Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Uummata koo yoon arge nan fayya'- Artist Kadir Martuu
Walleewwan warraaqsaa, jaalalaa fi qabiyyeewwan adda addaa of keessaa qabaniin kan beekamu Artist Kadir Martuu, waggoota 10 oliif biyya alaa erga turee booda gara biyyaatti deebi'eera.
Artist Kadir Martuu wayita gara biyyaatti deebi'u buufata xiyyaaraa idiladdunyaa Booleetti artistootaa fi hiriyoota isaan simatameera.
Jalqaba wayita biyyaa ba'u gara Ameerikaa imaluu kan hime Artist Kadir Martuu, achii booda gara UK imaluun yeroo dheeraaf achi jiraataa ture.
''Amma waggaa 12 booda gara biyya kootti deebi'eera,'' jedhe.
Artist Kadir Martuu UK magaalaa Maanchistaritti dhukkubsatee hospitaalatti yaalamaa akka ture Caamsaa 2025 keessa gabaasnee turre.
Dhibeesaarraa fooyya'us ammallee wal'aansa fayyaa hordofaa akka jiru hime.
Kan isa yaalchisaa jirus kubbaaniyyaa abbaa qabeenyaa beekamaa Oromoo Yaadataa Juneeyidii kan ta'e Biraayitan Mootarsi jedhamu ta'uu hime.
''Garuu hunda caalaa an ergan ummata kiyyaan walargee nan fayya. Dhukkubi kiyya miidhaa saba kiyyaati. Gammachuun saba kiyyaa fayyaa naaf kenna,'' jedhe.
Artist Kadir Martuu kanaan dura BBCtti wayita dubbatu eelaa fi dararaa bara dheeraaf isa mudateen miidhamuu ibsee ture.
''Dhibeen waggaa 20 oliif obsee qabadhee jirutu jira. Wayyaaneetu na cabsite,'' jechuun ka'umsa dhibee isaa dubbata.
Artist Kadir erga Artist Daawitee Mokonnin waggaa 27 booda biyyatti debei'ee booda innis gale.
Artist Daawwitee waliin waggoota dheeraaf hiriyoota akka ta'an kan himu Artis Kadir, sagantaa Artist Daawwiteen qopheessu keessattis akka qooda fudhatu himeera.
Artist Daawwiteen Irreecha baranaa irratti konsertii muuziqaa akka qopheessaa jiru BBCtti himeera.
Artist Kadir Martuus gamasaan sagantaa kanarratti akka qooda fudhatuu fi isa booda indastirii muuziqaa Oromoof gumaachuuf karoora qabaachuu hime.
''Muuziqaan qoricha kiyya, fayyaa kiyya. Waan hunda isiittin obsa,'' jechuun wallee hojjechuuf karoora akka qabu ibse.
Artist Kadir yeroo hedduu karaa miidiyaa hawaasummaa dhimma biyyaa kaasuun ajandaa ta'uun beekama.
Gara biyyaa deebi'uuf karoora akka qabus yeroo dubbatu dhagahama.
Garuu wayita artistoonni Oromoo cunqursaa fi dhiibbaa sirna mootummaa himachuun biyyaa baqatanii turan biyyatti deebi'an inni booddeetti hafeera.
''An dhibees nan qaba. Ammoo hamma asii sirreessanii haala mijeessanitti ture. An lammii biyya saniiti [UK]. Isaan ammoo nama dhukkubsatu laayyootti gadi hin lakkisan. Isuma kanatu na turse,'' jechuun sababa barfatee galeef ibse.
Wal'aansa fayyaa hordofaa akka jiru kan ibse Artist Kadir ji'oota lamaaf erga biyya turee booda gara UK akka deebi'u hime.
''Ji'a lama akkana turee nan deebi'a. Uummata koo ilaallaan fayyaas nan argadha. Asis achis nan jiraadha.''
Artist Kadir Martuu ijoollummaasaarraa eegalee jireenya qormaataan guutame akka dabarse BBCtti hime ture.
''Haadha kiyya ijoollummaattin dhabe. Abbaan kiyyas qabsoo kana keessatti maraatee dhabame. Waggaa soddoma guutuu takkaa jireenya waan jedhame argeeyyuu hin beeku,'' jechuun haala keessa darbee ibse.
Artist Kadir Martuu artistii walleewwan kilippiin hojjetamaniin uummata Oromoo biratti jaallatamudha.
Walleewwan warraaqsaanis beekamtii horateera. Inni garuu ''beekamtii waan jedhamu kanallee an quba hin qabu. An Oromoo jechuu qofan quba qaba,'' jedhe.
Jijiirama siyaasaa amma biyyattii keessatti dhufe dhugoomsuu keessatti wareegamni inni kaffalaa ture qooda olaanaa akka gumaache amana.
''Gaafa qabsoo eegalle wanti amma arginu kun tokkollee hin jiru. An miidhamee kun hundi dhufuutti ofiinan boona.''
Artist Kadir Martuu walleesaan nama fudhatamummaa guddaa qabuudha, garuu addunyaa hojii malee addunyaa faayidaa argee akka hin beekne dubbata.
''An dalaguu malee waa'ee addunyaa kanarraa quba hin qabu. Takkaa maallaqa Oromoorraa guurradhee hin beeku. Qabsoo Oromoof wama kiyyan itti fixe.''
Artist Kadir Martuu Harargee Bahaa magaalaa Qobbootti dhalate, haati isaa ji'a ja'atti irraa boqotan. Abbaa fi haatisaas loltuu turan.
''Haati tiyyas bosonatti qabsoorratti wareegamte,'' jedhe.