiroo dippilomasii eegalte. Eegi sanii hanga har'aa hariiroon diinagdee, waraanaa, waraanaa, nageenyaa, teknolojii biyyoota lamaanii cimaa ture.
Ammaan tana, hariiroon kun sababa waranaa Gaazaa qormaata keessa galaa jiraachuutu himama.