Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaaffii ABIN dhimma Finfinneerratti kaasee fi yaada qondaala mootummaa
Marii biyyaalessaa Itoophiyaa erga eegalee ji'a caalee fi xumuramuutti dhihaate irratti falmiiwwan yaadaa gara dhumaa kanarratti dhagahamaa jiru.
Keessattuu dhimmi Magaalaa Finfinnee ajandaa falmii ijoo ta'eera.
Dhimmi Finfinnee galma marii keessaa ba'ee alattis falmii kaasee jira.
Namoota dhuunfaa hanga aanga'oota mootummaa olaanootti lammiileen biyyattii miidiyaa hawaasummaa fi miidiyaalee kaanirratti dhimma kanarraa dubbataa jiru.
Adeemsa marii dhimma Finfinnee dhimmoota akka yaada murtiitti dhihaatan irratti Paartiin Sochii Biyyaalessaa Saba Amaaraa (ABIN) fi EZEMAn galma marii keessatti komii dhiheessanii turan.
Kana malees ABIN addatti ibsa baaseen mariin kun ''keessa seentummaa qaama mootummaan gufateera,'' himannaa jedhu dhiheesseera.
Paartichi ''haala siyaasaa fi nageenyaa amma biyyattiin keessa jirtu sirriitti qorachuun,'' ibsa baasuun Facebook isaarratti maxxanseen adeemsa marii biyyaalessaa irratti gufuun mudate ''hojimaata badaa xixiqqaa ykn garaagarummaa siyaasaa baratamaan ala kan ba'eedha,'' jedhe.
Balleessaawwan gurguddoon amanamummaa, hirmaachisummaa, al-loogummaa fi haqa qabeessummaa marichaa gaaffii keessa galchan raawwatamuu kan ibse ABIN, ''giddu-seentummaa fi dhibbaa qaamni biyya bulchu gara tokko goruun raawwateen adeemsi marichaa bu'a qabeessa akka hin taane sodaa uumeera,'' jedhe.
Paartichi dhimmoota ijoo akkaan yaaddessoo ta'anii fi uummanni biyyattii xiyyeeffannaan ilaaluu qabu jedhee tarreesse sagal keessaa tokko dhimma Magaalaa Finfinneeti.
Ajandaawwan saddeet marii biyyaalessaaf dhihaatan keessaa dhimmi Finfinnee akkaan falmisiisaa akka ture hirmaataan garee ajandaa kanarratti mar'atan keessaa ta'an eenyummaasaanii dhoksuun BBCtti dubbatanii turan.
Akka yaada hirmaataa kanaatti falmiin guddaan kan dhalate erga gabaasi garee namoota 10 fi 50 qaacceffamee gara garee 250 dabarfamee yoo ta'u, kunis ajandaan Finfinnee fi Oromiyaa walitti hidhu itti dabalamuu waliin walqabata.
ABIN dhimma kanarratti ibsa baaseen ''adeemsa marii keessatti dhimma abbummaa fi ofiin bulchuu Finfinnee irratti gochi gantummaa mudate xiyyeeffannoon ilaalamuu qaba,'' jedhe.
Kanaafis mootummaa kan himate ABIN ''marii dhimma Finfinnee keessatti sagalee fi dantaan jiraattota magaalattii miiliyoonaan lakkaa'amanii osoo qixa sirrii ta'een bakka bu'iinsa hin argatin, akkasumas uummanni magaalattii akka abbaa qabeenyaa ijootti osoo hin lakkaa'amin bira darbuun baayyee yaaddessaadha,'' jedhe.
''Hirmaattonni jiraattota magaalattii bakka bu'uun waltajjii marii kanarratti argamanis imaanaa itti kenname dagachuun fedhii qaama tokkoo qofa guutuuf jecha mirgaa fi faayidaa magaalattii wayita dabarsanii kennan taajjabneerra,'' jedha ibsi kun.
Erga mootummaan sirna federaalizimii sab-danessaa hordofu Itoophiyaa keessatti hundaa'ee dhiittaan mirgaa fi qoollifannaan uummata Finfinneerratti raawwatamaa turuu fi amma fiixeetti bahuu kan ibse ABIN, mootummaan ammaa osoo ida'amuu leellisuu gocha kana hammeessuutti daran gaddeerra jedhe.
''Mootummaan kun osoo waa'ee ida'amuu, waa'ee jijjiirramaa fi sab-daneessummaa lallabuu qabatamaan garuu uummata magaalaa Finfinneef bakka isaaf malu osoo hin kennin itti fufuuf yaaluu isaati kan baayyee nu gaddisiisu.''
Kanaafuu uummanni Finfinnee marii dhimmoota mirgaa, dhimma jiraachuu fi dantaa irratti xiyyeeffatan kamiyyuu xiyyeeffannaan akka hordofu dhaame paartiin kun.
''Mirga siyaasaa fi ofiin of bulchuu keessan akkasumas carraa egeree keessan karaa seera qabeessa ta'een kabachiifachuuf tokkummaan akka dhaabbattan dhaamsa dabarsina.''
Marii kanarratti mata duree ''Dhimma magaalota federaalaa'' jedhuun kan dhihaatan Finfinnee fi Dirre Dhawaa yoo ta'an, hunda caalaa dhimmi Finfinnee falmisiisaa ta'uu hirmaattonni karaa adda addaan yaadasaanii ibsaa jiru.
Karaa miidiyaalee hawaasaa fi miidiyaalee adda addaa namoonni yaada kennan, Finfinneen walqabatee ajandaawwan dhihaatan keessaa ''Oromiyaa jalatti akka bultuu fi magaalaa federaalaa akka taatu,'' ajandaawwan jedhan irratti falmii cimaan akka ture ibsu.
Dhimmi magaalaa Finfinnee biyyattii keessatti ajandaa yeroo dheeraaf ture yoo ta'u, marii biyyaalessaa kanaan furmaata argata jedhamee abdatamaa ture.
Kanneen Finfinneen qaama Oromiyaa ta'uun dhimma mariidhaafiyyuu dhihaachuu hin qabnedha jedhan akkuma jiran, Oromiyaarraa adda baatee magaalaa of dandeesse akka taatu ykn federaalaan akka bultu yaada kan dhiheessanis jiru.
Dhimmi magaalattii wayita mariitti dhihaatus akkuma alaa sodaatamu falmii cimaa kaaseera.
Paartiin biyya bulchaa jiru, Paartiin Badhaadhinaa, ajandaawwan marii kanarratti qabatee dhihaate keessaa dhimmi Finfinnee tokko yoo ta'u kora Waxabajjii keessa gaggeesserratti ejjennoo magaalattiirratti qabu ibseera.
Qondaalli paartichaa kora sanarra turan eenyummaasaanii dhoksuun BBC'f odeeffannoo kennaniin "Finfinneen miseensa mana maree federeeshinii taatee akka naannootti hundaawuu qabdi'' yaada jedhu dhiyeesseera paartichi.
Hirmaataan marii biyyaalessaa BBC'f yaada kennan dhimmi ajandaa Finfinnee akkaan falmisiisaa taasise, yaadi ''Finfinneen teessoo Bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaa akka taate beekamtii kennu'' qaboo yaa'ii garee hirmaattota dhibba shanii keessatti akka hammatamu taasifamuudha jedhan.
Kunis ajaja ''Olii dhufe'' jedhuun akka ta'e ibsan.
Dhimmoota falmii kaasan keessaa dhimmi abbummaa dhimma namoota dhuunfaarraa dhagahamurraa kan hafe ''paartiin badhaadhinaan akka ajandaa ijoo tokkootti kan hin dhihaanne ta'uusaatiin,'' garee shantama bira erga darbee hangas mara mariin irratti hin gaggeeffamne jedhan.
Garee miseensota 250 irraa eegalee ajandaa falmii kan ta'e dhimmi ''Finfinneen kan eenyu akka taatu'' ilaalu, miseensota paartii badhaadhinaa dabalatee hirmaattota marichaa lamatti qoodee akka ture ibsan maddi kun.
Miseensa paarlaamaa Itoophiyaa kan ta'an Obbo Qajeelaa Mardaasaa qondaalota mootummaa dhimma falmisiisaa magaalaa Finfinneerratti yaadasaanii kennan keessati.
Ibsa afaan Amaaraan Facebook isaanirratti maxxansan keessatti ''Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa fi teessoo mootummaa federaalaa akka taatu kan murtaa'e ajaja qaama olaanaa irraa darbeeni jechuun kan odeeffamu soba,'' jedhan.
Miseensota garee 10, 50, 250 hanga 500 dhimma magaalaa Finfinnee irratti mari'atan keessaa tokko akka ta'an kan ibsan Obbo Qajeelaan, hanga korri marii biyyaalessaa xumuramutti yaada kennuu akka hin feenee fi garuu paartileen siyaasaa osoo hin hafin yaadota falmisiisoo fi dogoggorsiisoo tamsa'aa jiran ilaalchisee ''komishinichi sirreeffama sirrii ta'e fudhachaa waan hin jirreef,'' dubbachuuf akka dirqaman ibsan.
''Sadarkaa paartii dabalatee ibsa ba'aa jiran akkasumas komii hirmaattota naannoo Amaaraa irraa bakka bu'aniin dhihaate irratti komshinichi sirreeffama kennaa hin jiru. Uummanni ammoo mirga odeeffannoo sirrii argachuu qaba jedheen amana.''
Dhimma magaalaa Finfinneerratti mariin ture ajandaalee uummanni biyyattii gandaa kaasee hanga naannootti irratti mari'ataa tureen ala miti jedhan Obbo Qajeelaan.
Ajandaawwan irratti mari'atamanis ''hariiroon Finfinneen Oromiyaa waliin qabdu maal ta'uu akka qabu, waa'ee faayidaa addaa Naannoon Oromiyaa magaalaa Finfinneerraa qabuu, falmiin dhimma abbummaa fi magaalaa guddoo ta'uun walqabatee ka'u akkamiin akka walitti araarfamu, furmaati hunda walii galchu maal ta'uu akka qabu,'' kanneen jedhan ijoo akka turan ibsan.
Garee miseensota 10 irraa eegalee dhimmoota kunneen irratti mari'atamaa akka ture kan ibsan Obbo Qajeelaa Mardaasaa, ''bu'uuruma kanaan Finfinneen Oromiyaa keessatti argamtu ta'uusheen, kunis heera mootummaa keewwata 49(5) jalatti beekamtii kan argate ta'uun, magaalattiin uummata Oromoo buqqisuun kan ijaaramte ta'uu, ammas magaalattii fi naannawa ishee kan jiraatan qonnaan bultoota Oromoo ta'uun,'' dhimmoota ijoo Finfinnee fi Oromiyaa walitti hidhan ta'uun ka'ee irratti mari'atameera jedhan.
''Sababoota kunneen fi kanneen biroo Finfinnee fi Oromiyaa walitti hidhan hedduu eeruun ga'een Oromiyaan magaalattii keessaa qabdu kan barootaaf osoo hojiirra hin oolin ture seeraan akka murtaa'u, akkasumas gaaffilee abbummaarratti ka'an kan araarsuu danda'u Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa fi teessoo mootummaa federaalaa ta'uu heeraan beekamtiin yoo kenname ta'uu, maqaanshees Addis Ababaa ykn Finfinnee akka jedhamu yaadota jedhan dhiheessineerra.''
Finfinneen teessoo mootummaa federaalaa taatee magaalaa guddoo Oromiyaas ta'uu dandeessi yaadi jedhu namoota hedduun fudhatamummaa argateera jedhu Obbo Qajeelaan.
Akkasumas hordoffiif ammoo itti waamamni ishee mootummaa federaalaaf akka ta'u kana waliin yaadi ka'eera jedhan.
''Yaadonni kunneen garee miseensota 10 qaburraa eegaluun hanga ammaatti irratti mari'atamaa turaniiru.''
Gama biraan ammoo ''Finfinneen magaalaa humna, dafqaa fi qabeenya jiraattota isheen ijaaramteedha. Magaalaa Amaaraa jaarraa 13ffaa keessa mootii Daawwit jedhamuun ijaaramteedha. Oromoon boodarra dhufe,'' yaadi jedhus ''namoota muraasaan'' dhihaateera jedhan.
''Namoonni kunneen Finfinneen bulchiinsa federaalaa jala galuu qabdi jechuun garuu magaalaa guddoo Oromiyaa ta'uu hin qabdu ejjennoo jedhu gadhiisuu didanii hanga dhumaatti falmaniiru. Garuu yaada tokkorratti hirmaattonni hunduu waliigalu jedhamee waan hin eegamneef, lakkoofsaan xiqqoo ta'anis ejjennoonsaanii akka garaagarummaatti akka qabamuuf ta'eera.''
Mariin haala kanaan gaggeeffamus garuu ''Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa fi teessoo mootummaa federaalaa akka taatu kan murtaa'e yaadi olii dhufeeni'' himannaan jedhu kora kanarratti Oromoon bakka bu'aa dantaasaa mariif dhiheessee kabachiisu hin qabu akka jechuuti jedhan Obbo Qajeelaan.
Hirmaataan biraan yaada BBC'f kennan yaadi kun marii jalqabarraa gaggeeffame keessa akka hin turree fi mariinis kan irratti hin gaggeeffamne ta'uu ibsan.
Marii garee namoota kudhanii fi shantamaa irratti Finfinneen kan eenyuu haa taatu dhimma jedhurratti ''kan federaalaa haataatuu fi kan Oromiyaa haataatu'' filannoowwan jedhan yaadota bal'inaan calaqqisan turan.
Hirmaattonni yaada ''kan federaalaa haataatu'' jedhu qaban lakkoofsaan hedduu ta'uu ibsan.
Akkasisi ta'ee hanga garee shantamaan ijaarameetti garaagarummaa guddaan osoo hin uumamin ''dhimmoota hedduurratti waliigallee turre,'' jedhu.
Magaalattiin ''kan mataashee dandeesse, caasaa bulchiinsaan federelaatti kan waamamtu, mana maree bakka bu'oota uummataa keessaa bakka bu'iinsa kan qabdu, poolisii fi mana murtii mataashee hundeeffachuu kan dandeessu, bulchiinsa jiraattonni ishee filataniin kan bultu, teessoo mootummaa federaalaa haataatu,'' kan jedhurratti namni hedduun waliigalee akka ture ibsan.
Falmiin kan dhalate qaboon yaa'ii kun wayita qindaa'u ''yaadi qaama olaanaa irraa dhufe jira, osoo qaboo yaa'ii keessa galee yaadi jedhu nu ga'e. Yaadi olii dhufe jedhame kun jalqabarraa kan hin turre yoo ta'u Finfinneen teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka taatu beekamtii kenna. Kun hirmaattota hedduu mufachiise,'' jechuun waan jiru ibsan.
Komishinarri olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeesar Masfin Ar'aayaa, maricharratti dhimmi Finfinnee dhimma marii bal'aa ta'ee turuusaa BBC'f mirkaneessaniiru.
Haa ta'u malee mari'attoonni sadarkaa garee nama kudhaniifi shantamaatti "haalaan" mari'atanii yaadni furmaataa erga dhiyaatee booda garee namoota 250 qaburra yemmuu gahu "yaadawwan gargar fakkaatan dhiyaatan" jechuun marichi bal'achaa yeroo deemu qormaatawwan mudachuu ibsu.
Finfinneen magaalaa federaalaa yaa taatu kan jedhurratti "baay'inaan waliigalteerra kan gahame natti fakkaata" kan jedhan pirofeesar Masfin, haa ta'u malee "dhimmi abbummaa maal yaa ta'u? faayidaa ilaalchisee maaltu yaa ta'u? kan jedhanirratti yaadawan walirraa fagoo ta'an akka turan himaniiru.
Yaadawwan sadarkaa garee 250'tti ka'an qindeessitoonni garee 500 qindeessan "Ofiif akka mari'ataa ta'anii argaman. Yaada ni kennu, ofumaaf walhubannoo dhabuu uumu, kuni ta'uu qaba jedhanii falmu" jedhan.
Rakkooleen kun kan uumaman adeemsa sirrii hubachuu dhabuufi miira ofii to'achuu dhabuurraa kan ka'e ta'uu akka danda'u komishinarichi himaniiru.
ABIN gama isaatiin gaafileen adeemsa marichaarratti kaase deebii yoo hinarganne adeemsicha keessaa bahu akka danda'u ibsee ture. Pirofeesar Masfin garuu yaada paartichaa kana qeeqaniiru.
ABIN ibsa isaa keessatti dhaamsa ''Uummata Oromoof'' jechuun dhaameen ''maqaa Oromootiin humnoonni siyaasa finxaalessummaa gaggeessan naannummaa fi siyaasa qoollifannaarratti waan ijaarameef faayidaa itti fufiinsa qabu uummata Oromoof kan mirkaneessu miti,'' jedhe.
''Keessattuu Finfinneen handhuuraa (qabeenya ganamaa) uummata Itoophiyaa bal'aa, faaya tokkummaa fi calaqqistuu birmadummaa akkasumas teessoo mootummaa federaalaa fi bulchiinsa jiraattonni ishee filataniin kan of bulchitu taatee akka itti fuftu,'' yaada dhiheesse ABIN.
''Yaadi furmaataa ammayyaawaa ABIN sababa waliin dhiheesse kun uummata Amaaraa fi uummatoota kaan qofaaf osoo hin taane uummata Oromoofis faayidaa fi nageenya waaraa kan mirkaneessuudha.''