Liigiin Arabaa haleellaan Israa'el Libaanositti raawwataa jirtu irratti akeekkachiisa baase

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Liigiin Arabaa haleellaa Israa'el kibba Libaanos irratti raawwatte balaaleffatee, namoota nagaa 11 ajjeesuu fi manneen hedduu barbadeessuun isaa rakkoo naannichaa gara walitti bu'iinsa bal'aatti geeddaruu akka danda'u akeekkachiise.

Liigiin Arabaa ibsa baaseen, haleellaan Israa'el magaalaa Naabaatiyaa fi naannolee ishee jiran irratti raawwatame, "walabummaa fi daangaa Libaanos ifatti sarbuu" fi rakkoo naannichaa furuu irratti tattaaffii taasifamaa jiru kan gufachiisuu danda'u jedhe.

Akka mootummaa Libaanos irraa himametti, haleellaa qilleensaa Israa'el Kibba Libaanos keessatti raawwatte keessatti yoo xiqqaate namoonni 11 du'aniiru. Namoonni 19 biroonis madaa'aniiru. Warra du'anii fi madaa'an keessaa dubartootaa fi daa'immanis jiru.

Haleellaan kun waliigaltee dhukaasa dhaabuu Ebla 17 irratti irra ga'ame jedhameen booda raawwatamuu isaatiin yaaddoo guddaa uume.

Liigiin Arabaa Israa'el haleellaa namoota nagaa irratti raawwachuun walitti bu'iinsa dheeressuuf, marii fi araaraa taasifamu gufachiisuuf yaalaa jirti jechuun himate.

Dubbi-himaan Barreessaa Olaanaa Liigichaa akka jedhetti, haalli kun yoo hin dhaabbanne walitti bu'iinsi gara naannolee biroo babal'achuu danda'a.

Liigiin Arabaa hawaasa idil-addunyaa, keessumaa Ameerikaan, Israa'el haleellaa ishee akka dhaabdu dhiibbaa akka irratti godhu gaafate.

Akkasumas Israa'el Murtii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii lakkoofsa 1701 akka kabajju gaafateera. Murtiin kun Libaanos fi Hezbollaah gidduutti dhukaasa dhaabuu fi nageenya naannoo sanaa mirkaneessuuf kan qophaa'e dha.

Haleellaan Israa'el ganama barii irraa eegalee kibba Libaanos keessatti cimee ture.

Xiyyaaronni waraanaa Israa'el magaalaa Ansaar keessatti mana tokkoo fi magaalaa Dehir al-Zahrani keessatti gamoo darbii lama qabu tokko irratti haleellaa raawwachuungabaafameera.

Humnoonni Israa'el naannoo tulluu Ali al-Taahir jedhamus rasaasa phosphorus jedhamu fayyadamuun rukutuu isaaniitu dhaga'ame.

Akkasumas, naannoo Inistiitiyuutii Leenjii Barsiisummaa fi Kilabii Huseeyniyaa magaalaa Naabaatiyaa al-Fawqaa keessatti haleellaa qilleensaa lama raawwataniiru.

Humni Israa'el haleellaa kana kan raawwate humnoota Hezbollaaf deebii kennuuf akka ta'e ibse.

Hezbollaan naannoo tulluu Ali al-Taahir, Israa'el "naannoo nageenyaa" jettee waamtu keessatti haleellaa raawwachuu Israa'el himte.

Hezbollaan garuu himata kana ilaalchisee yeroo gabaasni kun qophaa'etti ibsa bal'aa hin kennine.

Ta'us garuu haleellaa Israa'el bal'achaa jiru balaaleffateera. Gareen kun Israa'el namoota nagaa irratti haleellaa raawwachuu fi naannolee haleellaa jala jiran babal'isuun gara walitti bu'iinsa guddatti geessuuuf fedhii qabaachuu agarsiisa jedhe.

Hezbollaan, MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaah haleellaa babal'isuun kaayyoo siyaasaa keessaa isaa fi fedhii gareewwan mirgaa Israa'el keessa jiran tajaajiluu barbaada jedhe. Israa'el himata kanaaf deebii hin kennine.

Haleellaan kun yeroo Libaanos fi Israa'el waliigaltee bu'uuraa tokko irra ga'anii turanitti raawwatame. Biyyoonni lamaan Waxabajjii 26 waraana dhaabuu irratti walii galanii, Israa'el suuta suutaan loltoota ishee Libaanos keessaa akka baaftu fi mariin biyyoota lamaan gidduu jiru akka itti fufu irratti walii galanii turan.

Haa ta'u malee, Israa'el ammallee naannoo Kibba Libaanos keessaa tokko tokko to'achuun ishee itti fufeera. Naannoleen tokko tokko ammoo waggoota dheeraaf to'annoo ishee jala turan. Kanneen biroo immoo walitti bu'iinsa bara 2023 fi 2024 booda qabataman.

Yeroo haleellaa ammaa kanaattis, humnoonni Israa'el gara kiilomeetira 10 ol gara keessa Libaanositti seenuu isaanii gabaafame.

Liigiin Arabaa Libaanosii fi uummata isaa waliin dhaabbachuu ibsee, mootummaa Libaanos haleellaa nageenya, tasgabbii, abbaa biyyummaa fi nagaa hawaasaa biyyattii irratti raawwatamu irraa ittisuuf deggersa guutuu akka qabu beeksise.

Liigichi, hawaasni idil-addunyaa tarkaanfii hatattamaa yoo hin fudhanne, walitti bu'iinsi Israa'el fi Libaanos gidduu jiru caalaatti babal'achuu fi carraan marii nagaa itti fufuu jiru dhabamuu akka danda'u akeekkachiise.