Maatiin Eebbisaa ajjeefamuun isaa akkamiin jireenyasaanii akka jijjiire dubbatu

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Weellisaa Eebbisaa waggaa 30 dura bara 1996 erga ajjeefamee hanga yoonaa haqi isaa hin baane jechuun harmeensaa himatu.

Ajjeefamuu Eebbisaa booda jireenyi maatiisaanii jijjiiramuu Obboleessi isaa quxisuu Mo'aa Addunyaa BBCtti himeera.

Yaadannoo waggaa 30ffaa guyyaan Artist Eebbisaan ajjeefamee irratti seenaasaa bifa kitaabaan dhiheessuu akkasumas wantoota maqaa isaan hojjetaman ifoomsuuf karoorfamee akka ture hime.

Garuu dhimmoonni kaan waan hin xumuramneef sirnuma yaadannoo qofa gaggeessuu dubbate.

Eebbisaan ajjeefamuusaatiin waan maatiirra ga'e akkasumas akka dhuunfaatti waan itti miidhame akkanaan ibse.

''Eebbisaan mana keenya keessatti mucaa hangafaati. Akka dura taa'aatti, akka hayyuutti ilaalla. Isatu nu qayyabachiisa. Nama akkasii dhabuun miidhaansaa hamaadha, gadda guddaa ammallee nu keessaa hin bahin jiru.''

Nama akka gaaddisaatti ilaaltu of duraa dhabuun godaannisa guddaadha kan jedhu Mo'aa Addunyaa ''ajjeefamuunsaa kallattii jireenya keenyaa digirii 360 geeddare,'' jedhe.

Eebbisaan weellisaa ta'uu dura qabsoo mirgaa, barnootaa fi walqixxummaa gaggeessaa ture kan jedhu Mo'aan, ''yerooma sana yaadaan hiriyootasaa dursee nama deeme fakkaata,'' jedhe.

''Yeroo sana ijoollee waan turreef hubannoo inni qabaachaa turre hin qabnu turre. Keessattuu barnootarratti kutannoo cimaa qaba ture. Dabtara isaaf bitame barattoota hin qabneef qooda ture. Karaa lamaan itti barreessinee baranna malee dabtara dhabnee barnootarraa duubatti hin deebinu jedhee ijoollee jajjabeessaa ture.''

Yeroo inni ijoollee dabtara hin qabneef kan isaa qoodaa ture kaayyoonsaa nuuf hin galle ture jedhe.

''Isaaf garuu akkaataan qabsoo dursee galeef.''

Mo'aa Addunyaa akka jedhutti, waa'ee oolmaa Eebbisaa gara caalu erga inni ajjeefamee booda namoota ollaa irraa dhagahan.

''Namoonni baayyee ollaa irraa dhufanii waa'ee oolmaasaa wayita nutti himan, nuti ammoo hojiisaa sana itti fufsiisuuf maal gochuu qabna kan jedhu irra deebinee yaadaa turre,'' jedhe.

''Waan Eebbisaan maatiif, ollaaf, biyyaaf gochaa ture akkamiin nuti ammoo itti fufsiisuu dandeenya kan jedhu yaadnee garuu humnasaa dhabne.''

Eebbisaan maatiisaaf hangafa waan ta'eef ajjeefamuun isaa ''abbaa fi haadha koof yeroo dukkanaa ture,'' jedha obboleessi isaa kun.

''Eebbisaan yeroo mana nu waliin ture nuuf gaachana ture. Erga manaa ba'ee beekamtiis argatee ammoo maqaadhuma isaatiin boonna ture. Haala kana keessatti gaafa reenfasaa nuuf fidan onneen keenya baayyee cabe.''

Mo'aa Addunyaa wayita reenfi Eebbisaa maatiif dhufu gadda, naasuu fi rifaatuu guyyaa sana ture ammallee hin dagatu.

''Harmeen koo wayita reenfa isaa argitu bakkuma jirtutti ofirra gadi teessee hadoodde. Ergasii rakkoon nutti hammaatte. Abbaan keenyallee osoo hin turin boqote.''

Erga Eebbisaan ajjeefamee qaawwi guddaan manasaanii keessatti mudachuu kan ibse Mo'aan, keessattuu hangafooti keenya ijoollee durbaa qofa waan ta'aniif itti gaafatamummaan maatii nurratti kufe jedhe.

''Eenyu akka nu gorsu, eenyu akka deeggarsa barnootaa itti fufsiisu, eenyu akka karaa nutti agarsiisu bitaa nutti gale. Qormaata, bu'aa bayii hamaatu nu mudate.''

Eebbisaan Artistoota Oromoo maqaa guddaa fi beekamtii qaban keessaati. Uummata Oromoo biratti baayyee jaallatama.

Maqaasaatiin siidaan akka dhaabbatu ykn wanti maqaasaa madaalu akka hundaa'u hawaasa irraa dhiibbaa guddaatu ture jedha Mo'aan.

Garuu hanga yoonaa jecha afaaniirra darbee wanti qabatamaan mul'ate hin jiru.

Seenaa jireenya isaa bifa kitaabaan qopheessuu, jaarmiyaa barnootaa maqaasaan hundeessuu fi siidaan maqaasaa madaalu akka hojjetamu adeemsa jiraachuu BBCtti hime.

Eebbisaan fuudhee dhala hin godhanne, garuu qabsoon Oromoo wayita firii godhachaa deemuu keessattan mucaa koo ilaala jechuun harmeen isaa Aadde Sannaayit Kabbadaa Gosaa BBCtti himanii turan.

''Seenaasaa qaba malee mucaan koo dhalas hin qabu, maallaqas keewwatee hin qabu, hammanuma ammoo seenaansaa olba'uusaatiif, qabsoonsaa ija godhachuusaatti baayyeen itti boona.''

Haqi ilmasaanii ammallee akka hin baane kan himan Aadde Sannaayit, gumaansaa akka ba'uu qabu gaafataniiru.

''Gumaa gootaa gootatu baasa, gumaan mucaa kootii hin hafu, waaqayyo yeroo eegee gumaa ni baasa,'' jechuun ammallee eelaa qaban dubbatu Aadde Sannaayit.

Eebbisaa Addunyaa eenyu?

Bara 1962 gara dhumaarra Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Doollootti dhalate.

Barnootasaa Mana Barumsaa Olii Dingil jedhamutti eegale. Sadarkaa lammaffaa ammoo Qellemitti barate.

Qormaata biyyaalessaa (maatirikii) osoo qabxii eeggataa jiruu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) biyya seennaan itti makame jedhan harmeen isaa Aadde Sanaayit.

Isa booda warri ABO barsiisummaan ramadanii, Dambi Doolloo hanga Asoosaatti qubee Afaan Oromoo barsiisaa ture jedhan.

''Boodas gara magaalaa Finfinnee deemee sirboota qabsoo Oromoof hundee ta'an hedduu utuma shaakaluu gara Booranaatti ramadamee ture,'' jedhan.

Booranatti erga ergamasaa ba'ee booda Finfinneetti deebi'ee hiriyootasaa waliin utuu sirboota qabsoo hojjetanii, wayita haalli rakkisaa ture sana keessatti lubbuusaa dhabe.

''wayita sanallee an duubatti hin jedhu naan jedhaa ture,'' jedhan.

Weellistoonni gameeyyiin akkamiin Eebbisaa ibsu?

Bara 1991 fi 92 keessa itti dhiyeenyaan kan beekan wallistoota Oromoo gameeyyii kanneen akka Hirphaa Gaanfuree Burqaa, Daawwitee Makonnin, Tottoobaa Taaddasee Margoo, Tseggaayee Dandanaafaa Eebbisaa Addunyaa akkamiin akka beekan gaafanneerra

Artist Tseggaayee Dandanaa Eebbisaa Addunyaa gara baandiitti seenee muziqaa kaassetaan baasuu dura dandeettii gitaaraa qabuun sirboota qabsoo fi aadaatiin waraana bashannansiisaa ture jedha.

''Kaaseta irratti du'e ammoo Baandii Bilisummaa keessatti hojjete,'' jedhe.

Artist Hirphaa Gaanfuree Eebbisaan ''nama baayyee jabaa ture, onneedhaanis dandeettii muuziqaatiinis goota ture,'' jedhe.

Eebbisaan sirbas akka gumaacheef dubbate.

''Sirba Booranaa 'Waa xiqqoo bashaadduu' jedhu isatu gitaaraan na shaakalsiisaa ture. Walaloos hamma tokko isatu barreesse,'' jedhe.

Hiriyoota guyyaa mara waliin oolan ta'uu kan dubbatu Daawwitee Makonnin ''hangan Eebbisaa du'aan dhabutti garagara baanee hin beeknu,'' jedha.

Artist Daawwateen sirba tokko yaadannoo Eebbisaaf sirbeeraaf jedhe.

Wayita Eebbisaan ajjeefamu keessa kaaseta maqaan 'An dhufeen jiraa' jedhamuun beekamu hojjechaa jiraachuu kan dubbatu Daawwiteen, erga albamasaa xumuree sirba tokko keessaa baasee sirba ittiin Eebbisaa yaadatu keessa buusuusaa dubbata.

''Garuu maalan godha utuun sirbuun boo'aa, Eebbisaa Yaadatee keessi koo boba'aa,'' jechuun sirbe.

Hiriyaan Eebbisaa Addunyaa kan Biraan mana tokko keessa waliin Bulaa turan Tottoobaa Taaddasee Margoo waa'ee eebbisaa dubbateera.

''Bara Afaan Oromoo dubbachuun rakkoo turetti Addi Bilisummaa Oromoo qubee barsiisuun ija nu banachiisanii turan. Warra kana godhe keessaa Eebbisaan tokko. Ga'ee inni Afaan Oromoo guddisuu, qubee Faan Oromoo barsiisuu keessatti qabu namni hin beeku. Wallisummaasaa qofa beeka namni.''

''Eebbisaan jalqaba dabballummaadhaan gara Booranaatti bobba'e. Achitti rakkina meeqa argee, isa booda dhufee waajjira ABOtti nutti makame.

Eebbisaanis nu waliin ture. Walaloon sirbootasaa yoo ilaalamu ofkennee, waanuma wareegamu fakkaata,'' jechuun cimina Eebbisaa ibsa.